Trump waliigaltee waraana dhaabuu Gaazaf wixata gara Masrii imalu, Maaltu eegama?

Madda suuraa, AFP
Akka miidiyaalee mootummaa Masrii jedhanitti Pirezidaantii Ameerikaa dabalatee hoggantootni biyyoota 20 ol ta'an waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi akkataa nagaa fi tasgabbii Baha Giddu-galeessaatti fiduun danda'amu irraatti hirmaatu jedhamee eegama.
Tiraamp marii dhimma Gaazaatiin durattis pirezidaantii Masrii Abdulfattah Al-Sisi waliin Sharm El-Sheikh keessatti mari'achuuf akka jiran Ahram online kan gabaase.
Mariin waraana Gaazaa xumuruu sadarkaa olaanaa kun magaalaa riizoortii Galaana Diimaa Sharm El-Sheyik keessatti gaggeeffamuuf kan jiru yoo ta'u, waraanni Gaazaa dhaabbataadhaan akka xumuramu fi karoora tasgabbii Baha Giddu-galeessaa itti fufiinsaan fiduu kan akeekedha.
Akka ibsi preezdaantii Masriitti, marii Wixata boruurraatti, hoggantoonni fi bakka bu'oonni biyyoota digdamaa ol ni hirmaatu.
Marichi dhukaasa dhaabuu ji'oota torban darbe irra ga'ame cimsuu fi karoora waraana booda deebisanii ijaaruu, gargaarsa namoomaa fi nageenya naannoo kaa'uu irraattillee xiyyeefata.
Kunis karoora Pirezidaanti Tiraamp naannicha keessatti nagaa buusuuf baasan hojirra oolchuuf yoo ta'u, Pireezidaantin Masrii xumura waliigaltichaairratti Pireezidaanti Tiraamp akka argamaniif waamicha dhiyeessanii ture.
Tiraamp sabaaba waraanaa Gaazaa xumuu kanaaf yeroo jalqabaaf Garaa Afrikaa akka imalaantu eegama.
Waraanni hamaa waggoota lamaaf Gaazaa keessatti geggeeffamaa ture akka xumuraamuuf karoora qabxii 20 qabu kan ifoomsaan Tiraamp, ergasiis torban darbe keessa jilli Israa'elii fi Hamaas jaarsummaa biyyota addaa addaatin al-kallattiin mari'achuun waliigalteerra ga'aniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maricha Masrii fi Ameerikaan mariisasaa kan turan yoo ta'u, deeggarsa cimaa michoota Awurooppaa fi Arabaa irraas argataniiru.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroonillee waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa kana deeggaruun tarkaanfiiwwan itti aanan hojiirra oolchuuf irratti mari'achuuf Wixata dhufu gara Sharm El-Sheikh akka qajeelan gabaafameera
Maakroon malawwan itti fufiinsa nagaa mirkaneessuu fi tattaaffii deebisanii ijaaruu Gaazaa eegaluu irrattis hoggantoota naannichaa waliin ni mari'atu jedhamee eegama.
Pireezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdogaan , bakka bu'aan Joordaan, Pirezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Antooniyoo Koostaa fi kanneen biroo hedduun marii Sharm el-Sheikh irratti hirmaachuuf gara Masrii ni imalu jedhameera.
Jimaata darbe Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdelatey fi Ministirri Dhimma Alaa U.S. Marco Rubiyoo hojiirra oolmaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa dabalatee tarkaanfiiwwan qindoomina xumuraa irratti mari'ataniiru.
Marii kana madditti carraa kanaan Masriifi Ameerikaaf yeroo dippilomaasii guddaa ta'a. Tiraamp imala isaanii Afrikaa kanaan, adeemsa nagaa Baha Giddu-galeessaa qofaa utuu hin taane Tumsaa fi deeggarsa Waashingitan biyyota Afrikaa irratti qabdu cimsuuf carraa ta'a.
Hoggantoonni addunyaa kunneen Waraana Gaazaa xumuruuf waliigaltee dhukaasa dhaabuu qofa utuu hin taane marsaa itti aanu keessatti maaltu akka ta'urratti yaadota jiranirratti mari'achuun furmaata itti fufiinsa qabu fidu jedhamee eegama.















