Sababiiwwan miidiyaan OBS tamsaasi isaa akka adda citu dirqisiisan maali?

Waggaa kudhan dura kan eegale miidiyaan dhuunfaa jiruu fi jireenya uummata Oromoorratti xiyyeeffachuun hojjetu- Oromia Broadcasting Service (OBS) gidduu kana tamsaasa isaa adda kutuu ibseera.

Oduun kun namoota sagaleesaanii karaa miidiyaa dhageessifataa turan akka rifaasise yaada namoonni miidiyaa hawaasaarratti kennaa jiran irraa hubachuun ni danda'ama.

Miidiyaan kun tamsaasi isaa ALI Fulbaana 27, 2017 irraa kaasee adda cituu kan ibse yoo ta'u, ammatti akka adda cituuf sababi ijoon gatiin doolaaraa ol ka'uu eere.

Ammoo rakkoon kuufamaa dhufe miidiyicha dadhabsiisuus hooggansi fi hojjettoonni miidiyaa kanaa BBC'tti himaniiru.

Yeroo ammaa OBS hoogganaa kan jiru gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaa, rakkooleen biraa jiraatanis rakkoon amma miidiyaa kana saatalaayitiirraa akka bu’u isa taasise sharafa alaan walqabata jedhe.

''Rifoormii diinagdee haaraa keessatti akkaataa gabaa sharafa alaa biyyi kun dhiheenya labsiteen kallattiin walqabata. Baatii tokkoo fi walakkaan dura doolaara tokko birrii 55'n nuuf kennaa turan warri baankii. Kun garaagarummaa guyyoota muraasaa keessatti dachaa oliin dabale. Nutimmoo haala kanaan hin qophoofne ture,'' jedhe.

Wayita rifoormiin diinagdee akkanaa labsamu mootummaan dhaabbilee jijjiiramni kun kallattiin miidhuu danda’u bira dhaabbachuu akka qabu muuxannoo biyyoota alaa quba qabna jedha Bosonaan.

''Nuti garuu yoo xiqqaate gatiin reetii beeksisa keenyaa akkaataa daballii doolaaraa amma jiruun akka ta’uuf dursinee qophaa’uu qabna, nu gargaaraa jennee xalayaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaaf barreessinee turre. Isaan garuu nu jalaa callisan,'' jedhe.

OBS qabiyyeesaa karaa saatalayitiin qilleensatti kan baasu yoo ta'u waliigalteen inni qabus dhaabbata biyya Neezarlaandis NSS12 jedhamu waliini. Kaffaltiinis doolaaraan waan kaffalamuuf jijiiramni sharafa alaarratti muudatu kallattiin dhiibbaa irratti uuma.

Rakkoon ijoon biraa Gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaa kaasu baankiiwwan biyyattii doolaara akka isaan dhowwataa turaniidha.

''Osoo birrii qabnuu baankonni doolaara nu dhowwatanii rakkataa turre. Kun gufuu guddaa ture.''

Miidyaaleen Itoophiyaa, kan mootummaa dabalatee, rakkoo ispoonsaraa qabu kan jedhu Bosonaan keessattuu kan OBS ammoo Afaan Oromoon hojjechuunuu qormaata tokko ture jedhe.

''Ispoonsara baayyee hin argattu yoo Afaan Oromoon hojjette. Kun dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaadu.''

Hundeeffamusaarraa eegalee rakkooleen hedduun isa mudataa turan walirratti kuufamaa dhufuun miidiyaa kana dadhabsiisuus hima.

Yeroo weerarri Koronaa Vaayirasii addunyaa raasee, biyya kanas rakkoo hamaa keessa galche miidiyaaleen biyyattiis guddoo miidhaman.

Yeroo sana OBS rakkoo hamtuu keessa seenee ture. Ammoo rakkoon nageenyaa biyyattii kallattiin miidiyaa kana akka miidhe hime Bosonaan.

''Rakkoon ispoonsaraa ture. Gara waggaa tokkoo oliif bahanii waa hojjechuun danqaa guddaadha. Osoo baayyee hin turin ammoo waraanni kaaba biyyattii eegale.

Haalli kun miidiyaaleen akka garaasaanii socho’anii akka hojii hin hojjenne gufuu ta’an. Rakkoon kun OBS guddoo miidhe.''

Ammoo keessumatti rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa akka fedhanitti deemanii qabiyyeewwan barbaadan fiduurratti dhiibbaa akka uume dubbata.

''Kun hundi walitti ida’amuun OBS maallaqa kuufatee, qabiyyeesaa bal’isee hundee jabeeffatee akka hin sochoone danqaa ta’e.''

