Itoophiyaa fi Somaaliyaan muddama gidduu isaaniitti dhalate tasgabbeessuuf Tarkiitti mari'achuuf

Muddama Itoophiyaa fi Somalaiyaa gidduutti mudate mariin tasgabbeessuuf ministirootni dhimma alaa biyyoota lameenii Tarkii galan.

Marii Waxabajji 24 bara 2016 gaggeeffamu kana irratti hirmaachuuf Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimed Faaqii fi Min. Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Taayyee Astqesillaasee Tarkii magaalaa Ankaaraa galuu isaanii maddeen BBC Afaan Somaaleetti himaniiru.

Ji'oota jaha dura Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf Somaaliilaandi kan Somaaliyaa irraa cituun ofin of bulchitu waliin waliigaltee wal hubannoo [MoU] mallatteesitee ture.

Ergasi Moqadishoo fi Finfinnee gidduu mudama guddaan dhalateera.

Akka waliigaltee wal hubannaa sanaatti yoo Somaaliilaandi hulaa galaanaa fi bakka buufata waraanaa galaana isheerraa Itoophiyaaf laattu, Itoophiyaan ammoo bakka isaa Somaaliilaandiif beekkamtii biyyumma akan kennitu taha.

Haa tahu malee waliigaltichi Somaaliyaa akka malee dheekkamsiisuun kun walabummaa somaaliyaa kan sarbedha jechuun himatte.

Ambaasadara Itoophiyaa Mooqadishoo turan baasuun ambaasadara ishee Finfinnee jiranis biyyati waamteetti.

Dabalataan humni waraanaa Itoophiyaa Somaaliyaa keessa socho'uun Al-Shabaab waraanu akka biyya isheetii bahus gaafatteetti.

Torbanota darbe ammoo humni waraanaa Itoophiyaa eeyyamakoo malee daangaakoo seenaniiru jechuun Mana Maree Nageneyaa UN irratti himatte.

Itoophiyaan ammoo himannaan Somaaliyaa kun ''kan bu'uura hin qabne'' jechuun kuffiiste. Waraana ishee Somaaliyaatii baasuu ilaalchisee garuu kun murtoo mootummaa Somaaliyaan qofa kan murtaa'u miti.

Ergama nagaa kabachiisuu kanaaf kan waliigalee bobbaase Gamtaa Afrikaati jette.

Aanga’oonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa dhuguma ‘’mariif’’ Tarkiitti walga’anii?

Itoophiyaa fi Somaaliyaan Tarkiitti kan walga’aniif ‘’mari’achuuf’’ akka ta’e Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ibsa isaa keessatti eereera.

Ministeerri Dhimma Alaa kun ergaa X (duraan tiwiitara ture) irratti erga maxxansee booda xiqqoo turee balleesseen ministirri dhimma alaa biyyattii marii jaarsummaa Tarkiin gaggeeffamurratti hirmaachuuf Ankaaraa galuu ibseera.

‘’Ministirri Dhimma alaa jilasaanii qabatanii marii jaarsummaa Tarkiitiin Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti gaggeeffamurratti hirmaachuuf gara Ankaaraa imalaniiru,’’ jedha ibsi ministeera dhimma alaa Somaaliyaa.

Marii biyyoota lameen gidduutti gaggeeffama jedhame kana ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaan wanti jedhame jiraachuu baatus, maddeen BBC Afaan Somaalee Ambaasaaddar Taayyee Atsqesillaasee gitasaanii kan Somaaliyaa dursanii Tarkii seenuu mirkaneessaniiru.

Tarkiin maaliif mariisistuu taate?

Waliigaltee dhimma ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti mallattaa’e booda dhibdeen biyyoota Gaanfa Afrikaa kunneen gidduutti uumame akka tasgabbaa’uuf biyyoonni fi jaarmiyaaleen naannawaa kanaa irra deddeebiin gaafachaa turaniiru.

Itoophiyaa fi Somaaliyaan rakkoo gidduusaaniitti mudate mariidhaan akka furaniif kanneen gaafachaa turan keessaa Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaa, Gamtaan Afrikaa, Keeniyaan akkasumas Tarkiin adda durummaa eeramu.

Tarkiin Itoophiyaa fi Somaaliyaa waliin hariiroo diinagdee fi waraanaa cimaa qabdi.

Akkaataa itti fayyadama ulaa galaanaa irratti waliigalteen walhubannoo Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti erga mallattaa’ee ji’a afur booda Tarkii fi Somaaliyaan waliigalteewwan diinagdee fi waraanaa mallatteessaniiru.

Qabiyyeen waliigaltee kanaa bal’inaan ibsamuu baatus, Tarkiin- keessattuu gama humna ittisaan, humna galaanaa Somaaliyaa cimsuu fi handaara galaanaa biyyattii eeguurratti tumsuuf waliigaluun barameera.

Waliigalteen kun erga mallattaa’ee ji’oota booda dooniin waraanaa Tarkii gosti ishee sirriitti hin ibsamne buufata doonii Moqadishoo geessee turte.

Wayita doonii kanaaf simannaa ho’aan taasifameefitti Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamuud haasaa taasisaniin deeggarsa mootummaa fi uummata Tarkiitiin ‘’Somaaliyaan humna galaanaa mataashee fayyadamuun daangaa galaanaa ishee yeroon itti to’attu fagoo miti,’’ jedhan.

Haala walfakkaatuun Tarkiin Itoophiyaa waliinis waliigaltee waraanaa mallatteessitee jirti.

Waggaa sadi dura Ministirri Muummee Abiy gara Ankaaraa imaluun waliigaltee waraanaa fi maallaqaa qabiyyeensaa bal’inaan hin ibsamne Pirezidant Rasip Xayyib Ergdogaan waliin mallatteessanii turan.

Ministirri Boba’aa fi Albuudaa duraanii Somaaliyaa Mahaammad Mukratar Ibiraahim BBCtti akka himanitti, Itoophiyaan waliigaltee wla hubannoo Somaaliilaandi waliin mallatteesite kan dhiistu yoo tahe, Finfinneefi Moqadishoon dhimmoota laman isaniif faayidaa qabu irratti marii jaqabuu danda’u.

Itoophiyaan buufata doonii Somaaliilaandi caalaa haalli buufataalee doonii Somaaliyaa itti fayyadamtu jiraachuu akka danda’u himan.

Ministeerri Dhima Alaa Somaaliyaa dhimmoota marichaa bal’inaan ibsuu baatanis maxxansa isaanii irratti Somaaliyaan ‘’mootummaan federaalaa Somaaliyaa qajeelfama tokkummaa daangaa isaa kabachiisuu jedhu irratti ejjennoo hin sochoone qaba’’ jedhan.

Walgahii Hawwaasa Baha AFrikaa Mooqadiishotti gaggeefame irratti pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Shek Mahaammad Itoophiyaan hula galanaa fi buufataalee doonii Somaaliyaa fayyadamuu irraa mormii hin qabnu jedhanii ture.

Ha atahu malee Itoophiyaan hula galaanaa akka fayyadamtu kan eeyyamnu Itoophiyaan ‘’yoo adeemsa seera qabeessa deemte’’ qofaadha jedhan.