Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Konsartiin muuziqaa beela 1984 Itoophiyaa mudateef gargaarsa walitti qabuuf qophaa'e irra deebi'amuuf
Beela hamaa bara 1984 (AlI 1977) Itoophiyaatti mudateef gargaarsa walitti qabuuf jedhamee, walleen waggaa 38 dura hojjetame ammas waltajjiitti deebi'uuf.
Konsartiin muuziqaa mata duree 'Live Aid' jedhamuun moggaafamee fi weellistoota bebbeekamoo addunya ahedduu hirmaachise kun ammallee addunyaarratti taatee hin dagatamne ta'ee jira.
Walleen kallattiidhaan darbaa ture ammas irra deebiin haaromfamuun waltajjiirraa weellifamuuf bara dhufu magaalaa Landanitti karoorri qabameera.
Konsartiin muuziqaa inni jalqabaa Adoolessa 13, 1985 dirree kubbaa miillaa guddicha Weembilee irraa darbee ture.
Weellistoota bebbeekamoo Boob Geeldoof fi Miij Yuuroo jedhaman turan, waggaa 38 dura konsartii muuziqaa guddaa gargaarsa namoomaarratti xiyyeeffate kan qopheessan.
Konsartiin muuziqaa mata duree 'Just For One Day' jedhuun gara waltajjiitti deebi'uuf jira.
Sirboonni weellistoota bebbeekamoo kanneen akka Kuwiin, Sar Eeltan Joon, Sar Pool Maakartinii fi Istiingi jedhamanii konsartii kanarratti kanneen dhihaatan keessaati.
Sagantaan kun magaalaa Landan, giddugala tiyaatiraa Ooldi Viik jedhamurraa walakkaa ji'a Amajjii dhufuurraa eegalee ni dhiyaata.
Ka’umsi qophii muuziqaa kanaa Itoophiyaa keessatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman beela’aa jiraachuu isaanii ilaalchisee gabaasa BBCn bara 1984 hojjete ture.
Gaazexeessaan BBC Maayikel Bu'eerk ''beela jaarraa 20ffaa keessa mudate, kan macaafa qulqulluu keessatti beeknu 'azaaba lafarraa'' jechuun gabaase.
Gabaasa kana hordofee ture konsartiin kana kan qopheesse weellisaa Boob Geeldof .
Konsartiin kallattiin Filadelfiyaa fi Landan, Weembliitti geggeeffame irratti weellistoota addunyaa irratti beekamoo Boob Diilaanii, Liid Zeepeliin fi The Hun kan hammate ture.
Namoota bakka sagantaa kanaatti argamuun daawwatan irratti dabalataan namoonni biiliyoona 1.5 televizhiiniidhaan akka daawwatan tilmaamameera, gargaarsa hongee kanaaf maallaqni miliyoonaan lakkaa'amu akka walitti qabame himama.
Konsartiin muuziqaa kun taateewwan muuziqaa gargaarsa walitti qabuu addunyaa irratti gaggeeffamaniif bu’uura kan kaa’e yoo ta’u, gargaarsi namoomaa ajandaa hawaasa addunyaa akka ta’us karaa baneera.