Keeniyaatti filannoo booda mormiin wal irraa hin cinne faayidaa moo kasaaraa?

Raayilaa Odingaa

Madda suuraa, Reuters

Namoota siyaasaa Keeniyaa keessatti Ministira Muummee ta’anii turan keessaa kan lubbuun jiru Raayila Odingaa qofaadha.

Inni jalqabaa Pirezidaantii Keeniyaa du'aan boqotan Jomo Kenyatta, bara 1963 hanga 1964tti erga Keeniyaan walabummaa argatte booda.

Akkasumas, nama siyaasaa lubbuun jiru kan kabaja abbaa dimokiraasii paartilee hedduu jedhamuun kennameef.

Garuu akkamitti yeroo shanaffaaf Raayilaan sagalee Pirezidaantii dhabe?

Maaliif yeroo mo'amu hunda sagaleen hatame jedhee komata?

Akkasumas yeroo dorgommii Pirezidaantummaa mo'amu hunda deeggartoota isaa mormiif maaliif waama?

Mormiin kun deeggartoota isaaf, saba Keeniyaaf ykn dhuunfaan isaaf illee bu'aa qabaa?

Aab Raayilaan kun immoo siyaasa mormii kana eessaa eegale?

Deeggartoota Paartii Mormitoota

Madda suuraa, Reuters

Raayilaa Odingaa erga bara 1982 to’atame murtii malee hidhameen booda beekamtii guddaa argate.

Bara sanatti mootummaa pirezidaantii du'aan boqote Daani'eel Mooyi kuffisuuf yaaliin godhamee ture, sana booda Raayilaan yaaliiwwan sana kakaasuun shakkame.

Hanga Guraandhala 1988tti hidhamee kan ture yoo ta'u, yeroo gabaabaaf gadhiifamee Fuulbana 1988tti deebi'ee hidhame.

Yeroo sanatti hanga Waxabajjii 1989tti hidhaa keessa ture, gadhiifame. Garuu osoo hin turin, ammas hidhame, yeroo kana rogeeyyii biraa walliin.

Ji'a Waxabajjii bara 1991 kan gadhiifame yoo ta'u, battaluma sanatti gara Noorweey baqate.

Yeroo muraasa booda, sochii mirgaa fi dantaa lammiilee falmuutti makamuuf Guraandhala 1992 deebi'e.

Paartii haaraa FORD ("Forum for the Restoration of Democracy") kan abbaa isaa Jaramogi Oginga Odinga jedhamuun durfamutti makame.

Rayilaa Odingaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Achumaanis bakki itti aanaa Dura taa'aa koree xiqqaa dhaabicha keessatti kennameef.

Filannoo bara 1992 Raayila Odingaan teessoo paarlaamaa Lang'ata magaalaa guddoo Naayiroobii keessatti dorgoman.

Pirezidaantummaaf hin dorgomne, kanaaf filannoo hordofee mormiin hordoftoota isaa irraa ka'e hin turre.

Bara 1994 abbaan isaa du'aan addunyaa kanarraa boqochuun, Raayilaan dhaabicha keessatti Daarektara Filannoo ta'e.

Filannoo bara 1997 gaggeeffameen Raayilaa Odiingaan Pirezidaantummaaf kan dorgoman yoo ta’u, sagalee caalmaan Moi’n mo’aman.

Pirezidaantii du’an boqotan Mwai Kibaki ammoo sadarkaa lammaffaa irratti dhiyeenyaan hordofaniiru.

Yeroo sanatti mormiin hin turre, garuu Raayilaan karaa itti mootummaa seenu barbaade.

Abdii fi tarsiimoon isaa boodarra karaa paartii Pirezidaantii Mooyiin Pirezidaantummaaf dorgomuuf kaayyeffate.

Erga paartii pirezidaantichaatti makamuun paartiisaa NDP cabsee booda Pirezidaantichaan deeggaramuu qaba jedhee eegaa ture

Haata’u malee, filannoo itti aanu, bara 2002, Raayila Odingaan hin dorgomne.

Inumaayyuu Mwai Kibaki kan boodarra bara sana pirezidaantummaa injifate deeggare.

Haala kanaan, mormii deeggartoonni Raayilaa Odingaa dorgommii Pirezidaantummaa irratti mo’amuu isaa morman bara 2007, 2013, 2017 fi 2022 irraa jalqabe.

Filannoo bara 2007 irratti maaltu ta'ee Raayilaa Odingaan bu'aa filannoo akka mormu taasise?

Komiin isaa tasuma bu'uura qaba turee?

Mormii kanarraa eenyutu fayyadamee eenyuun miidhame?

Rayilaa fi deeggartoota isaa hiriira irratti

Bara 2002, Raayila Odingaan Pirezidaanti Mooyii waliin waldhibee guddaa qaba ture.

