Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama isaan gidduu jiru karaa nagaan furuuf walii galan

Itoophiyaafi Somaaliyaan Turkiitti wal-gahanii erga mariyatanii booda muddama gidduusaanii jiru karaa nagaan akka furan ibsan.

Biyoonni lamaan jaarsummaa Turkiitin magaala Ankaaratti gaafa Waxabajji 24 bara 2016 ALItti walgahanii mariyachuuni waliigaltee kanarra gahuu kan beeksisan.

Affeerraa Turkiitin ministiroonni dhimma alaa Itoophiyaafi Somaaliyaa marii kanarratti hirmaataniiru.

Ministiira Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Taayyee Atsiqesillaasee fi Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimed Faaqiidha kan hirmaate.

Biyyoonni lamaan muddama isaan gidduu jiru karaa nagaan furuuf fedhii akka qabaniifi walii galuu kan beeksisan ibsa Itoophiyaa, Somaaliyaafi Turkiin waliin ta'uun kennaniini.

Ibsi waloo kun akka agarsiisutti marii kana kan mijessee Ministiira Dhimma Alaa Turkii kan ta'an Hakaan Fiidaan yoo ta'an, bakka bu'oonnni Itoophiyaafi Somaaliyaa fuulafi fuulaan wal-arganii ifatti mariyataniiru.

Itoophiyaafi Somaaliyaan muddaama keessa kan seenan Itoophiyaan Somaalilaand waliin dhimma itti fayyadama ulaa galaanaa irratti waliigaltee wal-hubannoo mallatteessuusheeti.

Somaalilaand akka qaamasheetti kan ilaaltu Somaaliyaan 'Itoophiyaan walabummaa birmadummaa daangaa koo sarbite' jechuun tarkaanfiwwan dippilomaasii garaa garaa fudhattee turte.

Biyyoota lamaan gidduutti muddamni erga uumamee ji'a jaha booda biyyooni lamaanuu muddama kana hambisuuf ifatti wal-arganii mariyachuunsaanii kuni kan jalqabaati.

Marii marsaa lammataafis Hagayya 27, 2016 ALItti Ankaaratti deebi'anii akka wal-argan ibsamee jira.

Ibsi biyyoonni sadan waliin ta'uun baasan irraa hubachuun akka danda'amutti, Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama isaan gidduu jiru karaa nagaafi karaa fudhatama qabuun furuuf walii galanis karaan fudhatama qabu kam akka ta'e ifatti waanti jedhame hin jiru.

Itoophiyaafi Somaaliyaan dhibdee isaanii akka furan Turkiitti mariin akka taasifamu erga ibsamee booda Somaalilaand bakka bu’aa Turkii ofitti waamtee waliin mari’atte.

Ministirri Dhimma Alaa Somaalilaand Dr Iisaa Kaayiditu Qontsilaa Turkii Hargeessaa jiran waamuun kan mari’atan.

Dhimmi mariis ‘waan adeemaa jiruurratti’ akka ta’e eerame.

Ministirri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa baasen Somaalilaand ''yaaddoo ishee'' ibsiteetti jedheera.

Mariin kuni akka taasifame Qontsilaan Turkiis ibseera.

Ministiira Boba'aafi Qabeenya Albuudaa Somaalilaand kan ta'an Mukraatar Ibraahim kanaan dura BBC Somaalifatti akka himanitti, Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin taasifte kan haqxu yoo ta'e Itoophiyaafi Somaaliyaan dhimmoota lamaansaanii fayyadamoo taasisurratti mariyachuu akka eegaluu akka malan himanii ture.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa gamasaan mariin Ankaaratti godhamu "walabummaa tokkummaa daangaa mootummaa federaalaa Somaaliyaa" kan bu'uura godhateedha jedhee ture.

Itoophiyaan Somaalilaand buufata humna waraanaa galaanarraa itti ijaarrattu bifa kiraan argachuuf, bakkasaa ammoo Somaalilaandif beekkamtii dippilomaasii kennuuf walii galuu Somaalilaand beeksistee turte.

Waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand kanaan kan dheekkamte Somaaliyaan dhimmicha hanga Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti geessun Itoophiyaa himattee turte.