Taphattoonni Faransaay dhukkubsatan qofaatti kutaa isaanii keessa tursiifaman

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonni Faransaay hedduun utaalloon qabamaniiru. Raafaa’eel Vaaraanii fi Ibiraahim Koonaateen dhukkubsatanii shaakala osoo hin hojjetiin hafaniiru jedhe Federeeshiniin Kubba Miilaa Faransaay.
Taphataan sarara ittisaa Daayot Upamekanoo fi Adiriyaan Raabiyoot sababa dhukkubsataniif tapha Morookoo 2 fi 0’n mo’atan irratti hin taphanne.
Sarara duraa irra kan taphatu Randal Kooloo Mu’aanii taphattoonni utaalloon qabaman adda bahuun kutaa isaanii keessatti dabarsaa jiru jedhe.
Faransaay Dilbata sa’a 12:00 [15:00 GMT] akka sa’a Itoophiyaatti Arjentinaa waliin waancaaf morkatu.
‘’Warri dhukkubsatan kutaa isaanii keessa jiru,’’ kan jedhe Mu’aaniin gareen isaanii vaayirasii homaa akka hin sodaanne dubbate.
‘’Hakiimonni isaan yaalaa jiru, nuyis isaan irraa fageenya keenya eeggannee jirra,’’ jedhe. ‘’Kana irratti baay’ee of daangessina.’’
Taphataan sarara duraa Osmaan Dembelees gareen isaanii ‘’vaayirasii hin sodaatu’’ jechuun dabalee dubbate.
‘’Of eeggannoo taasisaa jirra, taphataan kamuu qophii taha jedheen yaada’’ jedhe.
Leenjisaan Faransaay Diidee Diishoon Raafaa’el Vaaraanii fi Raabiyoot tapha xumuraaf ni gahu jechuun Roobii darbe dubbataniiru.
Haa tahu malee, Koonaatee fi Vaaraan kan hin fayyine yoo tahe sarara ittisaa irratti taphattoota jajjaboo filachuun isaan rakkisuu mala.
Diidee Diishoon bara 1998 taphataa tahanii Waancaa Adunyaa biyya isaanii faransaay waliin mo’ataniiru.
Bara 2018 ammoo leenjisaa garee biyyaalessaa Faransaay tahuun Waancaa Adunyaa mo’atan.
Bara 2022 xumura Waancaa Adunyaa Kaataariif Arjentiinaa waliin falmatu.
Faransaay Dilbata boruu yoo waancaa Adunyaa mo’atan erga bara 1938 as leenjisaa jalqabaa tahuu isaaniiti.
Faransaay ammoo erga Biraazil walitti aansuun bara 1962 Waancaa Adunyaa mo’attee biyya jalqabaa shaampiyoonummaa ishee kabachiifatte taati.
Leenjisaan Faransaay Diidee Diishoon yoo waancaa kana mo’atan tapha xumuraa isaanii tahuu mala.












