Liiverpuul v Maanchester Siitii dabalatee tilmaama taphoota Piriimer Liigii torban kanaa

Madda suuraa, Getty Images
Dilbata Maanchester Siitiin gara Anfiild deemee Liiverpuul waliin taphata.
Walitti aansuun kan mo'amaa jiru Maanchester Siitiin dirreen ala Liigicha dursaa kan jiru Liivarpuul dhaqee morkata. Maanchester Siitiin tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaarratti 3 fi 0n dursaa oolee daqiiqaa 75 booda sadii itti galuun walqixa bahuun isa gubaa jira jedha xiinxalaan kubbaa miilaa Kiriis Saatan.
"Kilabiin baayyee guddaa ture amma sadarkaa giddu-galeessaarra kan jiru fakkaateera,“ jedha.
Saatan tapha kana dabalatee taphoota torba 13ffaa Piriimer Liigii akka itti aanutti tilmaameera.
Jimaata
Biraayiten v Saawuzhaamipten
Saawozihaampiten Liiverpuul waliin dorgomaa cimaa ta'ee ture garuu taphoota 12 taphate keessaa 10 mo'ameera.
Leenjisaan Resiil Maartiin gatii kan isa baasisu ta'ullee akkaataa taphasaanii waan jijjiiran hin fakkaatu. Taphni kun Saawozhampiteniif kan 11ffaa itti mo'atamanidha.
Biraayiten torban darbe taphattoota 10 qabatee Barnimaaziin mo'achuu kan danda'e yoo ta'u, tapha kanaan ammas mo'ichi kanuma isaanii ta'a.
Tilmaama: 2 – 0
Sambata
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bireentifoord v Leestar Siitii
Hanga ammaatti Ruud Vaan istirooy Leenjisaa Leester Siitii ta'uun isaa ifatti hin mirkanoofne.
Leenjisichi tapha kana dura garee kanatti osoo makamuu baatee isaaf wayya.
Kanaaf ammoo sababii kan ta'u, Bireentifoord bara kana cimina gaariirratti waan argamuufidha.
Tilmaama: 2 – 1
Kiristaal Palaas v Niiwukaasil
Bara kana Liigicha keessatti tapha tokko qofa mo'achuu kan danda'eefi torban darbe ammoo Aston Viilaa waliin walqixa kan ba'e Kiristaal Paalaas, qabxii walitti qabachuu qaba.
Taphni kun garuu qabxii shan kan irraa argatu miti. Niiwukaasil mo'atamuu torban darbe isa mudaterraa dandamachuu danda'a.
Tapha kana Niwuukasil waan mo'amu hin fakkaatu. Kun walqixaan kan xumuramu ta'a.
Tilmaama: 1 – 1
Notingihaam Forest v Ipsiwiich
Ipsiwiich torban darbe Maanchester Yunaayitid waliin walqixa kan bahe ta'us, torba kana garuu ni mo'ama.
Ipsiwiich taphattoota ciccimoo qabachuun alatti, tapha gaarii tappata. Andiree Onaanaa osoo karra sirriitti hin eegne ta'ee Maanchester Yunaayitidiniiyyu ni mo'atu ture.
Taphoota lama mo'amuun booda Nootingihaam Forest gara injifannootti deebiya.
Tilmaama: 2 – 1
Woolvis v Barnimaaz
Woolvis bara dorgommii kana haala rakkisaan jalqabullee bu'a-qabeessa ta'uu jalqabeera.
Torban darbe Fuulhaamiin injifachuun isaanii ammoo agarsiiftuudha.
Barnimaaz Biraayiteniifi Bireentifordiin mo'amullee gareen kun carraa uumee danda'ee ture.
Tapha kanaan gooliin afur lakkoofsifamee gareen lamaan wal qixa bahu.
Tilmaama: 2 – 2

