'Hoogganaa gartuu IS kan Sahaaraa jiru loltoota Fireenchiin ajjeefame'- Maakroon

Suura bara 2020'tti loltuun Fraans naannoo Saahel keessatti ka'e

Madda suuraa, AFP

Hogganaan gartuu IS kan Sahaaraa keessa ture, loltoota Fireenchiin ajjeefamuu isaa, Pirezdaantiin Firaans Imaanuweel Maakroon himan.

Adnaan Abu Waliid al-Saahrawii bara 2015 keessa ture gartuu IS damee Sahaaraa ISGS jedhamu kan hundeesse.

Gartuun kun haleellaa hojjattoota gargaarsaa Fireench irratti bara 2020 keessa raawwatame dabalatee, haleellaa hedduu naannichaa keessaa qooda qaba jedhamee himatama.

Ajjeechaa Saahrawii irratti, Maakroon yoo dubbatan “waraana gartuulee shororkeessummaa Saaheel keessa jiran waalin taasifnu irratti kun injifannoo tokkodha,” jechuun ibsaniiru.

Saaheel kan jedhamu lafa Afrikaa iskuweer km miiliyoona sadii bal’atu, kan kibba gammoojjii Saharaatti argamuu fi, lixarraa Seenegaal irraa eegalee bahaan hanga Somaaliyaa of keessatti kan qabatudha.

Maakroon bakka kun itti uumamee fi adeemsa gochichaa irratti odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Ministirri Ittisaa Fireench, Filoorensi Paarlii, Tiwiitara gubbaatti akka barreessanitti, Saahrawiin kan du’e erga humni waraana Fireench Baarkihane jedhamu, kan baayyinaan Maalii, Niijer, Chaadi fi Burkiinaa Faasoo keessatti gartulee finxaaleyyii waliin lola gaggeessuun, haleellaa taasifame boodadha.

Ministirri kun dabaluun haleellaan kun “tarkaanfii cimaa gartuu shorkeessaa kanarratti fudhatameedha,” jechuun “lolichi itti fufa” jedhaniiru.

Bara 1973tti naannoo Lixa Saharaa keessatti kan dhalate Saahrawiin, miseensa gartuu Morokoo irraa walabummaa argachuun lolaa jiru Polisaariyoo jedhamuu ture.

Boodarra gartuu al-Qaayidaatti makamuun, achiis gartuu finxaaleyyii Islaamaa Maalii keessa jiran Mujawoo jedhaman kan Aljeriyaa keessatti hojjatoota gargaarsaa Ispeen fi dippiloomaatota Aljeriyaa ammoo Maalii kessatti bara 2012 ugguran hogganaa ture.

Hagayya darbe, Saahrawiin hojjattoonni gargaaraa Fireench ja’aa fi konkolaachistoonni isaani lammii Naayjeriyaa akka ajjeefamaniif ajajee ture, jechuun mootummaan Fireench ibseera.

Ajjeechaan kun kan raawwate haleellaa guddaa wiirtuu waraanaa Maalii fi Niijer keessa jiru irratti dhuma bara 2019 keessa taasifame boodadha. Dabalataanis haleellaa hamaa bara 2017 Nijeer keessatti loltoota US irratti gaggeefame booda jiru jedhamee yaadama.

Haleellaan Jihaadistoota kun takka takkaa Naayijeeriyaa kessattis ni mul’ata.

Humnootni Fireench gartuulee jihaadiistii naannicha keessatti waggaa dheeraaf adamsaa turaniiru. Bara 2013tti gartuun al-Qaayidaa waliin hojjatu magaalaa guddittii Maalii, Bamaakoo akka hin to’anneef jecha Firaansi gidduu seeneera.

Naannaa Saheel keessatti hojiilee humna waraanaa hedduun ni gaggeeffamu- kunis kan akka ergama nagaa eegsisuu UN, kan biyyoota 56 fi loltoota 14,000 of keessaa qabu, akkasumas ergama farra shorokeessummaa Fireench kan, dhabbata basaasaa US’n deeggaramu of keessatti qabata.

Du’a Saahraawii beeksisuun booda, Maakroon ergaa Tiwiitara gubbaatti barreessaniin: “ Galgala kana biyyi keenya wa’ee goota keenya Saaheel keessatti Firaansiif wareegaman fi maatii isaanii, akkasumas wa’e warra mada’aanii yaadaa jirti.”

“Wareegamni isaanii bu’aa malee kan ta’e miti. Waayiloota keenya Afrikaa, Awurooppaa fi Ameerikaa waliin ta’uun, lola kana itti fufna.”