Somaaliyaatti hoogganaa IS kan jedhamu Abdulqaadir Muumin eenyu?

Suuraan kun bara 2016 Keeniyaa, Naayiroobiitti fudhatame. Abduqaadir Muumin Baha Afrikaatti garee IS hooggana jedhamuun himatamee Ameerikaadhaan tarree namoota shororkeessitoota ta'anii keessatti ramadameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan kun bara 2016 Keeniyaa, Naayiroobiitti fudhatame. Abduqaadir Muumin Baha Afrikaatti garee IS hooggana jedhamuun himatamee Ameerikaadhaan tarree namoota shororkeessitoota ta'anii keessatti ramadameera

Tibbana Afrikaatti Ajaji Humna Waraanaa Ameerikaa- U.S.AFRICOM jedhamu haleellaa qilleensarraan Somaaliyaa keessatti gaggeesseen miseensota IS sadi ajjeesuu himeera.

ANBC News aanga'oota Ameerikaa maqaansaanii hin eeramne dubbisuun akka gabaasetti, haleellaan qilleensaa kun nama hooggansa IS ta'uunsaa akka addunyaatti beekamuu fi Somaaliyaa keessa jiraachuun amanamu- Abdulqaadir Muumin irratti kan qiyyaafateedha.

U.S.AFRICOM guyyoota dura ibsa baase keessatti mootummaa Somaaliyaa waliin qindoominaan hojjechuun, kutaa kibba baha biyyattii magaalaa Basaasoo irraa kiilomeetira 81 fagaatee argamu keessatti haleellaa gaggeessaniin miseensonni IS ajjeefamaniiru.

Haata'u malee kaayyoon haleellaa kanaa Somaaliyaatti hoogganaa IS kan ta'e Abdulqaadir Muumin ta'uu, akkasumas haleellaa kanaan kanneen ajjeefaman sadi keessa jiraachuu wanti ibsame hin jiru.

Abdulqaadir Muumin eenyu?

Ameerikaan namni Abdulqaadir Muumin jedhamu Somaaliyaa keessatti hoogganaa IS jechuun ifatti dubbatti.

Hooggantoonni US sadi ANBC Newsitti akka dubbatanitti garuu namni kun kan Somaaliyaa qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti hoogganaa IS (Global IS) ta'uun beekama jedhan.

Akka qondaaltonni kunneen jedhanitti IS Somaaliyaa keessatti loltoota hedduu qabaachuu baatus, iddoowwan gareen kun loltoota hedduu keessatti qabu kanneen akka kaaba Iraaq fi kaaba baha Siiriyaa keessatti haleellaa gurguddaa US raawwattu dandamachuun itti ulfaateera.

Kanaaf jecha hooggantoonni garee kanaa walabummaadhaan socho'uun galmasaanii bira ga'uuf gara Afrikaa, keessattuu biyya mootummaa jabaa hin qabne Somaaliyaatti imaluun keessa socho'u.

Ajajaa olaanaan waraana Ameerikaa loltoonni IS Somaaliyaa keessa jiran 200 hin caalan jedhu. Gareen kun ammoo Somaaliyaarratti dabalataan Liibiyaa, Dimokiraatik Rippaablik Koongoo fi Moozaambik keessaa deeggarsa cimaa qabaachuu ibsa.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa odeeffannoo bara 2016 baase keessatti Abdulqaadir Muumin biyya Baha Afrikaa garee Islaamik Isteet (IS) jechuun of waamuuf aantummaashee mul'iste Somaaliyaa keessatti hoogganaa ta'uu ibseera.

Abdulqaadir Muumin

Madda suuraa, ISIL

Ibsa waa'ee suuraa, Abdulqaadir Muumin al-Shabaab keessattis duree amantii ture, miseensotas calalee galchaa ture
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Al-Shabaab keessatti duree amantii kan ture, akkasumas miseensota filachaa kan ture Abdulqaadir Muumin, al-Shabaab ganee miseensota 20 ta'an waliin erga IStti makamee booda Puuntilaand teessoo isaa ijoo godhateera.

Odeeffannoowwan tikaa Ameerikaa akka agarsiisanitti umriin Abdulqaadir Muumin 70oota gara jalqabaa ta'a.

Namni kun bara 1950-53 gidduu akka dhalate amanama.

Bara 1990oota keessa wayita mootummaan abbaa irree yeroo sanaa hooggansa Siyaad Baareen durfamu aangoo qabachuun isa booda biyyattii waraana waliiniitti seentee Abdulqaadir Muumin biyyaa baqatee Awurooppaa akka seenetu himama.

