'Seenaa akka hojjennuuf guutuu Afrikaa fi biyyoonni Arabaa nu deeggaru'-Leenjisaa Morookoo

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Morookoo Waalid Reeguraay Waancaa Addunyaarratti seenaa hojjechuuf deeggarsa guutuu Afrikaa fi biyyoota Arabaa akka qabnu nan amana jedhan.
Morookoon yoo Poorchugaaliin mo'atteef biyya yeroo jalqabaaf ardii Afrikaa irraa Waancaa Addunyaa irratti gara walakkaa xumuraati darbitu taati.
Dabalataan Morookoon biyya uummata Islaamaa hedduu qabdu waancaa Kaataar qopheessite kana keessatti haftedha.
"Uummata Afrikaa fi Arabaa of duubaa qabna,'' jedhan leenjisichi.
''Waan kun gaarii tahee garuu jalqaba uummata Morookoof taphanna'' jedhan.
Waancaa Addunyaa irratti gara nuusa xumuraatti darbuun Morookoof seenaa addaati.
Biyyattiin kana dura al-tokko qofa sadarkaa kana irra kan geesse yoo tahu, kunis bara 1986 yeroo lammaffaaf Waancaa Addunyaa irratti yeroo hirmaatan ture.
Daandiin Qilleensaa Morookoo balalii dabalataa torba ramaduun deeggartootni hedduun akka gara Kaataar deemuun biyya isaanii deeggaran gochaa jira.
''Biyyaa fi gareekoon baay'een boona'' jedhan leenjisichi tapha dursuun ibsa yoo kennan.
"Uummanni nuyiin of waamaa jira. Uummata Morookoo hundaa tokkoomsine. Kun maallaqaa fi waancaa kamirrayyuu caala garuu taphicha mo'achuuf qophiidha'' jedhan.
''Poorchugaaliif kabajaa guddaa qabna, taphattoota jajjaboo qabu garuu akka isaaniif qormaata taane isaanuu beeku,'' jedhan.
Morookoon jalqabas garee ishee keessaa qabxii torban tokkoffaa taatee darbite. Booda Ispeen biyya carraa Waancaa Addunyaa Kaataar injifachuu qabdi jedhamtee turte mo'achuun nuusa xumuraatti darban.
Biyyootni jajjaboon akka Biraazil Kiroosheyaan mo'amuun dorgommicha keessaa yoo bahan Arjentiinaan Nezerlaandisiin mo'achuun darbite.
Jarman garee ishee keessaallee darbuu hin dandeenye.
Taphni jabaan Ingilaandii fi Faransaay gidduutti gaggeeffamus haalaan eegama. Kun garee Gaarez Saawuz Geetiif qormaata jabaa taha.
Faransaay waancaa Addunyaa Raashiyaan bara 2018 mo'achuun ishee ni yaadatama.












