Jijjiirraa taphattootaan kilabiin kam eenyun adamsaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Jifattoota Maanchistar Yunaayitid adamsaa jiru keessaa jifataan Astoon Viilaa Oolii Waatkins fi RB Leepzig irraa Benjaamin Seeskoo akka jiran barame.
Isaan fiduuf immoo bulchiinsa Yunaayitid keessatti taphattoota isaan hin feene of biraa gaggeessuuf waliigalteen jira.
Ganna kana wantoota ijoo yaade keessaa milkeessuu kan dhabe Niiwkaasil jifataan isaanii ijoo Aleeksaandar Isaak isaan bira turuu mirkaneessuu hin danda'an.
Niiwkaasil lammii Islooveeniyaa, Seeskoo, ofitti fidachuuf yaada qaba.
Benjaamiin Seeskoo bara dorgommiii darbe taphoota Bundasliigaa 33 irratti hiriiree galchii 13 galcheera.
Gama kaaniin, Maanchistar Yunaayitidis barbaadu Aston Viilaan taphataa intarnaashinaalaa Ingilaand, Waatkiins gurguruu akka hin barbaanne ibsaniiru.
Maanchistar Yunaayitid garuu adaaduma xumurri jijjiirraa taphattootaa dhihaatu ejjennoon Astoon Viilaa ni jijjiirama jedhanii yaadu.
Isa qofaa miti gatiin paawundii miiliyoona 60 Waatkins gurguruuf dhahame baay'eedha yaada jedhu qabu.
Waliigalteen Waatkins Astoon Viilaa waliin qabu hanga 2028 kan turudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo ammaa jifataan filatamaa duraa garee Ruuban Amoriim Raasmas Hoyilundidha.
Haa ta'u malee, taphataan kuni bara dorgommii darbe taphoota 52 irratti hiriiree galchii 10 qofa galche.
Tapha gaafa Sambataa West Haam 2fi 1'n Niiw Jeersiitti mo'atan irratti ga'umsa Hoyilund agarsiiseef Amoriim isa jajaniiru.
Bara dorgommii dhufuufis ga'umsa kanaan akka itti fufu barbaadu.
Haa ta'u malee, bara dorgommii dura taphoota ga'umsa ilaaluuf hiriiree taphataa jiruurratti si'achi galchuu qaba.
Maanchistar Yunaayitid ganna kana paawundii miiliyoona 130 baasuun taphattoota sadii mallatteessiseera.
Kunneenis, Maatewus Kunihaa, kan jifataa gidduu ta'un taphachuu kan danda'u Biriyaan Mibewumo fi ol asdeemaa Diyeegoo Lewoon jedhamudha.
Amoorim garuu Biriyaan Mibewumo toora taphataa lakkoofsa 10 qabatee akka taphatu fedhu.
Amoorim gaafa Jimaataa yeroo miidiyaatti dubbatan taphattoota Pirimeer Liigii keessa taphachuu danda'an mallatteessisuu akka barbaadan dubbataniiru.
Torban darbe Yunaayitid keessaa kan dhiibame Maarkas Raashford ifatti Baarseloonaa seeneera.
Taphattoonni Yunaayitid hin feene biroo kanneen akka Aleehandiroo Garnaachoo, Jeedan Saanchoo fi Maalaasiyaan gareen Yunaayitid gara US yeroo imalu waliin hin imalle.
Amoorim torban darbe akka dubbatanitti taanaan gatii cabsanii taphattoota kana gurguruu hin fedhani.
Giriilis barbaadameera
Oduu jijjiirraa biraan Evartan taphataa Maanchistar Yunaayitid Jaak Giriilish ergisaan taphachiisuu akka barbaadu dhagahameera.
Ta'us, West Haam fi Naappoliin illee isa barbaadaa akka jiran gabaafameera.
Aleeksaandar Isaak immoo Liivarpuul waliin waggaa shaniif taphachuuf akka waliigale jiran dhagahameera.
Liiverpuul ammoo sarara duraa irratti erga Ekitikee dabaleeyyuu Piriimer Liigii keessatti gahumsa guddaa irratti kan argamu Aleeksaander Isaakiin Niwkaastil irraa mallatteesisuu barbaada.
Liiverpuul yoo Niwkaastil taphaticha gurguruuf eeyyamamaa taheef gatii rikardii tahe dhiyeessuuf akak jedhu himameera.
Liiverpuul bara darbe jijjiirraa taphattootaaf maallaqa guddaa baase hin qabu. Bara kana garuu hanga ammaatti Paawondii miliyoona 300 ol baasii godhaniiru.
Isaakiif gatii rikardii tahe kan dhiyeessan yoo tahe baasiin Liiverpuul bara kanaa gara paawondii walakkaa biliyoonaatti siquuf jedha.