Abdulqaadir Muumin waraana kana dheessuun gara Siwiidiin erga baqatee booda achirraa gara UK imaluun magaalota Leestar fi Landan keessa waggoota hedduuf jiraateera.

UK keessa wayita turetti gaa'ilas godhateera. Masjiidota Landan fi Leestar keessatti argamanittis duree amantii ta'ee tajaajileera.

Haata'u malee walakkaa bara 2000 keessa garee finxaaleyyii waliin hariiroo uumeera jechuun humni tikaa biyya keessaa UK wayita qorannoo irratti eegalu baqatee gara Somaaliyaa deebi'e.

Abdulqaadir Muumin erga gara Somaaliyaa deebi'ee booda bara 2006 kibba Somaaliyaatti waldaa manneen murtii bu'uurri isaa al-Shabaab keessa seene.

Abdulqaadir Muumin

Madda suuraa, ISIL

Ibsa waa'ee suuraa, Abdulqaadir Muumin loltoota hidhatan kaan waliin

Bara 200 gara xumuraatti dureewwan amantiifi jaarsoliin biyyaa walta'uun manneen murtii Islaamaa hundeessanii turan.

Manneen murtii kunneen kan hundeeffamaniif waraana waliinii booda kan balleesse akka gaafatamuu fi nageenyi akka bu'u mirkaneessuuf yoo ta'u kana keessatti al-Shabaab ga'ee olaanaa qaba.

Miseensi manneen murtii kunneenii kan ture Abdulqaadir Muumin, keessattuu Puuntilaandfi kibba Somaaliyaa keessa naanna'uun barnoota amantii Islaamaa kennaa akka turetu himama.

Bulchiinsota Somaaliyaa keessaa tokko kan taate Puuntilaand keessatti namni hoogganaa damee nageenyaa ta'e tokko BBCtti akka dubbatetti ''keessumaa masjiidota Basaasoo keessatti argamanitti barsiisaa ture. Yeroo sanas amaluma amma qabu kana agarsiisaa ture,'' jedhe.

Aanga'oonni tikaa maqaasaanii ibsuu hin feene akka jedhanitti wayita waldhibdeen manneen murtii fi garee al-Shabaab gidduutti mudachuun gargar ba'uun dhufu, Abdulqaadir Muumin garee finxaaleyyii waliin fottoqee ba'e.

Ergasii waggootaaf garee al-Shabaab keessatti duree amantii ta'uun tajaajileera, miseensotas filachaa ture.

Abdulqaadir Muumin erga hooggansa al-Shabaab ta'ee booda paaspoortii UK adda babayii irratti wayita gubu mul'ateera.

''Shororkeessaa Abdulqaadir Muumin''

Somaaliyaatti namoota garee shororkeessitootaa waliin hariiroo qaban jettu xiyyeeffannaan kan hordoftu Ameerikaan, bara 2016 ''shororkeessaa sadarkaa idiladdunyaatti beekamu'' jechuun Abdulqaadir Muumin farrajjee turte.

Ministeerri dhimma alaa US namni kun biyya Ameerikaa, lammiilee Ameerikaa, nageenya biyyaalessaa Ameerikaa, immaamata alaa yookiin diinagdee irratti balaa qaqqabsiisuu danda'a jechuuni kan inni nama kana ''shororkeessaa'' jechuun farraje.

Tarkaanfiin Ameerikaan fudhatte kun qabeenyi Abdulqaadir Muumin Ameerikaa jiru akka jalaa ugguramu akkasumas lammiin Ameerikaa kamuu daldalaa fi quunnamtii gosa kamiiyyuu nama kana waliin akka hin taasisne dhorka.

Haata'u malee Abdulqaadir Muumin al-Shabaab waliin hariiroonsaa hanga dhumaatti itti hin fufne.

Garee Somaaliyaa fi Baha Afrikaa qofa keessa socho'u keessaa ba'uun garee IS akka addunyaatti socho'u keessa seene.

Wayita Abdulqaadir Muumin IS seenu gareen Abuubakar Al- Baagdaadiin durfamaa ture kun Iraaq keessatti bulchiinsa Islaamaa (Caliphate) hundeessee reefuu waggaa tokko ta'a.

Yeroo sanatti IS Baha Giddugaleessaa fi biyyoota Galoo Galaanaa keessatti sochii cimaa taasisaa ture.

Kana hordofee Abdulqaadir Muumin bara 2015 gara xumuraa Somaaliyaatti bakka bu'aa IS ta'uun akkaataa hundeeffama garee kanaa irratti Al- Baagdaadii waliin dubbachaa akka turan amanama.

