Saavinhoo - Saawwan elmuu hanga Maanchister Siitii galuutti

Leenjisaan kileba Laaliigaa bara kana sadarkaa sadaffaan xumurte Jiiroonaa Misheel nama salphaatti waan arge amanee fudhatu miti.

Garuu bara darbe yeroo dorgommiif qophaa'aa turan taphataa Saavinihoo jedhamu yeroo jalqabaaf osoo isaan waliin shaakala hojjetuu argan.

Yeruma sana daariktera ispoortii kilebichaa Kiikee Kaarsel gara moggaatti waaman.

''Barana dorgommii Laaliigaa kana hanga sadarkaa saddeettaffaatti gallee ni xumurra,'' jedhan.

''Ni maraattee moo maal taate'' jedhaniin daarikterichi. Mee yaadaa kilebni kun Segundaa ykn diviziyoona lammaffaa Laaligaa keessaa reefu ol guddate.

Sadarkaa olaanaaf dorgomuuf abdii akkasii leenjisaan tokko qabaachuun waanuma hin yaadamne ture.

Abdii kana ammoo kan keessa kaa'e gahumsa taphataa ol adeemaa argan tokkodha. sanuu taphatichi kilebichaaf haaraa ture.

Isa yaadaniin ol milkaa'an. Hanga saddetii galuun daariktera kilebichaaf abjuu fakkaate. Leenjisichi garuu isa jedheen ol kilebichi kileboota gurguddaa caaluun sadarkaa sadaffaan akka xumuru godhan.

Milkaa'inni maatii hoggantootaaf haaraa miti. Kilebicha kan hogganu obboleessa Peep Gaardiyoolaati. Taphni isaaniillee falaasama taphaa Gaardiyoolaan Baarseloonaa, Baayern Munikii fi Maan Siitiitti fayyadaman fakkaata.

Kileba xiqqoo humna maallaqaa xiqqoo qabdu taatus milkoofteetti. Egaa as keessatti shoorri taphataan isaanii ganna 19 Saaviniyoon bahate olaanaa ture.

Maqaa guddaa hin qabu. Ol adeemaadha. Ganda hiyyeettii Biraazil tokko keessaa mucaa argamedha.

Saavinihoon dhufnaan leenjisaan isaanii Misheel humnaan guutaman. Hanga torbanoota xumuraatti Jiroonaan waancaafuu kileba guddaa adunyaa keenyaa keessaa tokko kan tahe Riyaal Maadirid waliin morkataa turte.

Baarseloonaa durayyuu turan. Garuu sadaffaan xumuran. Seenaa kilebichaa waggoota 93 keessatti kun yeroo jalqabaaf dhugoome.

Saavinihoon kileba Nezerlaandis PSV keessatti garee eggataa keessa ture. Ispeen keessatti garuu akka urjiitti ife.

Biyyi isaa Biraazil waamteenii tapha jalqabaa morkii michummaa Ingilaandi waliin godhan irratti hiriiree taphate.

Peelee, Roonaaldinihoo, Roonaaldoo, Riivaaldoo, amma immoo taphattoota akka Neeymaar, Viinishiyees fa'a biyya oomishte Biraaziliif kun waan haaraa tahuu baatus taphataa abdii irratti gatame kanaaf waan guddaadha.

Biraazil keessatti maatii harka qallleeyyii irraa dhalatanii ganduma isaanii keessatti karaarraa fi qarqara galaanaatti kubba taphatanii guddachuun biyyoota Awurooppaa keessatti taphataa urjii tahuun waanuma baramedha.

"Dubbii jabaa tahuusaa nan hubadha, garuu erga Viinishiyees Jnr as Laaliigaa keessatti taphataa dandeettii akkasii qabuu fi nama tokkoo tokkotti baay'ee cima atahe akkasii argee hin beeku. beeliingihaam durumayyuu waan beekameef,'' jedhan.

Taphataan kun abbummaan kan kileba biyya Faransaay Tirooyis jedhamuuti. Abbaan qabeenyaa Maanchister Siitii fi Tirooyis ammoo tokkodha.

isaan Jiroonaaf ergisa kennan. Gahumsa taphataa kanaa ilaaluunbara kana Maanchister Siitiin taphataa isaanii jalqabaa mallattesisan gochuun waan hedduu nama dinqu miti.

Eenyumma isaa ataphataa mirkaneessedha. Bara dorgommii darbe galchii 11 fi kubba galchii tahe ammoo mijeessee kennuun xumure.

"Kennaa kubba miilaa taphachuu guddaa dhalootanan qaba'' jechuun yeroo adda addaatti dubbateera.

Gaardiyoolaan taphattoota dandeettii akkasii qaban gara taphataa urjiitti jijjiiruun beekamu.

Akkuma Mesii waliin bara baraan yaadataman jechuudha. Fergusan milkaa'ina isaanii keessatti jalqaba maqaa kan dhahan tokko Kiristaanoo Roonaaldoo akkuma tahe Gaardiyoolaan ammoo Liyonel Mesii waamu.