West Haam v Arsenaal
Jalqabbii gaarii kan hin argisiifne West haam, WIixata Niwukasil mo'achuun qabxii barbaachisaa sadii milkeeffateera.
Maartiin Odegaard miidhaarraa deebiyee sirriitti dadammaqaa kan jiru Arsenaal waliin taphachuun garuu ni cima.
Ze Gaaners kan jedhaman dursaa taphattoota isaanii malee haalli jiru itti toluu baatus, yeroo inni deebiyu garuu jijjiirama barbaadan akka fiduu danda'an agarsiisaa jiru.
Tilmaama: 0 – 1
Dilbata
Chelsii v Aston Viilaa
Aston Viilaan toban darbe bu'a-qabeessa ta'uu baatus Shaampiyoons Liigirratti goolii ittiin Juuventuusiin mo'ate tokko daqiiqaa dhumaarratti jalaa haqameera.
Karra eegaan Aston Viilaa cimaa ta'ullee tapha kanaan garuu karra isaa osoo hin tuqsiisiin bahuu hin danda'u.
Tapha kana Chelsiin olaantummaan xumura. Kool Paalmer bara akka eegame hin taanetti, Nikoolaas Jaaksan goolii oomishaa jira.
Tilmaama: 2 – 1

Manchester Yunaayitid v Everton
Leenjisaan haaraan Ruuben Amorim dhufuu hordofee gama Maanchister Yunaayitidiin abdiin jiraatus, abdiin kun gara bu’aatti kan jijjiramu jijjiirraa lamaa fi sadii booda ta’a.
Akkaataan isaan Ipsiwich waliin jalqaban gaarii ture, garuu gareen maqaa Tiraakteroota jedhamuun beekamu kun boodarra kan fooyya'an yoo ta’u, rakkoon akka jiru agarsiisa.
Gareen kun sarara jalqabaa irratti Kiristaan Eriksen fi Kaasemiroo qabatee, bifa 3-4-3n taphachuun akka rakkisu mul'ateera.
Gareen Shawun Diyach torbee darbe taphattoota Birentiford 10 ta’uun taphatan injifachuu hin dandeenye.
Gareen Man Yunaayitid gara ga’uumsa barbaadamutti deebi’uuf yeroo waan barbaaduuf, taphi kun Evertaniif carraa gaarii dha.
Tilmaama: 1 – 1
Tootenhaam v Fuulhaam
Tootenhaam torbee darbe Maanchistar Siitii 4-0n injifachuu danda'eera.
Karra egaan Totenhaam Vikaariyoon miidhameera.
Fuulhaam tapha bara kana taasisaniin Maanchester Yunaayitid waliin kan taphataniin alatti goolii lakkoofsisaniiru.
Fuulhaam tapha kanaanis goolii lakkoofsisullee taphattoonni Tootenhaam akka Siitii waliin taphatan sanatti sochoonaan mo'ichi kan isaanii taati.
Tilmaama: 3 – 1

Liiverpuul v Maanchester Siitii
Liiverpuul Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti Riyaal Maadiriidiin mo'achuun milkaa'us Konoor Biraadiliin miidhamee bahuuf dirqameera. Ibiraahim Konaateenis kufaatii fokkisaa tokko kufeera.
Taphattoonni kunneen lamaan kan hin galle taanaan tilmaamuudhaaf rakkisaadha.
Gama biraatiin Erliing Halaand torban darbe goolii hin lakkoofsisiin hafuun alatti inni lakkOofsisuu baannaan ammoo gareen isaa bu'a qabeessa hin ta'u.
Tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Feeyinoord waliin tureerratti Siitiin 3 fi 0 irraa dursaa turee daqiiqaa 75 booda 3 fi 3 walqixa ta'e.
Miilanas wanti kana fakkaatu mudachuu danda'a.
Peep Gaardiyoolaan yaaddoo keessa galeera. Taphattoonniisaas ofitti amanamummaan qaban gadi bu'eera.
Ta'us garuu gareen kun tapha kam keessattiyyuu haala mudate jijjiiruun cimina agarsiisuu warra danda'an qaba.
Konaateefi Biraadiliin hiriiruu baatanis garuu Anfiild irratti garuu kun waan milkaa'u hin ta'u.
Tilmaama: 4 – 1