Sababnisaa, Mooyiin erga soorama baheen booda Uhuruu Keeniyaatta bakka bu'aa isaa akka ta'uuf muudan.

Raayilaan akkuma hoggantoota yeroo sanaa paartii New KANU keessa turan, itti aanaa pirezidaantii yeroo sanaa Prof. George Saitoti dabalatee, paarticha hoogganuu fi karaa paartii kanaan Pirezidaantummaaf dorgomuuf muudamni akka isaaf kennamu abdate.

Mooyiin ejjennoosaa jijjiruu diduun, fincilli guddaan dhaabicha keessatti ka'e.

Raayilaan hoggantoota biroo wajjiin ta’uun, sochii National Rainbow Alliance (NARC) kan boodarra tumsa guddaa paartilee hedduu ta’e jalqabe.

Utuu hin turin, hawwii hoggansa isaan gidduu jiruun, hundi isaanii pirezidaantii ta’uf wal dorgomaa waan turaniif, gamticha keessatti burjaajiin uumame.

Raayila Odingaa, walga'ii namoota baay'ee paarkii Uhuru, Naayiroobii keessatti argame irratti haasawa qofasaa taasiseen, "Kibaki Tosha" (Kibakiin gahaadha) jechuun beeksise.

Ibsa sanaan deeggartoonnisaa Mwai Kibakiin pirezidaantii ta’uf akka sagale kennan taasise.

Kana malees Raayila Odingaan filannoo kana yoo injifate lakkoofsa ministeerota mootummaa keessa jiran keessaa walakkaan akka kennamuuf Mwai Kibaki waliin waliigaltee seeneera.

Akkasuma Raayila Odingaan Muummicha Ministeeraa Keeniyaa ta'uun ni muudama ture.

Kibaakiin waliigaltee kana raawwateeraa?

Miti!

Raayila Odingaaf gita hojii muummicha ministeeraa ykn walakkaa ministeerota mootummaa isaanii keessa jiran akka hin kennineef waliigaltee taasifame kuffiseera.

Rayilaa Odingaa

Yeroo sana sanyii jibbaa gidduu isaaniitti dhaabame.

Raayilaa Odingaa fi waahillan isaa Sochii Orange Democratic Movement (ODM) kan bara 2007 Pirezidaantummaaf dorgoman ijaaran.

Filannoo bara 2007 irratti Mwai Kibakiin, Raayila Odingaa irraa sagalee 232,000 argachuun mo'ataa ta'uun labsame.

Mwai Kibaki yeroo galgaluma sana, nageenyaan Masaraa isaa Naayiroobii keessa osoo jiruu kakuu Pirezidaantummaa fudhate.

Kakachuun sun dhagaa ho'aa ta'ee, ibiddi biyyattii keessatti dhoohe. Mormiin naannoolee biyyattii hedduu keessatti eegalte.

Lammiileen Keeniyaa kuma tokkoo ol ajjeefamanii qabeenyi shilingii biliyoonaan lakkaa'amu barbadaa'eera.

Namoonni dhibba lamaa fi shantama ol qe'ee isaanirra kaafamani, ummanni biyya keessaa akka buqqa'u taasiseera.

Osoo hawaasni addunyaa gidduu seenuu baatee Keeniyaan ni lixa ture.

Amma kaayyoon mormii kanaa maal ture?

Raayila Odingaa fi hoggantoota paartiiisaatiif bu'aan labsame sobaa fi seeraan ala ture.

Bu'aan isaa maali? kasaaraa guddaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan illee ta’e.

Hanga har'aatti namoonni naannoo Rift Valley keessa buqqa'an tokko tokko gara qe'ee isaaniitti hin deebine

Haa ta'u malee, Raayila Odingaan milkaa'ee moo hin milkoofne?

Milkaa'e! Ammas cimsee.

Rayilaa Odingaa

Giddu-galeessa hawaasa addunyaa gidduutti taasifameen, Mwai Kibaki aangoo mootummaa Raayilaa Odingaa walliin gidduutti qooddachuuf dirqame.

Kana malees, Kibakiin Railaaf gita hojii Muummicha Ministeeraa Rippabiliika Keeniyaa kennuuf waliigalaniiru.

Kanaaf, waan bara 2002 Mwai Kibakiin isaan dhowwame, bara 2007 mormiidhaan argatan!

Faayidaan inni lammaffaan: Mwai Kibaki fi Raila Odinga waliin taa’anii waa’ee walxaxaa heera mootummaa durii akka wal hubatanii fi bara 2010tti fooyya’iinsi barbaachisaan akka godhamu dandeessisaniiru.

Sadaffaa: heerri mootummaa bara 2010 bahe warraaqsa diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa guddaa fideera.Guddinni gurguddoon kanneen akka bu’uuraalee misoomaa, fayyaa, barnoota fi qonnaa karaa isaatiin galma ga’aniiru.

