Hongee booda miidhaa roobni beeyladoota irraan ga'uu fi of-eeggannoowwan gorfaman

Godina Booranaatti sababa hongeen yeroo dheeraa mudateen loon dhumaniiru, erga roobees loon bonaan laafan fi horiin kaan lubbuu dhabaniiru.

“Robni cimaan roobe re’oota 63 na jalaa fixeera,” jedhan jiraataan Godina Booranaa, Obbo Bilaal Galgaloo .

Gogiinsa yeroo dheeraa booda roobni roobu bu’aa qabaatus, keessumaa roobni cimaan yoo roobe miidhaa danuu fidee dhufu qaba.

Qorannoowwan akka mul’isanitti, bakka lafti gogee jirutti, yoo roobni cimaan roobe, biyyoon sun jiidhina ofitti xuuxuu hin danda’u.

Kanarra bishaan dachee gubbaatti walitti kuufamu eegala. Lafa irraan gadee qabu irratti ammoo bishaan kun waan gadi yaa'uuf lolaa uuma.

Godina Booranaa keessatti sababa gogiinsaan honqeen uumameeru lubbuu namootaa hedduu fi beeyladoota irratti miidhaa guddaa geessiseera.

Torban darbe keessa rooba Godina Boraanaatti roobeen, Aanaa Dhaas, Ganda Borbor keessatti sababa lolaa uumameen beeyladooti hedduun lubbuun isaanii darbeera.

Ganda Borbor keessa kan jiraatan Obbo Bilaal “nuti bokkaan hanga kana ni rooba jennee hin yaadne,” jechuun, yeroo sanatti re’ootni isaani alatti bobbaafamanii turan robaa cimaa booda lolaa uumameen lagatti dhumuu isaani himu.

“Lolaan re’oota 63 na jalaa fudhate, kan lubbuun hafan re’oota torba qofadha,” jedhu Obbo Bilaal.

“Amma qullaatti teenya, ilmaan keenya wanta ittiin jiraatan hin qabani.”

Saayintistoonni akka jedhanitti lafa gogiinsaan miidhame irratti roobni salphaan sa’aatii fi guyyoota dheeraaf yoo roobe, suuta biyyoo kana jisuun gara sirritti deebisuu danda’a.

'Qorrallee dandamachuu hin danda'ani'

Honqee yeroo dheeraa booda roobni cimaan yemmuu roobu, lolaa uumuun beeyladota qaamni isaani beelaan dadhabee jiru du'aaf ni saaxila.

Beeyladooti hedduun sababa honqee kanaan beelaan Godina Booranatti lubbuun isaanii darbeera.

Kanneen hanga ammaatti lubbuun turan ammoo, qaamni isaanii dadhabee, huqqatanii, rooba tasa roobeen ammoo deebi'anii du'aaf saaxilamaniiru.

Waajjira Qonnaa Aanaa Dhaas keessatti Ogessa fayyaa beeyladaa kan ta’e Dr Firaa’ol Waaqoo, “qaamni beeylada kunneenii beelaan waan dadhabee jiruuf, qorri yemmuu itti dabalamu akka salphaatti dhukkuboota sasalphaan injifatamanii lubbuun isaanii darbuu danda’a” jechuun BBC’tti himeera.

Beeyaldootni kunneen qaamni isaanii dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu garmalee haala xiqqaate keessa jiru.

Rooba torban darbe guyyaa lamaaf Aanaa Dhaas keessatti roobeen, loon, re’ee, hoolaa fi harroota dabalatee beeyladooti 1000 ol lubbuun isaanii darbuu Dr Firaa’ol ibsaniiru.

Beeyladooti kunneen gariin isaanii lolaa tasa uumameen kaan ammoo rooba booda dhukkubsatanii lubbuun isaanii darbe.

Dr Firaa’ol akka ibsanitti “roobni dhukkubootni tokko tokko, keessatti kanneen baakteriyaa fi maxxantuuwwan garaagaraan dhufan akka tatamsa’aniif haala ni mijeessa.”