Miidiyaan OBS akkamiin hundaa’e?

Miidiyaan dhuunfaa OBS yeroo biyyattiin goolama siyaasaa hamaa keessa turtetti hundaa'e.

Namni wayita dhaabbata tokko hundeessu gadi taa’ee mari’atee bu’aa ykn faayidaa fi miidhaa isaa xiinxalee irratti mari’ateeti kan jedhu hoogganaan miidiyaa kanaa gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaa ''OBS garuu haala kanaan miti kan inni hundaa’e,'' jedhe.

''Rakkootu OBSn dhale jechuun ni danda’ama. Hojjettoonni amma OBS jiran duraan Dhaabbata Raadiyoo fi TV Oromiyaa amma OBN kan jedhamu keessaa hojjetaa turan. Hojjettoota taatee siyaasaan achi keessaa baafamantu yeroo sanatti ariitiidhumaan dhaabbilee garaagaraa quunnamuun hundeessan.''

Gaazexeessaan hundeefama isaa irraa kaasee OBS irra hojjatu Margaa Angaasuu ''hundeeffamni OBS xiiqiidhaani,'' jedhe.

''Seenaa Oromoo keessatti TVn dhuunfaa banamuu danda'uun mataansaa xiiqiidhaan akka hojjennu nu taasise. Miidiyaa bashannanaa jalqabaa qabaachuunis waan guddaa tokko.''

Wayita qabsoon siyaasaa biyya keessaa fi alatti finiiinaa turetti miidiyaa kun qabiyyee siyaasaas hojjachuun waan ulfaatuuf, bashannana fakkeessee, eenyummaa Oromoo,quuqama sabaa, aartii, afaani fi aadaaa Oromoo ol baasuu fi beeksisuu irratti xiyyeefatee hojjachuu eegale.

Gama kanaan qaawni miidiyaa waan hin turreef OBS yeroo gabaabaa kessatti akka jaalatamuu ta'e.

''Waayita haalli siyaasaa akkan hoo'e turetti, nuti sana keessa teenyee miidiyaa dhaggeeffatamaa umrii dheeraa turuu danda'u bu'uuressine jedha Margaan.''

Yeroo sanatti TVn dhuunfaadhaa kan biyya keessatti gadi dhababate hin turre. Kan ture EBS qofa.

Sana dura miidiyaaleen dhuunfaa dhimma Itoophiyaarratti hojjetan kanneen akka OMN fi ESAT jedhaman biyya alaatti hundeeffamanii turan.

Biyya keessatti garuu miidiyaan dhuunfaa hin turre. Keessattuu kan Afaan Oromoon tamsaasu OBS qofa ture.

''Muuxannoodhumti TV hundeessuu ykn saatalaayitii kireeffachuuyyuu hin turre,'' kan jedhu gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaa ''garuu ittuma cichinee namoota garaagaraa quunnamuuf yaalle,'' jedhe.

''Yeroo sana haala siyaasaa turerraa kan ka’e sodaatu ture. Hawaasa biyya alaa jiranillee dubbisuuf yaalaa turre. Isaanis meeshaalee ittiin hojjennu irraan kan hafe gatii saatalaayitii kaffaluun akka itti ulfaatu nutti himan. Abbootii qabeenyaas dudubbisuu eegalle.''

Yeroo sana abbootii qabeenyaa dubbisan keessaa kan deebii biraa argatan Obbo Dinquu Dayyaasaa ta'uu hime Bosonaan.

Obbo Dinquun yaada Gaazexeessitootni OBS dhiyeessaniif erga dhagahanii booda uummata Oromoof miidiyaan akka barbaachisu, isaanis deeggaruu akka fedhan itti himan.

''Garuu miidiyaa kana akka qaama kubbaaniyyaa kootti qabadhee itti fufuu hin barbaadu'' akka jedhaniin yaadata Bosonaan.

''Kanaaf waggaa tokko gatii saatalaayitii fi mindaa hojjettootaa kaffaluun akka nu gargaaran waadaa nuuf seenan. Sanaan booda garuu of dandeessanii baatu nuun jedhan.''

Obbo Dinquu Dayyaasaa yeroo miidiyaa Afaan Oromoon biyya keessatti hundeessuun ulfaataa turetti waan hin yaadamne qabatamaan hojiitti geeddaruun akka toora qabatu taasisaniiru jechuunis galateeffatan.

''Garuu akka Obbo Dinquun jedhan waggaa tokko booda of danda’uun gonkumaa hin danda’amne. Haalli siyaasaa ture kana hin eeyyamu,'' jedhe.

