Lola Saaheel: Ammas loltootni Firaans lama Maaliitti ajjeefaman

Madda suuraa, Getty Images
Loltoonni Firaans lama Sanbata darbe osoo naannoo baha Maalii Menaakaa jedhamu keessatti odeeffannoo sassaabuutti osoo jiranii ajjeefaman.
Ajjeechaan loltoota lamaan kanaa guyyaa muraasa duras akkasuma loltootni Firaansi sadii haaluma walfakkaatuun ajjeefamaniiru.
''Finxaaleyyii Islaamaa'' naannoo Saaheel keessa socho'an loluuf jecha Firaansi loltoota ishee 5,100 ta'an Maalii keessatti erga bobbaaftee waggoonni hedduun lakkaa'amaniiru.
Biyyattiin yeroo duraatiif loltoota ishee naannoo Saaheelitti kan ergite bara 2013 ture.
AFP'n miseensota waraanaa biyyattii waabeffachuun akka gabaasetti kan Sanbataa kana dabalatee loltootni biyyattii 50 ta'an erga bara 2013 ajjeefamaniiru.
Ministirri Humna waraanaa biyyattii Filooreens Paarly ergaa tiwiitara gubbaatti maxxansaniin maqaa loltoota isaanii ajjeefamanii eeruun Firaans ''ijoollee ishee lama'' dhabe jedhan.
Kanneen ajjeefaman lama keessaa tokko dubartii ganna 33 haadha daa'imaa yoo taatu loltuu dubartii jalqabaa Maaliitti ajjeefamteedha jedha gabaasni AFP.
Gareen al-Qaayidaa waliin hidhata qabu 'Group to Support Islam and Muslims' jedhamu haleellaawwan akka kanaa kana duuba akka jiru beeksiseera, haa ta'uutii kan Sanbataa kanarratti homaa hin jenne.