Horii qaamni isaanii dadhabee jiru irratti “roobni kallattiin yemmuu roobu, baakteeriyaa fi vaayirasoota uumamaan qaama beeyladootaa keessa jiran gara wantoota dhukkubbii fidaniitti akka ol guddatan taasisa” jedha.

Sababa beeyladoti kun durumaan dandeettiin dhukkuba hir’isuu qaama isaanii guddaa hir’atee jiruuf, qorra roobaa keessatti yemmuu saaxilaman, vaayirasootni ol guddatan kun salphaatti isaan ajjeesuu akka danda’an ogeessi fayyaa beeyladootaa kun ibsaniiru.

"Nyaata argachuu dhabuun isaanii utuu jiruu, dhukkubni biraan itti dabalamuun isaa ammoo carraa du'uu isaanii ol kaasa."

Wantoota rooba booda beeylada miidhan keessaa inni biraan ammoo marga hongee dheeraa booda biqiludha.

Margi kun carraan maxxantuuwwan dhukkuba fiduu malanii hedduu horachuunsaa guddaa akka ta’e Dr Firaa’ol ibseera.

Maxxantuuwwan (Parasite) yeroo hongeetti riphee ture, yemmuu roobni roobu deebi'ee wal horuu eegala.

Roobni yeroo hongee dheeraa booda roobu, dhukkubootni uumamuu danda'an hedduu akka ta'an kan himu Dr Firaa'ol, wantoonni dhukkuba kunneen baatan biyyee keessa riphanii waan turaniif lolaan uumamu deebise dhukkubicha tamsaasu mala jedha.

Dhukkubootni beeyladoota irraa gara dhala namaatti darbuu danda'anillee tatamsa'uu malu jedha.

Furmaatni maali?

Dhimma rooba hongee booda dhukkuba ykn rakkoolee uumamuu danda'an irratti uummatni odeeffannoo ga'aa akka hin qabne Dr Firaa'ol ni himu.

Furmaati jalqabaa tokko "beeyladoota hongeen guddaa huqqatanii jiran irratti kallattiin roobni akka hin roobneef da'oo ykn mana jala galchuudha" jedha.

Beeyladoota maallattoo dhukkubbii qaban kanneen fayyummaa qaban irraa adda baasuunis barbaachisaa akka ta'e hima.

Dabalataanis dhukkuboota yeroo qaamni isaanii dadhabee jirutti beeyladoota kunneen miidhu irraa ittisuuf qorichoota fayyadan kennuufin barbaachisaadha jedha Dr Firaa'ol.

Marga rooba kana booda biqilan irraa dhukkuboota dhufan irraa ittisuuf qorichi dabalataa kennamuu qaba jedha.

Kana caalaa "ogeessotii fayyaa beeyladaa odeeffannoo fayyaa beeyladootaa gandaa fi aanaalee irratti sirritti hordofanii, deeggarsa hatattamaa kennuu qabu," jechuun, talaalliwwan rooba booda kennamuu qabanis beeyladota kanaaf kennuu qabu jedha ogeessi fayyaa beeyladaa kun.

Wantoonni akka furmaatatti ka'aaman kunneen, madda galii jireenyaa uummata Boraanaa kan ta'an lubbuu beeyladoota kunneenii baraaruuf barbaachisoodha.

Garuu uummata hongee kanaan jireenyi isaanii guddaa miidhamee jiru biratti xiyyeeffannoon jalqabaa beeyladoota ta'uu dhisuu mala.

Obbo Bilaal akka jedhutti of eeggannoowan rooba booda beeyladootaaf taasisuu qaban irratti odeeffannoo fi gorsi waajjira qonnaa irraa uummataaf kennaman jiru.

"Horsiisee bulaan dhimma namaatti maqee jira malee," beeyladootaaf mana rooba jalaa itti da'atan tolchuuf uummanni dandeetti isaa amma hin qabu jedha Obbo Bilaal.

"Yoo Waaqumti irraa nu hambise malee, namni dawoo itti ijaaruu danda'u hin jiru."