Keeniyaan akkamiin miidiyaalee odeeffannoof 'lafa hin lixne, dhagaa hin gargalchine hin qabne' qabaatte?

    • Barreessaa, Galaanaa Balaay
    • Gahee, Gaazexessaa

Waggaa torba dura wayitan hojiif gara magaala guddoo Keeniyaa Naayiroobii dhufu teknoloojiin hangam takka jireenya guyyuu lammiilee akka salphise argeen dinqame.

Tibba ani dhaqe biyyattiin filannoo pireeziantummaa gaggeessitee dhibdee bu'aa filannoon mudateen yeroo itti jeeqamte ture. Ta'ii kana keessatti hirmaannaan lammiilee biyyattiifi gahee miidiyaalee waanin Itoophiyaatti beekurraa adda ture.

Waggoota torba booda amma wayita labsiin gibiraa mormii dargaggootaa guddoo kaasee ji'ootaaf gaggeefamu wantin arge ammoo Keeniyaan akkamiin miidiyaa walabaa fi hawaaasa odeeffannoo adamsu horachuu dandeesse? jedhu akkan kaasu na dirqisiise.

Magaalaa Naayiroobiitti qe'een keessa jiraadhu keessa abbootii warraa 200 ta'antu jiraata. Garee Whatsapp tokko bananiiru. Mata dureen garee kana irratti ka'u hawaasummaa fi dhimma qe'ee qofatti hin daangofne.

Tibba mormii gibiraa kana namuu odeeffannoo haaraa waltajjii kana gubbaatti walii qooda. xiinxala mataasaa kenna, haala qabatamaa jiru irrattis yaadaan mugguta.

Odeeffannoo sobaa marsaalee hawaasaarra naanna'u burjaajii akka hin uumne qoratee warra soba ta'an walitti hima.

Waardiyaan qe'ee eeguufi qulqulleessituun manaa bilbila mobaayilaa harkaa qabaniin odeeffannoo adamsu, waan biyyi itti jirtu hordofu.

Kuni agarsiistuu hawaasa dammaqaa fi hirmaannaa hubannaarratti hundaa'eti.

Fedha odeeffannoo lammiilee biyyattii kana guutuuf ammoo miidiyaaleen biyyattii lafa hin lixne, dhagaa hin gargalchine hin qaban.

Mormii paarlaamaa biyyattii to'achuuf godhamee rasaasni lubbuu namaa galaafate, aarri ija imimmaaniin guutee argaa dhowwu keessa ogeessi kaameraafi gaazexessaan uffata miidiyaa ta'uusaa adda baasu uffate waan ta'aa jiru ijaafi gurra uummataan gahuuf yoo oliif gadi fiigu mula'teera.

Midiyaalee idileen alatti intarneeta gubbaatti namootni dhuunfaan odeeffannoo tamsaasan(citizen journalists) balaa lubbuu isaaniirratti dhufuu danda'u mara fudhatanii madda odeeffannoo walabaa uummataa ta'uuf yeroo carraaqan taajjabeera.

Ta'iiwwan diddaa gibiraa waliin walqabatan akka fakkeenyaatti fudhadhe malee miidiyaaleen Keeniyaa yakkoota dhokatoo qorannoo guddaa barbaadan, malaammaltumma aanga'ootaafi dureeyyii saaxiluuf sodaa akka hin qabne irra deddeebiin agarsiisaniiru.

Wiliyaam Ruutoo pireezidantii Keeniyaa ta'anii filatamuu hordofee wayita mormiin ka'e miidiyaaleen biyyattii gamtaa waloo ijaarratanii jiran ibsa ejjennoo waloo qabatanii bu'aan filannoo akka kabajamu Ruutoon pireezidantii Uummataa ta'uun akka fudhatamu gaafataniiru.

Ji'oota booda Pireezidant Ruutoon labsiiwwan uummatatti ba'aa ta'u jedhan wayita baasan ammoo miidiyaaleedhuma kanatu pireezidanticha qeeqe. Rakkoon jiraachuu saaxile.

Ruut Nasoobaa BBC keessatti gulaaltuu olaantuu Muummee Oduu Baha Afrikaati. Tokkummaa miidiyaalee Keeniyaa Kenya Editors Guild jedhamu keessattis pireezidantii itti aantuudha.

''Mootummaan si jajee gaafa si galateeffatu, baayyee sodaadhu. Maaliifi isa gammachiisaa, waan itti tolu gochaa jirta. waan uummatni fedhu kennaa hin jirtu jechuu ta'uu danda'a'' jetti.