Dhaabbileen ispoonsara godhanii fi namoonni hedduun miidiyaan kun teessoonsaa biyya alaa itti fakkaata kan jedhu Bosonaan kun mataansaa qormaata ture jedhe.

''Kan paartii mormituu ykn kan mootummaarratti hojjetu se’u. Isa kana hubachiisuun mataansaa hojii cimaa ture. Waajjiraaleen mootummaa nu baqatu. Abbootiin qabeenyaa nu baqataa turan. Beeksisa argachuun hafee gaaffii fi deebii nama waliin taasisuunuu ulfaataa ture.''

Obbo Dinquun waggoota jalqabaa lama nu bira dhaabbatanii nu gargaaraa erga turanii booda of danda’aa jedhanii nutti gadhiisan jedha Bosonaan.

''Ammoo nutillee namootaan walbarree, beekamtiis waan arganneef qaamoleen ispoonsaraas nu baran. Akkanaan gara of danda’uutti, saatalaayitii ofii keenyaa kaffalachuutti , mindaas ofuma keenya kaffalannee gara hojjechuutti seenne.''

Humna namaa baayyee muraasaa fi meeshaalee waraabbii miidiyaaf oolan muraasa ta’aniin cichoominaan hojjennee fudhatama guddaa argachuu dandeenye jedhe.

''Miidyaan cufamuun sagaleen uummataa cufamuudha''

Miidiyaan dhuunfaa Afaan Oromoon tamsaasu OBS qabiyyeewwan duudhaa, seenaa fi aartii Oromoo ilaallatan irratti xiyyeeffatee hojjetaa ture.

Biyya indastiriin miidiyaa hagas mara hin guddanne Itoophiyaa keessatti miidiyaaleen qaama tokkoof dursa kennanii isa kaan qoollifachuun waan barameedha.

Rakkoon akkanaa durii ka’ee hanga har’aattillee mul’ataa jira.

''Namoota miidiyaalee biyya kanaan qoollifataman barbaannee sagalee ta’aafii turre. Uummanni ammoo waan akkanaa ni jaallata. Haalli nuuf mijaa’ee osoo hin taane wallaansoodhaan hojjetaa tuure,'' jedha gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaa.

OBS imalasaa waggaa 10 darbanii keessatti michummaa uummata bal'aa horateera kan jedhu gaazexeessaa Margaa Angaasuu, ''uummata OBS miidiyaa aartii, miidiyaa aadaa fi kan jiruu fi jireenyasaa ta'uu hubatee beekamtii kenneef horanneerra, sadarkaa kanarra geenye jechuun uummata keessatti dhiibbaa uumneerra jechuudha,'' jedhe.

Gaazexeessaa Margaa Angaasuu OBS keessatti qophiilee aadaa, aartii, seenaa goototaa fi uummata Oromoorratti xiyyeeffachuun hojjetuun guddoo beekama.

''Sirna Gadaarraa eegalee duudhaalee Oromoo kanneen akka Irreechaa irratti xiyyeeffachuun waa hedduu hojjenne. Seenaa Oromoota kaaba Itoophiyaa irraa eegallee qubsuma Oromoo mara walitti hidhuu keessatti, seenaa uummatichaa baasnee mul'isuu irratti xiyyeeffannee hojjenne.''

Kana hunda gaazexeessitoota muraasaa fi meeshaalee miidiyaa lakkoofsaan xiqqoo ta'aniin hojjetaa wal'aansoo qabaa miidiyaa kana har'aan ga'uu ibse Margaan.

Guddina hawaasaaf wantoota murteessoo ta’an keessaa miidiyaan dursa qabata. Ammoo filannoon miidiyaa hedduun yoo jiraate carraan uummati yaadasaa ibsachuuf qabus ni bal’ata.

Cufamuun miidiyaa ammoo dhiibbaansaa faalla kanaati. Sagalee uummataa dhiphisa.

OBS waggoota kurnan darbe kana uummata Oromoof carraa baneera. Hawaasa keessa seenee waliin jiraatee jiruu fi jireenyasaa mul’iseera.

Miidiyaan akkanaan michuu uummatichaa ta’e kun yoo cufame kasaaraa guddaadha jedha Bosonaan.

''Miidiyaaleen Afaan Oromoon qabiyyeesaanii tamsaasan hedduun sababa hanqina maallaqaa tamsaasa dhaabaniiru. Miidiyaa dhuunfaa biyya kana keessa jiru kan Afaan Oromoon tamsaasu qilleensarratti hafe OBS qofa ture. Filannoomti tokkittiin kunillee dhabamuun uummata kanaaf miidhaa guddaadha.''

