Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doonaaruumaa fi Baaleebaa gara Maan Yuunaayitid?
Taphattoota sarara duraa sadii irratti paawondii miliyoona 200 ol kan baase maanchister Yuunaayitid ammas taphattoota jajjaboo ofitti hawwachuu hin dhiisne.
Sadarkaa 15ffaan waan xumureef taphattoonni kilebicha galuu hin barbaadan jedhamus taphattoonni jajjaboon sadan dhufan filannoo isaanii jalqabaa godhachuudhaan mallatteessaniif.
Baajata hin qabu jedhamaa kan ture Yuunaayitid ammas maqaan isaa taphattoota jajjaboo akka Karlos Baaleebaa fi karra eegaa PSG Jiyaanluujii Doonaarumaa waliin ka'aa jira.
Doonaaruumaan PSG waliin kontiraata waggaa tokkoo qofa qaba. Kontiraata haaraa dhiyaateef mallatteessuu hin barbaanne. PSG karra eegaa haaraa mallatteessiseera.
Doonaaruumaan PSG waliin erga waancaa Shaampiyoonsi Liigii yeroo jalqabaaf mo'atee bara kana Maan Yuunaayitid galuuf akka fedha qabu gabaafamaa jira.
Maanchister Yuunaayitid seenaa fi kabaja durumaan qabuun ammayyuu taphattoota ofitti harkisaa jira.
Bakka Andiree Onaanaa karra eegaa haaraa mallatteessisuu kan barbaadu Yuunaayitid, yoo milkaa'e Doonaarumaa mallatteessisuu akka danda'u himama.
Garuu miindaa taphatichaa fi gatii PSG gaafatu irratti hundaa'a. Yuunaayitid sarara gidduu isaa cimsuuf taphataa Biraayitan Kaarlos Baaleebaas gaafachaa jira.
Miidiyaaleen jijjiirraa taphattootaa gabaasuun amanamummaa qaban adda addaa akka himanitti yoo tahe, Maan Yuunaayitid Jimaataa hanga Dilbataa karaa bakka bu'oota Baaleebaa haala kontiraataa fi fedha taphatichaa gaafachaa turaniiru.
Rakkoon jiru Biraayitan salphaatti taphataa kana hin gurguru. Yoo xiqqaate bara kanaaf tursiisuun gatiin isaa kana caalaa akka dablu barbaadu.
Moosis Kaayiseedoo Cheelsiitti paawondii miliyoona 115 kan gurgure Biraayitan Baaleebaa bakka isaati kan buusan.
Yoo kan gurguran yoo tahe gatii Kaayiseedootti siqu argachuu barbaadu.
Odeessa biraan Jaak Giriilish Maanchister Siitii irraa ergisaan Evertan galuuf waliigale.
Dabalataan Saaviniyoon Tootenhaamiin barbaadamaa jira. Garuu taphataa kanaaf hanga paawondii miliyoona 50 barbaada. Riyaan Cherkee waan mallatteesiseef Saaviniyoo gadhiisuu barbaadu.
Ebereche Eezzee ammas carraa Arsenaal galuu akka qabu himameera. Waancaa Komuniitii Shiidii Paalaas waliin kan kan injifate Eezzeen Arsenaaliin hedduu barbaadamaa jira.
Liiverpuul ammas taphataa sarara dUraa cimaa akka isa barbaachisu Vaan Daayik dubbate. Daarwin Nuunez Al Hilaal galeera.
Aleeksaander Isaakiin Niwkaastil irraa fudhachuuf yaalus Niwkaastil taphataa kana gadhiisuu akka hin barbaanne hime.
Isaak garee Niwkaastilittis waan hin makamneef Liiverpuul deemuun isaa waan hin oolles fakkaata.
Liiverpuul Nuunezii fi Diyaaz gurguree maallaqa gahaa qaba.
Rasmas Hooyilaandi Maanchister keessaa bahuu hin oolu. AC Miilaan taphataa kana ergisaan fudhachuu barbaada. Maan Yuunaayitid ammoo paawondii miliyoona 40 argannaan gurguruu barbaada.
Taphatichi garuu Yuunaayitid keessa turuun bakka isaaf falmachuu akka barbaadu himeera.
Nikoolas Jaaksan Cheelsiidhaa kan bahu yoo tahe filannoon isaa Niwkaastil akka tahu himame.
Niwkaastil Beenjaamiin Sheeskoo erga dhabee Jaaksan mallatteessisuu barbaada.