Namoonni lama pirezidaantii Zaambiyaa ajjeesuuf itti mooran hidhaan adabaman

Madda suuraa, EPA-EFE / REX / Shutterstock
Manni murtii Zaambiyaa namoota lama pirezidaantii biyyattii Hakaayindee Hichileemaa ajjeesuuf itti mooran hidhaa waggaa lamaan adabe.
Lammiin Zaambiyaa Li'oonaardi Piirii fi lammiin Moozaambik Jaasten Mabuleesee Kanduundee jedhaman pirezidaantichatti mooruuf osoo jedhanii ji'a Muddee darbe to'annoo jala oolan.
Namoonni lameenuu waan ittiin mooran [tolcha] fi gaararraa lubbuu qabdu waliin to'annoo jala oolfaman.
Manni murtii biyyichaa labsii gochaa tolchaa [mooraa] kana jalatti namoota lamaan himatee yakkamaadha jedhe.
''Akka ilaalchakootti namoonni himataman lameenuu diina pirezidaantichaa qofa osoo hin taane diina uummata Zaambiyaa hundaati'' jedhe ogeessi seeraa murtoo kana dabarse Faayin Mayaambuu.
Moora ykn tolchaan pirezidaantii ajjeesuuf yaaluudhaan namni kana dura Zaambiyaa keessatti himatamee beeku waan hin jirreef erga himanni kun banamee uummanni biyyattii haalaan hordofaa ture.
Abbaan alangaa himata bane akka jedhetti Piirii fi Kanduudee akka pirezidaantichatti mooruun ajjeesaniif namni itti bite miseensa paarlaamaa duraanii biyyaa baqatee jiru akka tahe himan.
Namoonni lameenuu nuyi ogeessota qoricha aadaati malee falfala warra namatti hojjetu miti jedhanii falmanis manni murtii akkaataa Labsii Falfala biyyattiin dhimmoota lama irratti balleessaa irratti mure.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Moora waliin qabaman sana kan isaanii tahuu lameenuu amananiiru. ''Piiriin ammoo eegeen gaararraa xiqqoo uratee moora [falfala] keessatti fayyadaman akka namni sun guyyoota shan keessatti du'u gochuu akka danda'u himeera,'' jedhan ogeessi seeraa Mayaambuun.
Abukaatoon namoota lameenii Agiriiphaa Malandoo ammoo himatamtoonni kunneen yeroo jalqabaaf yakkaan waan himatamaniif araarri akka godhamuuf gaafateera.
Adabbii maallaqaan akka adabamanii gadhiifaman gaafatus manni murtii yaadicha hin fudhanne.
Ogeessi seeraa Mayaambuun akka jedhanitti akkuma biyyoota Afrikaa kaanii uummanni Zaambiyaas moora ykn falfala kanatti amanan jiru.
Kun saayinsiin mirkanaa'uu baatus humna qaba jedhanii amanu.
Seerris kan bahe uummanni sodaadhaan akka hin jiraanneefii miidhaa isaan geessisuu danda'u jedhamee amanamu irraa tiksuuf jedhan ogeessi seeraa kun.
''Gaaffiin jiru namoonni himataman dhuguma humna olaanaa waan barbaadan gochuu danda'u sana qabuu kan jedhu miti. Isaan akka humna sana qabanitti of ilaaluuu, isa irratti ammoo ragaa kana gochuu danda'u qabuu kan jedhudha'' jedhan.
Hidhaa waggaa lamaa gochaa mooraa isaaniin irratti darbeen dabalata waan mooraaf isaan gargaaru qabatanii argamuu isaaniif ammoo hidhaa dabalataa ji'a jahaan kan adabaman tahuu himameera.
Haa tahu malee, ilaalcha keessa galfamuun guyyaa to'annoo jala oolfaman Mudde 2024 irraa eegalee kan lakkaa'amuuf hidhaa waggaa lamaa akka xumuranii bahan mirtaa'eera.
Pirezidaantiin Zaambiyaa Hichileemaan gochaa mooraa ykn falfala kanatti akka hin amanne himeera. Himata kana ilaalchisee garuu yaada kenne hin qabu.
Ogeessi seeraa Diiksan Jeeree seerri dhimma falfalaa ilaalu kan darbe bara kolonii keessa 1914 tahuu hime.
Nmani seera kanaan himatame baay'ee tahuu baatus jaartolii gocha akkasiin himatamuun uummanni bahee tarkaanfii irratti fudhatuuf dahoo seeraa kennuuf jecha akka hojiirra oolee jiru hime.
Zaambiyaa keessatti dhimmi falfalaa kun waan haaraa miti. Maatiin pirezidaantii duraanii Edgaar Lunguu fi mootummaan erga inni du'ee haala sirna awwaalcha isaa irratti wal dhabaniiru.
Maatiin Lungu bakka dhaloota isaatti awwalamuu qaba jedhanii amanu. Mootummaan maatiin kan kana gaafatuuf ''moora'' wayiif taha jedhee amana.
Pirezidaanti Luunguun Afrikaa Kibbaatti erga boqatee mootummaa fi maatiin bakka awwaalcha isaa irratti waan walii hin galleef ammayyuu reeffi isaa kutaa reeffaa keessa jira.












