Moojuliin Yunivarsiitin Jimmaa 'seenaa Oromoo jallise' jedhame attamiin qophaa’e?

Madda suuraa, Jimma University/ Facebook
Yunivarsiitiin Lixa Itoophiyaatti argamu Yunivarsitiin Jimmaa erga barruun barnootaa dhimma seenaa irratti gaaffiin itti ka'e booda qorannoo eegaluu beeksise.
Pirezidantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaa Fiixaa BBC'tti akka himanitti rakkoon kun barruu barnootaa barattoonni barnoota fagoo itti baratan irratti mudate.
Moojuliin gaaffiin irratti ka'e jedhame kan korsii barnoota Sociology of Ethiopian Societies (SOCI 2022) jedhamudha.
Dr. Jamaal barnoota 'seenaa Oromoo jallisee dhiyaate' jedhan irratti tarkaanfiin hatattamaa fudhatamuu himan.
Yunivarsiitichi tarkaanfii fudhachuu isaa dura namoonni fuulawwan moojulichaa jedhaman kana miidiyaa hawaasummaa irratti wal-harkaa fuudhaa turan.
Moojuliin barnootaa kun kan qophaa’e Yunivarsiitii Jimmaatiin yoo ta’u, barattoota barnoota fagoo hordofaniin kan qophaa’e ta'u yunivarsiitichi mirkanesseera.
Barsiisonni Yunivarsiitii akkaataa qajeelfama sirna barnoota biyyattii irratti hundaa’un sirna barnootaa ykn moojulii ittiin barsiisan qopheessuf bilisummaa akka qaban kan himan Dr. Jamaal, “Bilisummaa barnootaa qabaniin waan seenaa sabaa jallisuu fi jeequmsaaf nama kakaasurra oolchuu hin qaban,” jedhu.
Akkaataa qajeelfamaatti moojulii barnootaa akkanaa kan qopheessu sadarkaa kolleejjiitti yoo ta’u, hojicha ammoo kan hogganu hogganaa dhimma akkaadamii (academic affairs) ykn itti aanaa pirezidaantii ta’u himu Dr. Jamaal.
Akka moojuli miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jiru irraa mul’atutti moojulii kun kan qophaa’e Yunivarsiitii Jimmaatti Kolleejjii Social Science and Humanities jalattiidha.
Yunivarsiitiin Jimmaa tarkaanfii maal fudhate?
Oduun moojulii barnoota fagoo Yunivarsiitii Jimmaatin qophaa’e kun falmii kan kaase ta’uun isaa akkuma odeeffannoo argateen tarkaanfiwwan garaa garaa fudhachuu ibsa yuunivarsiitichi.
Yuunivarsiitichi ibsa guyyaa kaleessaa fuula Facebook isaa irratti baasen yaadni moojulicha keessatti ibsame ejjennoon Yunivarsiitii Jimmaa kan hin ibsine tahuu fi Fulbaana 22, 2022 irraa kaasee moojulichatti fayyadamuu akka dhaabe ibsee jira.
Dabalataanis, namoonni moojulii kana qopheessanii fi gulaallii keessatti hirmaatan hojiirraa akka dhaabsifaman gochuun hatattamaan qoratamanii tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamu murteessu beeksise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka seeraatti moojuliin barnootaa erga qophaa’ee booda yoo xiqqaate gulaalli sadarkaa lamaan ilaalamuun osoo qabaatuu gulaalan tokko qofti ilaaluu himu.
“Amma koreen naamuusaa hundaa’ee badii kana keessatti namoota hirmaatanii fi akkaataa hirmaannaa isaanii adda baasuuf qorannaan gaggeeffamaa jira. Akkuma badii hojjatetti namni itti gaafatamuu qabas” jedhan.
Dr Jamaal koorsin kun haaraa fi kanaan dura barsiifamaa kan hin turre ta’uu ibsuun, rakkoon jiru koorsicha barachuu osoo hin taane moojuliin qophaa’e sirnaan kan qoratamee fi gulaalame ta’uu dhabuu isaa akka ta'e dubbatan.
Dhimma gahuumsaa fi muuxannoo namoota moojulii kana qopheessuufi gulaaluurratti hirmaatanii kan gaafataman Dr. Jamaal, “Dhimmi isaanii qorannoorra jira waan ta’eef waa’ee isaanii dubbachuurraa qusadha” jedhan.
Gama biroon Yuunivarsiitichi ibsa baase keessatti moojuloonni barattootaaf raabsaman kun bakka jiranii fuunanamanii akka dhabamsiisan, akkasumas rakkoon biraa akka hin uumamneef moojuloonni barnootaa biroos sirriitti akka ilaalaman jedhe
Moojilicha keessatti maaltu jedhame?
Dhimmi ijoo moojulii kana keessa gaaffii kaase waa'ee seenaa achii dhufaa fi qubsuma ummata Oromoo ilaalchiisuun barraa'edha.
Fuulawwan muraasa moojulichaa miidiyaa hawasaa irratti qoodamaa ture irraa akka argamutti sabni Oromoo bakka biraatii dhufee lafa gidugaleessa fi gara kallattii lixaa jiru akka qubate ibsa.
Kana malees wantoonni seenaa dabsuun barraa'ee jira jedhaman fuula miidiyaa hawaasaarratti qoodaman keessatti hammatameera.
Yunivarsiitichi ''moojulicha keessatti seenaa ummata Oromoo ilaalchisee ibsi kenname sirri kan hintaaneefi seeraan ala'' jechuun ibsa baaseen hime.
Pirezidaantin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abba Fiixaa, “Gochaan kun duudhaa fi hojii Yuunivarsiitii Jimmaa tasumaa bakka kan hin buunedha'' jechuun dubbatan.
Itti dabaluunis, ''Gocha seenaa sabaa jallisuu fi waan saba walitti buusu irratti obsi kamiyyuu jiraachuu hin qabaatu. Nutis kanaaf tarkaanfii hatattamaa fudhanne” jedhan.
Wantoonni akkanaa Itoophiyaa keessa yoo mudatan kan jalqabaa miti.
Dhimmoota Itoophiyaatti wal falmisiisoo ta'aniifi madda waldhibdee ta'an keessaa tokko seenaa kana dura barraa'aniifi barreeffamaa jiranidha.
Ekispartoonni garuu namoonni seenaa siyaasaaf osoo hin loogiin dhugaa jiru barreessuutu irraa eegama jechuun gorsu.