Hoogganaa IS kan ture Abuubakar Al-Baagdaadii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Abuubakar Al-Baagdaadii oppireeshinii Ameerikaa bara 2019 gaggeeffame hordofee kaaba Siiriyaatti of ajjeese

Marsariitii Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa Ameerikaa irratti akka ibsamaetti IS dameen Somaaliyaa (IS-Somalia) bara 2018 bakka bu'ummaa Abduqaadir Muuminiin kanneen al-Shabaab keessaa ba'aniin hundaa'e.

Abdulqaadir Muumin garee al-Qaa'idaaf tumsu al-Shabaab keessaa ba'uun gantummaa fi diinummaadhaan farrajameera.

Sababa kanaaf hordoftoota isaa lakkoofsaan muraasa ta'an qabachuun Puuntilaand keessatti iddoowwan gaaraan marfaman keessa waggoota dheeraaf jiraateera.

Ragaan mootummaa Ameerikaa irraa argame akka mul'isutti Abdulqaadir Muumin ijoollee dhiiraa umriinsaanii waggaa 10 hanga 15 ta'e humnaan ugguruun qaree toora isaatti galchuun leenjii waraanaa akka fudhatan taasisa.

Waggoota dhihoo as ifatti mul'atee kan hin beekne Abdulqaadir Muumin, yeroo dhumaaf bara 2019 gaarreen Puuntilaand keessatti wayita gareesaa gadhiisu mul'ateera.

Tibba kana wayita ajaji waraanaa Ameerikaa duula shororkeessummarratti gaggeessu Somaaliyaa keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuun odeeffamu, Abdulqaadir Muumin haalli fayyummaasaa akkaan yaaddessaa akka ta'e ibsameera.

Puuntilaanditti hoogganaan damee tikaa, Abdulqaadir Muumin wal'aansa fayyaaf gara biyyoota lixa Afrikaa imaluu odeeffannoo akka qaban BBC Afaan Somaaleetti himan.

Haleellaawwan IS-Somaaliyaa

Abdulqaadir Muumin ol-adeemtota humnaan butuun, toora isaatti galcheen dirqamaan leenjii waraanaa kennuufiin cinaatti, humna horate kanaan haleellaawwan hedduu raawwachuu odeeffannoon mootummaa Ameerikaa ni mul'isa.

Gareen IS-Somaaliyaa daldaltoota dirqamsiisuun gibira irraa guuruun akkasumas saamuun gocha shororkeessummaa isaa adeemsisa jedhamuun himatama.

Gareen kun haleellaa kan raawwatu darbee darbeeti. Haleellaa kan raawwatanis qaam barbaadanitti dhihaachuun yoo ta'u namoota dhuunfaa ajjeesuu fi meeshaa dhohiinsa uuman hidhuudhaani.

Gareen haala kanaan aanga'oota mootummaa Somaaliyaa, nagaa eegsistoota Somaaliyaa keessatti argaman, miseensota al-Shabaab, qaamolee nageenyaa Puuntilaandfi daldaltoota maallaqa kaffaluu didan irratti haleellaa raawwateera.

Baha Afrikaatti ga'ee Abdulqaadir Muumin

Abuubakar Al-Baagdaadii bakka bu'uun hoogganaa IS kan ta'e Amiir Abuu Hafiz Al-Hasheemii Al- Quraashii Siiriyaa ykn Iraaq irraa ka'uun karaa Yaman bulchiinsa Puuntilaand akka seenaa ture odeeffama.

Kanarratti dabalataan Abdulqaadir Muumin ammoo Somaaliyaarra darbee akka waliigalaatti IS keessatti ga'ee hoogganummaa argateera jedhama. Garuu ragaan qabatamaan kana dhugoosmu hin jiru.

IS-Somaaliyaa akka al-Shabaab osoo humnasaa hin cimsatin waggoota dheeraaf kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa garuu loltoota Somaaliyaa keessaa qabu dhibbaan lakkaa'aman irratti dabalataan biyyoota garaagaraa irraa loltoonni karaa Yaman seenuun itti makamaa jiru jedhama.

Gareen kun giddugaleessarra jiraachuusaarraa kan ka'e garee IS Yaman irraa hanga Afgaanistaan socho'u kan Afrikaa waliin walitti fiduu keessatti ga'ee olaanaa qaba jedhamee amanama.

Gareen IS-Somaaliyaa Abdulqaadir Muuminiin durfamu kun Afrikaa keessatti garee IS Somaaliyaa, Moozaambikiifi Dimokiraatik Ripaablik Koongoo keessatti argamaniif meeshaa waraanaafi maallaqa dhiheessuun tumsa jedhamee odeeffama.