Walumaa galatti mormiin bara 2007 mudate osoo hin ta’in, jijjiramni kunis hin argamu ture.

Kun kan danda’ame hamilee fi tasgabbii ejjennooRaayilaa Odingaa fi aktivistoota isaa waliin hojjetan, deeggartoota isaanii amanamoo ta’aniin deeggaramaniin.

Haala kanaan mormii nagaa fi heera mootummaa hordofuun, bulchiinsi biyyattii lammiilee akka fayyadu fi guddina biyyaa fiduuf dirqisiisu kana kuffisuun sirrii miti.

Kana malees, Heerri mootummaa biyya lammiileen karaa mirga isaanii falmatan keessaa tokko ta’ee mormii akka dhageessisan kan hayyamu yoo ta’u, garuu, kana gochuudhaan, mormitoonni mirgaa fi bilisummaa lammiilee isaanii miidhuu ykn yakka gochuu hin qaban.

Garuu jeequmsi fi manca'iinsi qabeenya yeroo hunda maaliif uuma?

Tokkoffaa mootummaan mormitoonni qabeenya lammiilee barbadeessuu fi saamuu akkasumas lammiilee isaanii illee ni miidhu jechuun humna nageenyaa fayyadamee mormitoota dhaabuu isaati.

Himannaan mootummaa kun hamma tokko dhugaa, sabanisaamormitootaa keessaa gariin kaayyoosaani yakkaaraawwachuuf.

Hoggantoonni mormii kana qindeessan illee dandeettii isaan dhaabaniin hin qaban.

Gochoonni kun yeroo baay’ee adeemsa mormii karaa nagaa guutuu ni miidhu.

Gama mootummaatiin yeroo baayyee sababa sirrii osoo hin qabaatin illee humna garmalee fayyadamuun lammiilee isaa irratti meeshaa balaafamaa fayyadamuudha.

Kanaaf, yeroo baay’ee mormiin ka’ee miidhaan yeroo uumamu kan komatamu Raayilaa Odingaa qofa osoo hin taane, mootummaadha.

Obbo Odingaan yeroo hunda waldhabdee akka hin uumne hubatamuu qaba. Fakkeenyaaf bara 1997 Moi'n mo'amuu fudhate. Booda paartii morkataa isaatti makame

Filannoo bara 2013 yeroo Uhuruu Keeniyaattaan injifatame dhimma isaa mana murtiitti dhiyeessuun heera biyyattii hordofee.

Manni murtii dhimma isaa gadi darbatee Uhuruu Keeniyaattaa mo'ataa ta'uu yeroo labse, yeroo sanatti Abbaa Murtii Olaanaa falmuus, waldhabdee jal hinqabne.

Bara 2017ammas filannoo pirezidaantummaa irratti hirmaate, yeroo afraffaaf,mo’atame.Uhuruu Keeniyaattaan injifataa ta'uun labsame.

Raayilaa fi Uhuruu

Bu’aa filannoo mormuum dhimma isaa mana murtiitti dhiheesse. Manni murtichaas Raayilaa waliin walii galeera

Raayila Odingaa fi waahillan isaa murtee kanaan gammadus, Raayilaan bu’uuraaleen misoomaa boordii filannoo manni murtii balaaleffate ammallee akka jiran, osoo hin deebi’iin dura fooyya’iinsi godhamuu qaba jechuun akka ajaja mana murtiitiin filannoo irra deebiin gaggeeffamu irratti hirmaachuu dide.

Namoonni baay’ee hirmaachuu didanillee filannoon garuu gaggeeffamee ture.Uhuruu Keeniyaattaan injifataa ta'uun labsame.

Boodarra filannoon sunis seeraan alaa jechuun Raayilaa Odingaan mormii guddaa waamaniiru.Kana malees "Pireezidaantii Ummatootaa" ta'uun eebba isaaniif walga'ii waamaniiru.

Kunis biyyattii keessatti yaaddoo guddaa uumeera Jeequmsa fi mormiin naannoo hordoftoota Raayilaatti babal'ate. Duuti fi badiin gabaafame.

Preezdaant Keeniyaattaan Sadaasa 9, 2018 Raayila Odiingaa waliin waligaluun furmaata godhaniiru.

Boodarra hariiroo haaraa kanaan Uhuruun Raayila Odiingaa Pirezidaantii ta'uun akka isa bakka bu'uuf deeggaruuf murteesse.

Haa ta'u malee Raila Odinga filannoo bara darbee irratti Wiliyaam Ruutoon mo'ame. Raayilaan ammallee mana murtii deeme.

Dhimmi isaa yeroo kana kan hin milkoofne yoo ta'u, manni murtii Wiliyaam Ruutoo filannoo bara 2022 injifata ta'uu labseera.

