Akkamiin kaansariin dhiigaa hin fayyine wal'aansa addaan 'fayye?'

Shamarree kaansarii dhiigaarraa fayyite, kishaafee godhatteetti, rifeensa booraa qabdi. Qomee adii keewwatteetti.

Wal'aansi kanaan dura asoosamoota saayinsii keessatti mul'atu dhugoome kaansarii dhiigaa hamaa, dhukkubsattoota tokko, tokkoo fayyisuu gabaasni hakiimotaa agarsiisa.

Yaaliin kuni DNA seelii adii gulaaluun 'qoricha lubbuu qabeessa' seeliiwwan kaansarii lolutti geeddaruu fa'i dabalata.

Shamarreen yeroo jalqabaaf bara 2022tti yaalii kana fudhatte ammallee kaansarii irraa bilisa yoo taatu, saayintistii kaansarii tahuufis fedhii qabdi.

Yeroo ammaa daa'imman saddeetiifi ga'eessoti lama gosa kaansarii dhiigaa T-cell acute lymphoblastic leukaemia jedhamu qaban yaala kana fudhachuun booda, kaansariin isaanii harka 64 tahu badaa jira.

Seelonni dhiigaa T-cells jedhaman silaa loltoota qaama keenya eegan- diina barbaadanii barbadeessani dha.

Yeroo kaansariin mudatu garuu seelonni kunneen to'annoon ala baay'atu, ni tamsa'u.

Namoota dhukkuba kanaan qabaman kiimooteeraappiifi dhuka lafee geeddarachuuniyyuu hin hojjetuufi, du'a isaanii salphisuu qofatu fala ture.

''Waanin du'u natti fakkaatee ture, kan guddadhuufi waan ijoolleen godhan hunda waanin gochuu danda'u natti hin fakkaatu ture,'' jetti shamarreen ganna 16 Aliisaa Taaplii, UK Leestar irraa.

Shamarreen kuni nama jalqabaa yaalii kana Hospitaala Great Ormond Street jedhamutti fudhate dha.

Wal'aansi waggaa sadii dura kennameef sirna madiinummaa qaama ishee hunda haquu, achiin haaraa biqilchuu fa'i dabalata. Kanaanis baatii afur hospitaala keessatti dabarsiteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo ammaa kana kaansariinshee sadarkaa mul'achuu hin danda'amnerra kan gahe yoo tahu, waggaatti al tokko qofa mana hakiimiitti ilaalamuu qabdi.

Aliisaan, ''saayinsii baayoomeedikaalaa hojjechaa barachuu barbaada, gaaf tokko ammoo qorannoo kaansarii nan hojjedha,'' jetti.

Gareen ogeessota fayyaa University College London fi hospitaala Great Ormond Street Hospital wal'aansa kana 'base editing' jechuun waamu.

Ogeeyyiin kunneen 'base editing' keessatti bu'uuraaleen qaccee sanyii keenya ijaaran afur akka jiran himu. Isaanis afaan jireenyaati jedhu: adeenaayiin(A), saayitoosiin(C) guwaanaayiin(G) fi taayimiin(T)- akkuma afaan keessatti qubeen jecha hiika kennu ijaaru, DNA keenya keessas bu'uuraaleen biiliyoonaan lakkaa'aman qajeeltoo qaama keenyaa dubbatu.

Bu'uuraalee kunneen yeroo gulaalan saayintistoonni bu'uuraalee qaccee sanyii keenya seeccanii erga ilaalaniin booda caasaa molokiyuulii bu'uura tokkoo geeddaruun, gosa biraa tolchuun qajeelfama haaraa qopheessuu jechuu dha.

Qorannoon kuni humna seelii T-cells jedhamanii fayyadamuun seeliiwwan kaansarii akka lolu godhan

Haala kana keessatti seeliiwwan T-cells fayyaalessa tahan warraa dhukkuba fidan akka adamsan qindeessan kunis wal'aansi kuni ofiin akka of hin haqne taasisa.

Dr Debooraa Yaaloop ogeettii fayyaa dhiigaafi dhukkubaoota dhiiga waliin hidhata qabanii yoo taatu, ''wal'aansi kuni kaansarii lukiimiiyaa dhukkuba hin fayyine fakkaatu irratti yaalamee hojjechuun waan ajaa'ibaati,'' jetti.