Bakka addunyaarratti namoonni hedduun 'shororkeessitootaan' ajjeefaman

Waraanni Maalii finciltoota islaamummaa Saahel keessa jiran qolachuuf rakkachaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Maalii finciltoota islaamummaa Saahel keessa jiran qolachuuf rakkachaa jira

Naannoo Saahel Afrikaa kan ''jidduugala shororkeessummaa addunyaa'' jedhamee beekamu keessatti yeroo jalqabaaf "du'a shororkeessummaatiin walqabatee mudate hunda keessaa walakkaan ol" kan ta'u naannoo kanatti mudachuu Galmeen Shororkeessummaa Addunyaa (Global Terrorism Index (GTI)) beeksise.

Gabaasni haaraan kanaan, "du'a shororkeessummaan walqabatee bara 2024 keessa mudatan hunda keessaa %51" naannoo Saahel keessatti mudate.

Kunis du'a addunyaa guutuutti shororkeessummaadhaan wal qabatee mudate kan waliigalaa 7,555 keessaa 3,885 ta'a jedheera.

Gabaasni kun dabaluudhaan, lakkoofsi addunyaa bara 2015tti kan baayyee ol ka'ee ture 11,000 irraa kan gadi bu'ee yoo ta'u, naannoo Saahel keessatti garuu bara 2019 irraa kaasee dachaa kudhaniin dabaleera.

Sababiin isaas gareewwan finxaaleeyyii fi finciltootaa "xiyyeeffannoo isaanii gara naannichaatti deebiisuu waan itti fufaniifiidha".

Gabaasa kanas kan maxxanse 'Inistitiyuutii Diinagdee fi Nageenyaa'' kan yaada nagaa fi walitti bu'iinsa addunyaa qoratuun.

Dhaabbanni kunis Shororkeessummaa " gochaa dorsiisoo, dararaa akkasumas sodaachisoo, humna seeraan alaa qooda fudhattoota mootummaa hin taaneetti fayyadamuun galma siyaasaa, dinagdee, amantii ykn hawaasummaa tokko galmaan ga'uuf raawwachuudha'' jechuun ibse.

Du'a shororkeessummaan hidhata qabu jedhaman

Kallattii gammoojjii Sahaaraa irraa gara kibbaatti kan argamu naannoon Saahel qarqara galaanaa Lixa Afrikaa irraa gara bahaatti ardii kana keessa kan diriireedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haala gabaasa kanaatti naannoon Saaheel kutaalee biyyoota 10 kan hammate yoo ta'u, isaanis Burkinaa Faasoo, Maalii, Niijar, Kaameeruun, Giinii, Gaambiyaa, Senegaal, Naayijeeriyaa, Chaad fi Mooriitaaniyaadha.

Saahel naannoo baayyiin dhaloota ummataa addunyaa sadarkaa olaanaa qabu keessaa tokko ta'un alattis, ummanni naannichaa harka sadii keessaa lama kan ta'u umuriinsaaii waggaa 25 gadiidha.

Haala biyyoota lixaatiin adda ta'eetti, qaamooleen shororkeessuummaa raawwatan Saahel keessatti dabalaa kan jiran'' yoo ta'u, gareewwan hidhattoota jahaadistii bal'inaan babalataa jiru jedha gabaasni kun.

Haleellaa achitti raawwatame keessaa harki caalaan dhaabbilee lamaatiin akka raawwatame dubbata: isaanis garee hidhattoota Islaamummaa Saahel keessaa fi damee al-Qaayidaa kan ta'an Jama'at Nusrat al-Islam Musliim (JNIM) kan jedhamaniidha.

Isaanis "Ajaja seeraa haaraa labsuuf yaalaa jiru," jechuun dura taa'aan Neetwork Damee Nageenya Afrikaa Ni'aagalé Baagaayoko kan ibsan. "Keessattuu seera Shari'aa irratti hundaa'uun bulchiinsa haqaa ijaaruuf yaalaa jiru."

Adeemsa keessas, lafaa fi olaantummaa argachuuf "wal dorgomaa jiru" jetti.

Biyyoota Saahil Afriikaa

Erga fonqolchi mootummaa bara 2020 fi 2021tti Maaliitti raawwatameen booda, IS Saahel bal'inni bulchiinsa to'atuu, keessttuu kutaa baha biyyattii kan ta'an naannoolee daangaa Burkiinaa Faassoo fi Niijariin dachaan dabale.

Haala garee oggeessoosa dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, JNIM eddoo qabate babal'ifataa jira.

Akka gabaasni GTI kun mul'iseetti, gareewwan lamaan kunneenis loltoota daa'immanii dabalatee loltoota dabalataa mindeessaa jiru.

Biyyoota Afriikaa afaan Faransaayii dubbatan keessatti xinxaltuu siyaasaa fi gorsituu kan taatee Beevarlii Ocheeng ''taatee ta'en namoonni garee hidhattootaatti makamuuf yoo murteessan filannoo malee hafu'' jetti.

''Isaanis qaamoolee hawaasaa baayyee saaxilamoo ta'aniidha'' jetti itti dabaluun.

Saahel yeroo tokko tokko akka "fonqolcha mootummaa" Afrikaatti waamamti. Bara 2020 irraa eegalee naannichatti fonqolcha mootummaa milkaa'aa ta'e ja'atu raawwatame.

Isaanis, lama Maalii, lama Burkinaa Faasoo, tokko Giinii fi tokko Niijar keessatti raawwatameera. Biyyoonni kunneenis amma hundisaaniitu mootummaa waraanaatiin geggeeffamaa jiru.

