Himanni Somaaliyaan waraana Itoophiyaa irratti dhiyeesite 'bu'uura hin qabu'- Mootummaa

Somaaliyaan loltootni Itoophiyaa ''eeyyamakoo malee daangaakoo seenan'' jechuun Mana Maree Nageenyaa UN irratti Itoophiyaa himachuun ishee himata ''bu'uura hin qabnedha'' jedhan Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa.

Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa ce'uun biyyashee seenuu Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti himatteetti.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka bu'aa Somaaliyaa kan ta'an Abukar Dahir Osman loltoonni Itoophiyaa ''kallattiiwwan hedduun'' daangaasaanii cabsanii seenuu Mana Maree Nageenyaa jaarmiyaa addunyaa kanatti himataniiru.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaddar Nabiyyuu Tadlaa ''loltootni keenya Somaaliyaa keessa jiraachuun beekamaadha

Waan haaraan amma mudate hin jiru. Ajajoota waraanaa Humna Ittisaa Itoophiyaa sochii naannichaa hogganan waliin mari'anneerra.

Odeeffannoo qabnuun yaaddoo nageenyaa fuulduratti dhufuu malu ittisuuf kan dandeessisu shaakala waraanaa idilieeti kan gaggeeffamaa ture'' jechuun BBCtti himan.

Waraanni Somaaliyaa daangaa Somaaliyaa ammaan ala bahee to'annoo gaggeessu gara biraan hin jiru kan jedhan Obbo Nabiyyuun ''oppireeshiniin daangaa ce'uun gaggeefame hin jiru'' jedhan.

Itti dabaluun wal jijjiirraan humna waraanaa akkuma kana dura godhamaa ture ammas jiraachuu kan himan dubbii himaan kun, waraanni Itoophiyaa daangaa Somaaliyaa gale jedhamuun himanni dhiyaate ''bu'uura kan hin qabne'' jedhan.

''Waanti ture bakka tokkoo gara bakka biraatti jijjiirraa humnaa, dhiyeessii loojistkii fa'aa malee waan haaraan mudate hin jiru'' jechuun dubbatan.

Haala amma isaan waliin jiruun dhimmicha miiidyaa irratti afarsuuf yoo tahe malee sochiin loltootaa haaraan gaggeeffame hin jiru jedhan.

Jiraattonni kutaawwan bulchiinsaa Somaaliyaa Itoophiyaa waliin wal daangessan keessaa tokko taate, bulchiinsa Hiraan, magaalaa Maatabaan, miseensota Raayyaa ittisaa Itoophiyaa meeshaa gurguddaa hidhatan kumaatamaan lakkaa’aman arguusaanii BBCtti himaniiru.

Bulchaan magaalaa Maatabaan loltoonni Itoophiyaa hidhattoota al-Shabaab hordofanii hayyama mootummaatiin ala daangaa Somaaliyaa ce’uu erga ibsanii booda, miseensonni Raayyaa ittisaa Itoophiyaa kun gara irraa dhufanitti deebi'uu isaanii BBC Somaaleetti dubbataniiru.

Ergama Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti loltootni Itoophiyaa hedduun bobba'uun Somaaliyaa keessaa hidhattoota Al-Shabaab waraanaa turaniiru.

Dabalataanis waliigaltee biyyoota lamaanii waliin tahuun loltootni Itoophiyaa ATMIS ala tahan 5000-7,000 tahan Somaaliyaa keessa buufachuun nagaa kabachiisaa jiru.

Haa tahu malee Somaaliyaan humnootni waraanaa Itoophiyaa Gamtaa Afrikaan ala Somaaliyaa keessa jiran akka bahan Somaaliyaan gaafattee ture.

Ambaasadar Nabiyyuun garuu loltootni Itoophiyaa nagaa kabachiisuuf Somaaliyaa keessaa jiran akka bahan kan murtaa'u mootummaa Somaaliyaatin qofa miti jedhan.

''Ergamni Somaaliyaa keessa jiru mootummaa Somaaliyaan qofa kan kenname miti. Ergama Gamtaa Afrikaati.

''UN'n raggaasifamee ergama nagaa kabachiisaa gaggeeffamudha. Gaaffiin akkasii yeroo jiraatu ammoo nutis irratti mari'achuun maaltu tahuu akka qabu murteesina.''

Ambaasaddar Nabiyyuun haala amma jiruun mootummaa Somaaliyaa irraas tahe Gamtaa Afrikaa ykn UN irraa loltootni Itoophiyaa Somaaliyaa keessaa haa bahan kan jedhu dhiyaatee hin jiru jedhan.

Itti dabaluun ''gaaffii loltoota baasuu mootummaa Somaaliyaa irraa qofa kan dhufu miti. Garuu yoo dhufes ergama keenya erga bahannee booda humna keenya duubatti deebisnee buufata waraanaa [Buffer Zone] banuun taa'uu dandeenya'' jedhan.

Al Shabaab nageenya biyyaalessaa Itoophiyaaf yaaddoo tahuu irra deddeebiin mootummaan ibsaa ture.

Tarii loltootni Itoophiyaa Somaaliyaa keessaa haa bahan yoo jedhame nageenya biyyaalessaa Itoophiyaaf yaaddoo dabalataa tahaa? jedhamuun kan gaafataman Ambasadar Nabiyyuun ''yaaddoo nageenya biyyaaleessaa kan tahu jiraannaan tarkaanfii mataa keenyaa fudhachuuf eeyyama qaama kamiiyyuu hin barbaannu'' jedhan.

Hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaa erga Itoophiyaan bulchiinsa Somaaliilaandi gariin of bulchitu waliin hulaa galaanaa argachuuf waliigaltee mallatteesitee boora'aa dhufeera.

Ambaadar nabiyyuun waliigaltichi maal irra akka gahe yoo gaafataman fuulduratti kan beeksifnu taha jedhan.

Ambaasadarri Itoophiyaa Somaaliyaa turan Moqadiishootii gara Finfinneetti kan waamaman mariifidha jedhan.

Ambasadar Nabiyyuun ambasadarri Itoophiyaa Somaaliyaa turan hojii gara biraaf akka waamaman himuun qonsilaa Somaaliyaa jiru keessaa ammayyuu dippilomaatotni keenya hojiirra jiru jedhan.

Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf Somaaliilaandi waliin waliigaltee mallatteesite Somaaliyaan akka haqamu barbaaddi. Somaalilandi ammoo hulaa galaanaa Itoophiyaaf kennuun bakka isaa Itoophiyaan beekkamtii biyyummaa akka kennituuf barbaaddi.

Haalli kun naannichatti muddama uumurra darbee yaaddoo nageenyaa jabaas uumeera.