Angeelaa Merkel Putiin Yukireen akka hin weerarri dhorkuuf aangoon hanqachuu himte

Madda suuraa, Getty Images
Chaansilarri duraanii Jarman, Angeelaa Merkeel osoo Raashiyaan Yukiren hin weerariin dura, imaammanni hordofaa turte sirrii ta'u himte. Isheenis Vilaadmiir Putiin irratti dhibbaa gochuuf aangoo akka hin qabne dubbatte.
Bara 2021 ji'a gannaa keessa Awurooppaan akka pirezidantii Raashiyaa fi Pirezidantii Faransaay Imaanu'el Maakroon waliin mari'ataniif yaalii taasisuu kaafte.
''Haata'u malee akkan barbaadeetti akka adeemuuf aangoo hin qabu'' jechuun madda oduu Spiegel tti himte.
Aadde Merkeel erga marsaa afuriif biyyattii dursanii booda Muddee darbe aangoo gadhiisan. Isheenis dawwannaa dhumaa Hagayya 2021 Mooskootti taasiftee turte.
Yeroo sanatti miidiyaatti akka himteetti, ''Putiiniif hunda kan caalu aangoodha'' jettee turte.
Waligahii isaanii dhumaarrattis Putiin Ministira Dhimma Alaa biyyattii Sargee Laavroov waliin dhufuun waan guddaa ture jette.
Isaan dura ammoo qofaatti marii taasisanii akka turan himti.
Weerara pirezidanti Putiin ilaalchisee, wayita inni daangaalee Yukireen irratti waraanaa guddaa ijaaraa ture sanatti, Merkeel fi hoggantoonni Awurooppaa kaan adeemsa cimaa Kirmeliin irratti fudhachu ni danda'u ture jechuun mormu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hayyuun imaammata alaa Paartii Dimokiraasii Kiristaanotaa (CDU) ishee keessaa, miseensi mana maree Rooderik Kieseweter Putiin Awurooppaa adda qooduufi dadhabsiisuuf akka yaalaa ture ni beekti turte. Garuu ammoo tarsimoo 'aangoo laafaa' (soft power) sirrii ta'u amante jedhu.
Weerarichaan dura ammoo Jarman boba'aa Raashiyaa irratti baayyee hirkatti jechuun falmaa ture.
Merkeel aangoo gadhiisuutti omaa akka hin gaabbinee Muddee keessa himtee turete. Sababiinis mootummaan ishee waraana Yukireen qofa osoo hin taane waraanawwan Moldova, Joorjiyaa, Siriyaafi Laayibeeriyaa kan hunda Raashiyaan keessatti hirmaachun akka hin milkoofneetti yaaddi turte.
Isheefi Putiin lamaan isaanituu Koministii Jarman Bahaa keessatti muxannoo kallattii qabu. Isheen achitti kan guddattee yoo ta'u, Putiin ammoo akka qondaala KGB Sooviyeetitti hojii tikaa hojjachuun achi jiraatee ture
Putiin Afaan Jarmanii sirnaan kan haasa'u yoo ta'u, Merkeelis akkasuma afaan Raashiyaa bareechitee dubbatti.