Itoophiyaa keessatti hanga tokko humna kan qaban miidiyaalee mootummaa yoo ta’an isaanis mootummaa dhufu waliin qabiyyee fi akkaataa gabaasa isaanii geeddaru.

Miidiyaa fedhii uummataa giddugaleessa godhachuun yoomuu madaallii eegee hojjetu uumuun qormaata cimaadha.

Yeroo dhihoo as miidiyaaleen dhuunfaa kutannoo gaazexeessitootaan miidiyaa fedhii uummataaf hojjetu bu’uuressuuf ifaajaa jiru.

Gama kanaan tattaaffiin OBS guddaa ture kan jedhu Bosonaan ''waan fedha uummataa ta’e garuu miidiyaalee kaan [kan mootummaa] irratti hin dabarre nuti waan dabarsinuuf uummanni ni daawwataa ture. Filannoo uummataa taane jechuudha,'' jechuun ga’ee OBS ibse.

Yoo miidiyaan kun cufame uummanni gama kanaan sagaleesaa dhageessifataa ture sagaleensaa ni ukkaamfama jechuudha.

''Kanaaf uummanni filannoo miidiyaa hedduu qabaachuu qaba jedhe. Yoo ta’uu baate carraan sagaleen uummataa ukkaamfamuu bal’aadha jedhe.''

Miidiyaa dabalatee dhababileen maqaa Oromoon hundaa'an baayyeensaanii itti fufiinsa hin qaban kan jedhu gaazexeessaa Margaa Angaasuu, ''Nuti garuu osoo dhiibamnuu, osooma miidhamnuu ogummaa keenyaan saba kana tajaajiluuf jennee dirqama ba'achuutti cichaa yoona geenye,'' jedhe.

Kanaan dura uummanni kun gama aartii fi miidiyaan miidhameera kan jedhu gaazexeessaa Margaan, ''ammas carraan miidiyaa cdhabuu miidhan walfakkaatan sun akka itti fufu taasisaa,'' jedhe.

''Kaleessa wayita uummanni kun rakkoosaa, makkoosaa miidiyaa ittiin ibsatu dhabee ukkaamfamee ture guyyaan miidiyaan Afaan Oromoo banamuu ni dhufa jedhee eegaa ture."

''Hanguma miidiyaawwan uummanni ittiin sagaleesaa dhageessifatu muraasni jiran cufamaa, xiqqaataa deeman, carraan sagaleen uummataa ukkaamfamuu bal'ataa deemaa,'' jechuun sodaa qabu ibsa gaazexeessaa Margaa Angaasuu.

Egereen OBS maal ta’a?

TV'n OBS saatalaayitiirraa bu’eera oduun jedhu gamuma miidiyaa kanaa erga ibsamee booda hawaasa keessatti miirri uumame cufamuu akka hin qabneedha.

Keessattuu miidiyaalee hawaasummaarra namoonni hedduun bira dhaabannee itti fufsiifna jedhan jiraachuu miidiyaan kun fuula Facebook isaarratti ibseera.

Bosonaan akka jedhutti OBS guutummaatti cufame osoo hin taane qilleensarraa bu’e.

''Garuu isa kana maal gochuu dandeenya kan jedhu ammas gaaffii ulfaataadha. Tumsa uummataanis ji’a ji’aan akkasitti itti fufa jechuun waan yaadamu miti. Kanaafuu egeree miidiyaa kana murteessuuf ammallee sadarkaa isa dhumaarra hin geenye.''

''Hojjettoota keenyaa fi qaamolee dhimmamanii miidiyaa kana itti fufsiisuuf fedha qaban waliin mari’ataa jirra,'' jedhe.

OBS tamsaasi isaa adda cituu erga ibsee guyyoota muraasa booda haala amma irra jiruu fi ittaansee maal gochuuf akka deemu karaa fuula Facebook isaa ibseera.

''Guyyaa fi sa'aatii tamsaasni OBS addaan citee eegalee dhimmamtootni keenya baay'een deeggarsa goonee qilleensatti deebifna jechuun miidiyaalee hawaasaa garaa garaa irratti yaada isaanii qoodaa jiraniif OBS galata guddaa isiniif qaba,'' jedha maxxansi miidiyaa kanaa.

Guyyaa tamsaasi isaa adda citee kaasee tooftaa miidiyaa kana qilleensatti deebisuun danda'amu irratti hojjechaa jiraachuus ibseera.