'Bishaan baachuurraa' hanga Waancaa Adunyaarratti seenaa hojjechuutti-Leenjisaa Faransaay

Diidee Diishoo-Leenjisaa Faransaay

Madda suuraa, Getty Images

Bara 1998 taphataa tahee Waancaa Adunyaa biyya isaanii faransaay waliin mo’ataniiru. Bara 2018 ammoo leenjisaa garee biyyaalessaa Faransaay tahuun Waancaa Adunyaa mo’atan. Bara 2022 xumura Waancaa Adunyaa Kaataariif Arjentiinaa waliin falmatu.-Leenjisaa Faransaay Diidee Diishoo.

Faransaay Dilbata boruu yoo waancaa Adunyaa mo’atan erga bara 1938 as leenjisaa jalqabaa tahuu isaaniiti. Faransaay ammoo erga Biraazil walitti aansuun bara 1962 Waancaa Adunyaa mo’attee biyya jalqabaa shaampiyoonummaa ishee kabachiifatte taati.

Leenjisaan Faransaay Diidee Diishoon yoo waancaa kana mo’atan tapha xumuraa isaanii tahuu mala.

Dilbata garee Arjentiinaa Liyonel Mesiidhaan onnachiifaman waliin taphatanii yoo mo’amanillee seenaa kubba miilaa Faransaay keessatti akka taphataa fi leenjisaatti maqaa addaa horataniiru.

'Bishaan baachuurra kan darbe homaa hin turre'

Diidee Diishoon Faransaay, Xaaliyaanii, Ispeenii fi Ingilaandi keessa kileboota adda addaaf taphataniiru.

Sarara ittisaa fuuldura kan taphataa turan Diishoon taphataa jabaa turan.

Garuu namootni baay’een taphataa dinqisiifatan hin turre.

‘’Diishoon kan milkaa’eef waan qabu 100% waan kennuuf. Garuu nama bishaan baaturra kann darbe homaa nama tahuu hin dandeenye ture. Taphataa akka isaa daandiirra ijoollee taphattu keessaayyuu argatta’’ jedhe Erik Kaantoonaan gaaffiif deebii bara 1996 kenne irratti. Kaantoonaa fi Diidee Diishoon Faransaayiif waliin taphataa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Diidee Diishoon bara 1993 fi 1996 Waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo’ataniiru. Garuu akkas jedhan ‘’ijoollee daandii irra taphattu Waancaa Shaampiyoonsi Liigii lama mo’atte meeqa argatta?’’

Bara 2001 yeroo soorama bahu, xumura Waancaa Shaampiyoonsi Liigii afur irratti taphateera. Waancaa shan [Maarsee waliin lama, Juuvantas waliin sadii] mo’ataniiru. Akkasumas Coppa Italia, Juvantas waliin, Chelsii waliin ammo FA Cup injifataniiru.

Biyya isaanii Faransaayiif yeroo 103 hiriiranii taphataniiru. Bara 1998 yeroo Faransaay Waancaa Adunyaa mo’attu dursaa taphattootaa turan. Waancaa Awurooppaa bara 2000 yeroo mo’atanis akkasuma.

Miiltoo Diidee Diishoo kan turan Maarsel Diisaalii dookumantarii BBC Akkamiin Waancaa Adunyaa mo’atu, jedhu irratti;: ‘’Diidee Dishoo dursaa gareekoo hundaa ture.Gaggeessaa uumamaan dandeettii guddaa qabu tahuu irraa argita,’’ jedhe.

Hojiin leenjisummaa isaanii Moonaakoo, Juvantas, Maarsee keessatti erga dabarsanii booda leenjisaa garee biyyaalessa Faransaay tahuun bara 2012 muudaman.

Bara 2005 xumura gahanii erga mo’amanii booda Faransaayiif barri 2010 inumaa hamaa ture.

Tapha tokkollee osoo hin mo’atiin haftee garee ishee keessaa dhumarra tahuun xumurte. Leenjisaa yeroo Sanaa Raymoondi Doominiikii fi taphataan Faransaay yeroo Sanaa Nikoolaas Aneelkaan wal dhabnaan taphattootni shaakala hojjechuu didan.

Yeroo kana akkuma Diidee Diishoo Waancaa Adunyaa kan Faransaayiif taphachuun mo’atan Looren Bilaa leenjisaa Faransaay tahan.

Garuu Faransaay nuusa xumuraa irratti Ispeeniin mo’amnaan isaanis gadhiisan. Yeroo kana ammo hiriyaan isaanii Diidee Diishoon hojicha harkaa fudhatan.

Milkaa’inaaf nama yeroo hundaa kutatanii hojjetan jedhamuun beekamu.

Ergasii Faransaay nuusa xumuraa Waancaa Adunyaa Biraaziliif geessee baricha Shaampiyoonaa kan taate Jarmaniin mo’amtee keessaa baate.

Bara 2016 yeroo Faransaay Waancaa Awurooppaa qopheesite xumuraaf gahanii Poorchugaaliin mo’amuun waancaa dhaban. Waggaa lama booda Raashiyaatti Waancaa Adunyaa harkaan gahatan. Ammas Kaataar irratti itti aggaamaa jiru.

Diidee Diishoon maqaa nama dhuunfaa caalaa cimina garee irratti xiyyeeffatu.

Waancaa Adunyaa Kaataar irratti taphattootni Faransaay jajjabaoon akka Kaarim Beenzeemaa, Nigooloo Kaantee, Pool Poogbaa, Kiristoofer Inkuukuu fa’aa miidhamanii hafan.

Isaan taphattoota qaban fayyadamuun akka gareetti ijaaranii cimsuun xumura Waancaa Adunyaaf dhaqabsiisa.