Yunivarsiitii SOAS Landanitti ogeessi rijinichaa, Dr Folaahaanmi Ainaa, "Saahel hawaasa bulchiinsi keessatti diigamuun mudateedha," jedhu.

"Hoggantoota siyaasaa bulchiinsa ummata giddu galeessa godhate dursa kennuu hin qabne irraa waggootaaf tuffatamuun kan odeeffame yoo ta'u, komiin naannoo baay'achaa dhufeera, kunis gareewwan shororkeessummaa kanneen fayyadamuuf yaaluun isaanii ni yaadatama."

Burkinaa Faasoo Kaapteen Ibraahim Traoré (L) fi Nijiir Jeneraal Abdourahamane Ti'aani (R) fonqolcha mootummaatiin aangoo qabataniiru, finciltoota loluuf waadaa galaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Kanaan dura mootummaan siiviilii yaaddoowwan gareewwan finciltootaa irraa dhufan qolachuuf hin dandeenye ilaalcha jedhutu jira ture.

''Haata'u malee, motummoonni waraanaa kunneen aangoo qabatanis haalli qabatamaa lafarra jiru garuu hin jijjirre. Siriiyyuu rakkoon nageenyaa itti caale'' jedhu Doktar Ayiinaan.

"Motummoonni waraanaa bulchiinsa ummataa rakkiisaa ta'ef qophii hin turre.''

Akka gabaasa GTI'tti bara 2024tti Burkinaa Faassootti ''biyya walitti aansee waggaa lamaaf shororkeessummaan haleellamaa turteedha.''

Gabaasichi bahuu erga eegaleen kaasee waggaa 14'f haleellaa shororkeessaa addaatiin haleellamuudhaaf biyyi kan duraa kan ta'an Iraaqii ykn Afgaanistaan osoo hin taanee Burkiinaa Faassoo taatee.

Gareewwan jihaadistii sochii Saahil keessa taasisan kan sochiilee diinagdee seeraan alaatiin deeggaramaniidha.

Kunis namoota butuudhaan maallaqa gaafachuun, loon saamuudhaan, gurgurtaa albuudaa fi dadabarsa qoricha sammuu hadoochan irratti bobba'usaanii gabaasni kun ni mul'isa.

Saahil kanneen qoricha sammuu hadoochan kibba Ameerikaa irraa gara Awurooppaatti dabarsuuf daandii ijoo ta'eera jechuu kan kaasu gabaasi kun, ''Saahiliitti dadabarsi qoricha sammuu hadoochoo maallaqa shororkeessuumaan wal qabatee argamu baayyee bakka bu'a'' jedha.

Gareewwan tokko tokkoos kallattiidhaan yakka qindaa'aa raawwachurraa fagaatu. Haata'u malee, ''gibira kaa'udhaan maallaqa argachuun ykn kanfaltiidhaan tajaajila nageenyaa fi eegumsaa kennuu'' akka filatan eera.

''Malli kunis maallaqa walitti qabachurra darbee gareewwan kunneen hawaasa waliin akka walitti makamaniifi dhiibaa uumaniif gargaara.''

Gareewwan fincaltoonni qabeenyaa umamaa Saahil to'achuuf wal dorgomaa jiru.

Niijar addunyaarratti biyya yuraaniiyeem oomishan torbaffaadha, akkasumas bakki warqeen aadaadhaan baafamu kan to'annoon irratti hin taasifamne eddoo garaa garaa waan argamaniif IS-Saahil fi gareewwan akka JNIM jiran maallaqa argachuuf itti fayyadamu.

Saahel keessatti qabeenya albuudaa akka warqee qajeelfama malee baasuun nageenya dhabuu boba’aa ta’uuf gargaareera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saahel keessatti qabeenya albuudaa akka warqee qajeelfama malee baasuun nageenya dhabuu boba'aa ta'uuf gargaareera

Dambalii fonqolcha mootummaa dhiheenya kana raawwataman hordofee, motummoonni naannoo Saahil, milishoota kanneen waraanuuf gargaarsa argachuuf michootasaanii warra lixaa, Faransaayii fi Ameerikaa irraa fuulasaanii gara Chaayinaafi Raashiyaatti naanneeffatanii ture.

''Yeroo ammaatti Raashiyaan garee waraanaa Afriikaa Kiripsi (Waagnar duraanii) jedhamuun to'annoo caalaa taasisaa jiraachuu jirti'' jetti Beevarliin Ocheengi.

''Hojiinsaanii rephee loltoota naannichatti argamu akka ittisaniif waraanaa biyyoota naannichaa leenjiisuu fi deeggaruu ta'ulleen hanga ammaatti bu'a qabeessa hin taane.''

Sababii kanaatiin gabaasni GTI kun yeroo ammaatti naannoo ''jidduugala shororkeessummaa'' jedhamee waamamu balaan baayyinaan gara biyyoota olaatti babalachuun mudachu akka danda'u akeekkachiiseera.

Kanaaf ammoo akka fakkeenyaatti, Toogoonbara 2024tti haleellaa shororkaa 10 fi duuti 52 keessatti galmaa'eera. Haleellwwan kunneenis irra jiraa naannoo daangaa biyyattii Burkinaa Faasoon wal daangeessan irratti kan mudataniidha.

Aaddee Ocheeng ''gareewwan hidhattootaa naannichatti argaman biyyoota lixa Afriikaa kan akka Toogoo, Beeniin ykn bulchiinsoota kaan daangaa galaanaatti argamaniitti babal'achuunsaanii qabatamaadha'' jetti.