Ammas Saavinihoon Maan Siitii keessatti gahumsa isaa guddisuu itti fufnaan taphataa urjii gara biraa arguuf abdiin jira.

Qonnaan bulaa osoo hin taane taphataa jabaa taha

Saavinihoo namni taphataa kubba miilaa taha jedhee eegeru hin jiru.

Mana akaakayyuu isaatti guddate. Kibba Baha Biraazil baadiyaa Saa'oo Maatees jedhamtu keessatti guddate.

Ijoollummaa isaan farda gulufsiisuu jaalata. Akkoo isaaf saawwan elmuun gargaaraa ture.

Kuduraa fi muduraa dhaabuun yeroo isaa dabrsaa ture. Timaatima, Salaaxaa fa'a dhaabuu jaalata.

''Osoo amma Meksiikoo magaalaa Kaankuun [bakka jiraataa ture] moo baadiyaa akaakayuukee fa'aa bira deemuu sii wayya jettee gaafatte, gaaffii hin qabu baadiyaa sana filata. Addatti baadiyaa jaalata,'' jette harmeen isaa Doonaa Nilmaa.

Nama akkasii kana taphataa kubba miilaa taha jedhanii tilmaamuu irra qonnaan bulaa jabaa taha jechuutu salphata.

Osooma lafa qonnaa keessa ooluu ammoo yeroo hafte kubba taphachuun dabarsuu jaalata ture. Haati isaa yeroo umuriin isaa waggaa shanii ture leenjisaa isaa irraa akkuma nama raajii dhagaheetti kan dhageesse.

''Mucaan kun taphataa kubba miilaa jabaa taha,'' jechuun fuulduree isaa dubbate.

Saavinihoon qarqara galaanaatti kubba taphachuu jalqabe. Erga sadarkaa kilebaatti qabamee taphachuu jalqabee ammoo daa'imni xiqqaan kun ija kilebota adda addaa keessa gale.

Dorgommii umurii 17 gadii kilebni isaa kileba Atileetiikoo Miineeroo jedhamu waliin taasise irratti gahumsa gaarii agarsiise.

Yeroo sana umuriin isaa waggaa 11 ture. Atileetiikoo Mineeroon taphataa kana mallatesisuuf murteesse.

Dandeettiin isaa umurii isaa ol guddataa dhufe. Umurii waggaa 16'n taphataa umurii xiqqaan Atileetiikoo Mineeroof taphate jalqabaa tahe.

Bara 2022 guddinni ariitaan taphatichaa kileboota gurguddoo hawwate.

Yeroo kana Arsenaal taphataa kana mallatesisuuf gaaffii dhiyeesse. Garuu kilebni Faransaay, sanuu Liig [diviziyoona 3ffaa] keessa kan jiru taphaticha amansiisuun mallatesise.

Garuu Tirooyiif osoo hin taphatiin ergisa kileba Daach, PSV jedhamuuf kenname.

Kubba waliin saffisa guddaa qaba, kallattii barbaadetti sekondii keessatti jijjiiruun taphachuu danda'a.

Akkuma PSV galeen miidhamni isa mudate. Yeroo bayyannatee deebi'u ammoo carraa taphaa gahaa argachuu hin dandeenye. Qormaati jalqabaa asitti isa mudate.

Jiiroonaan dorgommii Waancaa Adunyaa waggaa 20 irratti yeroo inni Biraaziliif taphatu ilaaluun ergisaan fudhachuuf murteessan.

Leenjisaan isaanii Mishel garuu taphataa sarara duraa muuxannoo qabu waan barbaadaniif itti hin amanne ture.

"Hoggantoonni kilebichaa murteessuun fidan. Muuxannoo qabaachuu baatus akkuma jedhame carraa kana argachuun jabaatee hojjete.

Shaakala irrattis leenjisaan isaa Miishel ajaa'ibsiifate.

Taphata jalqabaa yoo taphatan Saavinihoon galchii lakkoofsisuun tokko ammoo mijeessee kenne.

''Bara kana galchii 10 ol lakkoofsisuun 20 ol ammoo kubba mijeesitee kennuun xumurta, jabaadhu,'' jedheen Leenjisaan Jiroonaa tapha jalqabaa irratti. Sanuu yeroo boqonnaaf bahan itti hime.

Gahumsi taphataa kanaa daqiiqaa 45 keessatti sirriitti bahee mul'ate.

Saavinihoon leenjisaa isaa jalqaba isatti hin ammane akkasiin amansiise.

Gaardiyoolaan taphataa kana arguun osoo barri dorgommii xumurame hin goolabamiin akka wlaiigalteerra gahan godhe.

Saavinihoo gara Maan Siitii dhufuun taphattoota akka Jaak Giriilish fa'aaf yaaddoo tahuu hin hafu.