Qajeeltoo ijoo miidiyaa sadan logiin ala ta'uu, dhugaa dubbachuufi walabummaa miidiyaa ofii gaafachuun gaariidha jetti.

Ruut BBC keessa hojjechuu eegaluu dura waggoota dheeraaf miidiyaalee Keeniyaa adda addaa keessa hojjetteetti.

Keeniyaan akkamiin miidiyaa walabaa fi jabaa qabaachuu dandeesse? gaaffii jedhu yoo deebiftu seenaan miidiyaa Keeniyaa waggaa 122 gara duubaatti deebi'ee akka eegalu himti.

''Gaazexaan jalqabaa The Standard jedhamu bara 1902tti jalqabe. Ergasii Keeniyaan dirree miidiyaa baayyee jabaa ijaaruu dandeesseetti. Fayyadamni miidiyaa uummtaas bayyee olaanaadha.''

Waayee fayyadama miidiyaa uummatichaa yoo ibsitu raadiyoon sadakaa jalqabaatti uummata hedduu tajaajilaa akka jiru himti.

''Baadiyyaa isa fagoos yoo demte nama muka jalafaa taa'ee raadiyoo hordofa. As magaalaa guddaa keessa namni gara waajiraa yoo deemuufi deebi'u konkolaata keessaatti raadiyoo hedduu caqasaa. Asitti sadarkaa olaanaatti odeeffannoon barbaadama.''

Raadiyootti aanee Televizhiiniidha. Namni hedduun oduu sa'aa laaqanaa fi oduu galgala sa'aa sadii akka gaariitti hordofa.

Yeroo dhiyoo as ammoo miidiyaan hawaasaa keessumaa tiwiitarri waltajjii hawaasummaa guddaa ta'uu himan.

''Duraan tiwiitar kan jedhan amma X jedhamuufi Tiktak irratti namni battala ta'iin tokko raawwatutti odeeffannoo qoodaa jiru. Dhiibbaan isaa hedduu guddaadha.''

Lammiileen biyyattii miidiyaalee idileerraa odeeffannoon barbaadan yoo dhabame filannoo hedduu qabu.

Namootni dhuunfaan gaazexessummaa hojjetan kan akka Sipiriyaan Nyakuundii madda oeeffannoo wayitawaa fi amanaa an biraa ta'uun dheebu odeeffannoo lammiilee biyyatti guutaa jiru.

''Namni hedduun oduu ammaa barbaacha gara isanii deema.''

Kun ammoo haala baratamaa miidiyaaleen idilee akka raadiyoofi tv itti hojjetan irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Ruut ni dubbatti.

''Odeeffannoo namni hedduun namoota dhuunfaan hojjetan irraa intarneeta gubbaa argan sagantaan tv galgala irra deebi'ee himuurra haala itti dhiyeessurratti dhama dabaluuf dirqama.''

Kun ammoo hawaasa odeeffannoo barbaadu garaa gahuuf gahee baheera.

Keeniyaa keessatti qaamni kamu ulaagaa Abbaa taayitaa kominikeesnii biyyattii guutuu danda'e miidiya aiaaruu danda'uuf hayyamni ni kennama.

Seerni miidiyaa hundeessuuf diriire kun xaxaa heduu kan hin qabne ta'uunsa akkuma fayidaa qabu dhiibbaa yeroon uumes ni jira.

''Miidiyaalee hedduun hundeeffamaniiru. Gariin kan to'annoon ala ta'an gariinis waayee odeeffannoo uummataan gahanii badaa hin dhimmamne, odeeffanoo sobaa fi gariin dhugaa ta'anii sabab ta'aniiru'' jetti Ruut.

Kaawunsiliin miidiyaa Keeniyaa rakkoo sababa kanaan dhufu to'achuun qormaata guddoo itti ta'aa jiraachuus himan.

Hariiroo miidiyaafi mootummaa

Miidiyaan Keeniyaa afaan mootummaa dhufaa darbaa ta'uu diduun, kan sodaachifamu ta'uurra kan sodaatamu ta'uu kan danda'e aarsaa hedduu keessa darbeeti.

''Walabummaan kun kan argame tattaaffiifi aarsaa hedduu, ogeeyyiin nu dura jiran danuun baasaniini. Qabsoo ijibbaachisaa godhaniitu miidiyaan walbaa biyya kana jiraachuu danda'e.''

Biyyattii keessa keewwatootni heeraa walabummaa miidiyaatti danqaa uuman yeroo hedduu akka haqaman, akka sirreeffaman godhameera.