Murtee kana irratti walii akka hin galle beeksisus, Raayilaan ajaja mana murtii akka kabaju biyyattii mirkaneessaniiru.

Akka tasaa garuu falmii kaase.

Namni boorsii filannoo(IEBC) keessa jiru tokko akkaataa sagaleen sun itti hatame irratti iccitii guddaa akka isaaf ibse himateera.

Kanaaf, sagalee kenname mirkaneessuuf qorannoon idil-addunyaa akka banamu barbaada.

Lammaffaa, komishinaroonni afran IEBC irraa aangoo gadhiisan, kanneen “Cherera four" jedhamuun beekaman, hojiitti deebi'uu qabu.

Sadaffaa, mootummaan Wiliyaam Ruutoo isaa fi qooda fudhattoota biroo osoo hin hirmaachisin komishinaroota haaraa qacaruu hin qabu.

Afraffaa, gatiin oomishaalee barbaachisoo ta’an hatattamaan hir’achuu qaba.

Gaaffiiwwan sun hojiirra akka oolan guyyoota kudha afur kenne ture, yoo kun hin taane Pirezidaantii Wiliyaam Ruutoo aangoo irraa kaasuuf mormii waamu akeekkachiseera.

Kana malees, inniifi hordoftoonni isaa mootummaa Wiliyaam Ruutoof beekamtii akka hin kennine saba guutuuf beeksisee jira!

Yeroo kana bu'aa akkamii uuma?

Tokkoffaa, tarkaanfiin Raayilaa Odingaa jeequmsa guddaa fi heera mootummaan seeraan ala.

Raayilaa fi Kaaruwaa

Wiliyaam Ruutoo Pirezidaantii ta’uuf beekamtii akka hin kennine labsuun, Raayila Odingaan ajaja mana murtii cabsuun seera biyyaa cabseera. Akka seeraatti sun yakka gantummaati.

Akka heera mootummaa Keeniyaatti, karaan pirezidaantii kamiyyuu aangoo irraa kaasuu danda'u filannoodha.

Filannoon itti aanuu kan bara 2027. Wiliyaam Ruutoo mormii deeggartoota isaatiin aangoo irraa kaasuuf doorsisuun Raayila Odingaan heera mootummaa cabseera.

Dabalataanis, erga Wiliyaam Ruutoo eebbifamee booda, bulchitoonni, paartii isaanii ODM, miseensonni paarlaamaa yaa’ii biyyoolessaa fi bakka bu’oota kutaalee (MCA) beekamtii filannoodhuma kana hordofuun eebbifamaniiru.

Boodarra paartileen siyaasaa kan isaa (ODM) dabalatee bakka bu’oota adda addaa muudee paarlaamaa Baha Afrikaa keessatti iddoowwan hojii guutan.

Warra pirezidaantuma Ruutoo kanaan muudamanii fi raggaasifaman keessaa tokkoo intala Raayilaa Wiini Odingaadha.

Yoo filannoon Pirezidaantii Ruutoo seera qabeessa hin taane, akkamitti ijoollee isaanii fi kanneen biroo miseensa paarlaamaa Baha Afrikaatti muuduuf mirga qaba?

Kun, kabaja malu hundaan, siyaasa malaammaltummaa fi seeraan alaati.

Sababni mormii Raayilaa Odiingaa bara kana ka'eef keessaa tokko gatii meeshaalee barbaachisoo ta'an olka'aa ta'uu isaati.

Wanti nama ajaa'ibu yeroo Wiliyaam Ruutoo filatame gatiin kun hin kaane.Uhuruu Keeniyaattaan dursaa ture

Garuu sababa hariiroo Uhuruu Keeniyaattaa waliin qabuun yeroo sanatti mormiin isa irratti hin waamamin ture.

Bara 2018 Raayilaan miseensota paarlaamaa ODM isaa harka caalu fayyadamuun Uhuru Kenyatta wixinee (Finance Bill 2018) gatii boba’aa kuma fi dhibba saddeeti ol guddise akka raggaasisu gargaareera.Gatiin kun yeroo Wiliyaam Ruutoon eebbifame dabalamee jiraa?

Kana malees, mootummaa Keeniyaa bakka bu’uun aksiyoona Telkom Keeniyaa bitachuuf boorsaa mootummaa irraa shilingiin biiliyoona jaha akka fudhatame ifa ta’eera.

Hoggantoonni dhaabbata Telkom ummata duratti falmuun saantimaan kun akka isaan hin geenye dubbataniiru.

Gochoonni kun ija qindeessitoota mormii kanaa duratti mudaa kan hin qabneedhaa.

Gochoonni sun karaa kamiinuu lammiilee hin miidhu?

Haala kamiinuu yoo ta’e, bal’inaan, mormiin kunniin uffata dantaa lammiilee uffachuun yoo ta’ellee, kallattiin faayidaa lammiif kan ta’u miti.