Chaayinaan korojoowwaniifi meeshaalee biroo pilaastika ta'an dhorkuuf

Chaayinaan pilaastikii fayyadamuudhaan addunyaarraa qooda isa guddicha kan qabdu yoo tahu, pilaastikii fayyadamtu kana hir'isuuf karoora guddaa akka baaste beeeksifteetti.

Korojoowwan pilaastikii dhuma bara 2020 irratti magaalota gurguddoo hundarraa kan dhorkaman yoo tahu, bara 2022tti immoo magaalota hundumaarraa faayidaarra akka hin oolle ni taasifamu.

Chaayinaan balfa pilaastikii uummati biiliyoonnii 1.4 gatuun waggootaaf rakkachaa turte.

Iddoon guddichi balfa itti gatan-kan hamma dirreewwan kubbaa miilaa 100 gahu- yeroo karoorfameefin waggaa 25 dursuun guutee jira.

Bara 2107tti qofa Chaayinaan balfa toonii miiliyoona 215 tahu walitti qabdee jirti- kana deebisanii fayyadamuuf garuu karoorri biyyaalessaa hin jiru.

Bara 2010tti biyyattiin balfa pilaastikii miiliyoona 60 qabaachuun, Ameerikaa bara walfakkaataatti toonii miiliyoona 38 oomishte dursiti.

Maaltu geeddarame?

Koomishiniin Guddinnaafi Haaromsaa Biyyaalessaa biyyattii, imaaammata waggooti shanan dhufan keessatti hojiirra oolan ifa godheera.

Oomishni yookiin gurgurtaan korojoo pilaastikii mm0.025tti haphatu akka dhorkamu ni taha.

Gama kanaan, hoteelonni fayyadama pilaastikii isaanii harka 30 hir'isuu qabu.

Duulli fayyadama pilaastikii dhaabuu kun Chaayinaaf kan jalqabaa miti.

Bara 2008tti rabsitoonni korojoo pilaastikii tolaan akka hin kennineef pilaastikii akka malee haphii tahan akka hin oomishne dhorkamaniitu turan.

Bara 2017tti immoo oomishaalee pilaastikii gara biyya alaatti erguu nan dhaaba jetteetu turte.

Taayilaandis akkuma Chaayinaa jalqaba waggaa kanaatti pilaastikoonni takkaa fayyadanii gataman kuusaawwan gurguddootti akka hin oomishamne ni dhorkamu, bara 2021tti immoo guutummaa biyyattiirraa ni dhorkamu jetteetti.

Indooneezyiyaanis korojoowwan pilaastikii takkaa qofa fayyadan kuusaaa meeshaalee gurguddoo, gabaawwan ammayyaafi aadaa irraa barav 2020 tti ni dhorkamu jetteetti.

Odolli Indooneezhiyaa Baalii jedhamtullee akkasuma korojoowwan pilaastikii takka fayyadanii gataman dhorkitee jirti.