Ammoo akk Ruut jechutti aanga'oonni miidiyaalee fi ogeeyyii miidiyaa dorsiisuuf yaaluun, hiraarsuun darbee darbee ni mudata.

Wayita yaaliiwwan kunniin ifatti mul'atan dhaabbileen siivilii fi waldaan miidiyaa hedduun mootummaan gochasaarraa akka dhaabatu ni akeekkachiisu, ni iyyatu.

''Qabiyyeewwan miidiyaan Keeniyaa maxxansuufi Itoophiyaatti garuu ni maxxanfamuu dhiisuu malan jiru. Kun kan ta'e ogeeyyiin aanga'ootni walabummaa kana tasa fudhachuu akka hin dandeenye irra deddeebiin yaadachiisu.''

Akka Ruut jettutti mootummaa odeeffanoo wayita to'atu gaazexessaan odeeffannoo argachuuf ni rakkataa. Haala akkasii keessatti ammoo odeeffannoo sirriifi madalawaa ta'e himuun ni rakkisa.

Haalli Itoophiyaa keessa jiru sababa kanatti rakkisaa ta'eera jetti.

Lammiileen Keeniyaa bara dukkanaa dubbachuufi waan dhagahuu hin dandeenye hamaa keessaa darabniiru. Sirna Kolonii Ingil jalatti cuquersaa ara araganiiru. Ammoo qabsaa'aa mirga dhaban kana deebifachuuf aarsaas kaffalaa turan.

''Miirri walabamuummaa ofii eeguu,mirga ofii baruufi isaaf dhaabachuu kun cunqursaa bara diddaa kolonii sana waliin hidha qaba'' jetti Ruut.

Ammoo waggootni 24 bara bulchiinsaa pireezidant Daani'eel Araap Mooy miidiyaafi lammiileef bara gaarii akka hin tane kaasuu.

''Ergasii sochiin kamuu mallattoon sigigaachuu yoo mu;l'atu bara sana yaadachuun akeekkachiisatu dhagaahama.''

Ammallee wayita muddamni siyaasaa dhalatu ajjeechaan fi badiin kaan mudatus bu'uuraleen dimookrasii lafa qabatanii waan jiraniif hedduu hammaatee hin yaaddessuu jetti Ruut.

Itoophiyaan eessa jirti?

Walabummaa miidiyaa Keeniyaa keessa jiru irraa hanga kana erga dubbannee Itoophiyaan gama kanaan eessa jirti jennee of gaafanna?

Walatajiiwwan miidiyaa Keeniyaa jiran marti Itoophiyaas jiru. fedhiin odeeffannoo lammiilee Keeniyaa bira jirus tarii dachaa heudun baayyatee lammiilee Itoophiyaa biras ni jira.

Dirreen miidiyaaleen Itoophiyaa keessatti hojjetan garuu tokko miti. Walabummaan Miidiyaa Keeniyaa jiru Itoophiyaa hin geenye.

''Itoophiyaan dhugumatti yaalaa jirti. Daandii sirriirra jirti. Bakka nuti geenye kana garuu gahuuf ni hafa.''

''Itoophiyaa keessatti odeefannoo kan to'atu mootummaa waan ta'eef odeeffannoo kan tamsaastu akka mootumaan jedhutti'' jetti Ruut.

Gaazexessaan ofiin socho'ee qoratee gabaasuuf halli dandeessisu hin jiru, gara caalu ammoo mootumma aodeeffannoo waan dhofatuufi jetti.

''Akkamiin odeeffannoo argatta. Qaama mootummaatti bilbillata sitti hin dubbatan. Namootni yaada akka sii kennan gaafachuu dhaqxa sodaafi doorsisa irra gahuu maluuf sitti dubbachuu sodaatu.''

''Keeniyaa wanti jiru faallaa kanaati.''

Dhaabbileen siivilii hedduun Keeniyaa keessa waan jiraniif osoodhuma qaamoleen mootummaa dubbachuuf fedha dhabanii odeeffannichi dhaabbilee walabaa kanneenirraa argamuu danda'a jetti.

Hanqina dhaabbilee siivilii Itoophiyaa keessa jiranii kan kaafti Ruut.

''Itoophiyaatti gahee dhaabbilee siivilii yeroo dubbannu maqaa muraasa akka Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatu ka'a. Kaan dhimoota akka siyaasaarraa ni baqatu.

Ruut gaaxesssitootni Itoophiyaa walabummaa Pireesiif jecha aarsaa qaalii kaffalaa jiraachuu isaanii himti. Iddoo gahuu fedhan gahuu baatanis ''daandichi garuu siriidha'' jetti.