Raammoon pilaastikii nyaatu abdii pilaastikii deebisanii tajaajilaaf oolchuu cimse

Gosti ilbiisaa guddina hin fixatiin sadarkaa laarvaarra jiru pilaastikii nyaatu, pilaastikii deebisanii tajaajilaaf oolchuuf ni gargaara jedhan qorattoonni.

Saayintiistonni Awustiraaliyaa raammoo 'Zophobas morio' ykn 'Superworm' jedhamu pilaastikii (polystyrene) nyaatu argatanii jiru.

Akka saayinstiistonni kun jedhanitti raammoowwan kunneen inzaayimii garaa isaanii keessa jiruun pilaastikii daaku.

Kun hojii pilaastikii deebisanii hojiirra oolchuuf boqonnaa haaraadha jedhu.

Qorattoota keessaa tokko kan ta'e Dr Kiriis Riinke akka jedhutti, "raammoowwan kunneen akka warchaa xixiqqoo pilaastikii deebisanii tajaajilaaf oochaniiti" jedhu.

"Afaan isaaniin cicciranii baakteeriyaawwan garaa isaanii keessa jiraniif laatu," jedhan.

Inzaayimiin garaa raammoowwan kanaa keessa jiru gosoota pilaastikii 'polystyrene' fi 'styrene' caccabsee daakuu akka danda'u mirkaneeffachuu himu.

Qoraannoon isaanii raammoowwan kana hedduumminaan omishuu caalaa inzaayimoonni garaa isaanii keessa jiru pilaastikii daaku maal akka ta'e, adda baasuufi warshaa keessatti baay'inaan omishuu irratti xiyyeeffata.

Argannoon kun qorannoo amma dura gama kanaan godhamaa ture tarkaanfii tokko fuulduratti buta jedhu Dr Kiriis.

Amma durallee qorannoowwan wal-fakkaatoon baakteeriyaa fi fangasiitti fayyadamuun pilaastikii daakuu irratti xiyyeeffatan godhamaa turan. Garuu sadarkaa gabaaf dhiyaachuurra hin geenye.