Mariin naga Gaazaa Masriitti itti fufe 'abdii qaba' jedhan Tiraamp

Madda suuraa, Reuters
Waraana Gaazaa goolabuuf karoora US qopheessiterratti mariin al-kallattii Masrii magaalaa Shaarm El- Sheekitti godhamu Kibxata kanas itti fufa.
Aanga'ootni Filisxeemiifi Masrii yaada BBCf kennaniin mariin amma itti fufaa jiru namootni Israa'elii butamanii harka Hamaas jiran akka gadhiifaman akkasumas Filisxeemonni Israa'el hiitee jirtu akka gadhiifaman haala kan mijeessudha.
Ministirri Muummee Israa'el yaada Sambata darbe kennaniin guyyoota dhufan keessatti oduu haaraa warri butaman gadhiifamuu ibsu beeksisuuf abdii qabaachuu himan.
Wiixata wayita aangaa'oonni mariitti jiran, Pirezidantiin US Donaald Tiraamp rippoortaroota Waayit Haawussitti walitti qabamaniif hireen waliigallteerra gahuu abdii qaba, waliigaltee waaraa ta'a'' jedhan.
Hamaas wixinee warana dhaabuu US qopheessite kana gariin akka fudhatu beeksiseera. Ammoo gaaffiilee bu'uraaf deebii kennee hin jiru. Keessumaa waraana hikkachuufi bulchiinsa Gaazaa waraana booda ijaaramu keessaa harka baafachuurratti.
Maddi tikaa Israa'el tokko ammatti mariin godhamaa jiru irra jireessaan dhimma kaan dhiisanii waayee hidhamtootaafi butamtoota waljijjiiruuti jedhaniiru. Hamaas dhimma kana akka furuuf guyyaa muraasni ni kennamaaf jedhaniiru.
Mariin nagaa Masriitti jaarsumaa Kaayeroofi Kataariin gaggeeffamu kan itti fufu waggaa lammaffaa Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwate yeroo itti yaadatamuttidha.
Guyyaa akka har'aa Onkololessa 7, 2023 haleellaa Hamaas Kibba Israa'elitti baneen namootni 1,200 ajjeefamanii 251 kan ta'an ammoo butamanii fudhatamaniiru.
Haleellaa kana booda duula Israa'el Gaazaatti banteen namootni 67,160 ajjeefamaniiru. Kana keessaa 18,000 kan ta'an daa'immani jedha gabaasni Ministeera Fayyaa Gaazaa.
Guyyaa kana yaadachuuf dhaamsa kan dhaaman Barreessaan Olaanaa UN Antooniyoo Gutareez wixineen Tiraamp dhiyeessan ''carraa itti fayyadamuun waraana gaaga'aa kanaaf xumura itti gochuu dandeenyudha'' jedhan.
Ministirri Muummee UK Seer Kiir Istaarmer yaadannoo haleellaa Hamaas waggaa lammaffaa ilaalchisee ergaa dhaamaniin wixinee Tiraamp waraanicha goolabuuf qopheessan deeggaraniiru.
Baha Gidduugalaa keessatti nagaa fiduuf wixinee US haalan simanna, mootumaan keenya ijoollen Israa'el ollaasaanii Filisxeem waliin nagaafi tasgabbiidhaan akka jiraatan gochuuf wan danda'u ni godha'' jedhan.
Ergamaan addaa US Istiiv Wiitkoof, soddaa Tiraamp Jareed Kaashnireefi Ministirri Haajaa Alaa Kataar Sheek Mohaammuud bin Abdulraahmaan Al Taanii warra marii kanarratti hirmaataniidha.
Tiraamp Wiixata wayita miidiyaa hawaasaa gubbaa barreessan qaamni kamuumari kana keessatti hirmaatu milkii kanaaf yaalii akka godhu gaafate.
Dhimmi namoota butaman gadhiisuu torban kana keessa akka raawwatu dhagaheen jira jechuunis barreessan.
Yaada gaazexessitootaaf kennaniin ammoo Hamaas dhimmoota ijoorratti wixinee qophaayetti waliigaleera'' jedhan.
Rooyitarsi hirmaattotarraa odeeffannoo argateen mariin marroo jalqabaa Wiixataa galgala barfatee akka xumurameefi Kibxatas mariin kan itti fufu ta'uu gabaase.
Miidiyaan mootummaatti dhiyeenya qabu Al-Qahera jedhamu ammoo mariin jalqabaa faara qaba jedheera.












