Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Cabduu daabboo dhabuutii hanga kumaatama sooruutti - Jireenya Maarkes Raashfoordi
''Ilmikoo Maarkes Raasfoordi mana naaf bite. Guyyaa tokko tokko qofaakoo kutaakoo galee taa’een isa durii yaadadhee boo’a. Sababni isaa eessaa akka dhufnen yaadadha.
''Guyyaatti daabboo tokkittii mana keessaa dhabnee akkasumatti osoo hin nyaatiin bulle jira ture. Kana dubbachuun baay’ee ulfaatus dhugaan jireenya keenyaa kana ture,’’ jedhan harmee taphataa Maanchister Yuunaayitid Maarkes Raashfoordi.
Harmeen Raashoordi Aadde Lilaanii Raashfoordi miidiyaa odeeffannoo ispoortii gabaasuun beekamu Goal jedhamutti ture haala jireenya keessa darbanii kan dubbatan.
Harmeen Raashfoordi magaalaa Maanchister keessatti miindaa xiqqoo argataniin qofaa isaanii ijoollee isaanii shan guddisaa turan. Raashfoordi hiyyummaan anaan miidhe daa’imman kaan argachuu hin qabu jechuun duula gaggeessaa ture.
Raashfoordi taphataa kubba miilaan olitidha. Namummaaf dursa kan kennu, jireenya ofii keessa darbe daa’imman kaan akka hin mudanne kan dhama’u, hojiin kan agarsisee fi kubba miilaan qofa osoo hin taane ijoollee beela’an sooruudhaanis shaampiyoonaa kan tahe, taphataa kubba miilaa jaalatamaadha.
Taphataa kubba miilaa beekamaa, barreessaa kitaabotaa fi hojii tola ooltummaan beekama.
Daa’imman mana barnootaatti akka nyaata argatan duula gaggeessuun kan beekamu Raashfoordi UK keessatti barattootni kuma dhibbaan tilmaamaman akka gargaaraman godheera.
Bara kana kilaba isaa Maanchister Yuunaayitid keessatti galchii 24 lakkoofsisuun rikardii isaa kan bara 2019-20 galmeesse cabseera. Raashfoordi kitaaba ijoollee akka ofitti amanamummaa isaanii dabalu godhuu fi akkaan gurgurame 'You Are a Champion', jedhus barreesseera.
Cabduu daabboo yeroo dhaban
Raashfoordi carraa abbaa fi haadha isaa waliin guddachuu hin arganne. Haati isaa obbolaa isaa biroo afur waliin qofaa isaanii isaan guddisan.
Odeeffannooleen marsariitii adda addaa irraa arganne akka agarsiisanitti ammoo harmeen Raashfoordi aadde Meelaanii Maynaardi, ijoollee isaanii shanan miindaa xiqqoo argataniin ture kan guddisan.
Hojiin isaanii kaasherii yoo tahu, jireenya mo’achuuf bakka adda addaatiis hojii dabalataa akka hojjetan odeeffannooleen addeesu.
Jireenyi magaalaa Maanchister keessaa salphaa miti. Ijoollee isaanii guyyaatti si’a sadii sooruun hedduu itti ulfaata ture.
Kanaaf Raashfoordi yeroo ijoollee harka qalleeyyii akka sooramaniif duula gaggeessaa ture ofii isa guyyatti daabboo cabduu mana dhaban akka ture yaadachuun dubbataa ture.
Aadde Meelaaniin BBC Breakfast sagantaa jedhamu irratti yaada kennaniin:
''Yeroo tokko barbaadeen hojii sadii argadhe, yoon hojii kana in hojjedhu tahe waanuma bilcheesinee nyaannuyyuu hin argannu. Baay’ee ulfaataa ture. Al tokko tokko daabboo cabduuyyuu mana keessaa yeroon dhabnu ture. Kana dubbachuun nama qaanessuu mala. Garuu haala akkasii keessa darbine’’
Aadde Meelaaniim guyyaa tokko tokko ofii isaanii osoo hin nyaatiin oolanii bulanii waan mana keessa jirtu ijoollee isaaniif kennu ture.
Garaa haadhaati mitiiree! Ofii mar’immaan isaanii guduunfanii ijoollee isaanii abdii borii jireenya isaanii tahe guddisaa turan.
Mana keessa guyyaa waa hin jirre ammoo mana hiriyyoota ykn fira isaanii deemanii ija jabaatanii gaafachuun nyaata argatan ijoollee isaaniif kennaa akka turan BBCtti himan.
‘Kubba Maarkes’ [Markus’s Ball]
Raashfoordi daa’ima waggaa afurii tahee qe’ee maatii isaa keessatti obboloota isaa wlaiin kubba taphachuu jalqabe. Inumaayyuu araada itti tahee mooraa keessas tahu mooraan ala bahee hojiin isaa kubba taphachuu qofa ture.Inumaayyuu qe’ee keessatti yeroo taphatu meeshaa mana keessaa caccabsee rakkisnaan harmeen isaa guyya guyyaan itti iyyaa turan.
Harmeen isaa adde Meelaaniin akka ijoollee kaanii ilma isaaniif meeshaa tapha ijoollee bituufii hin danda’an ture. Garuu akkasumas tahee kubba isarraa adda hin bane tokko qaba. Kubba adii kana irrattis maqaa isaa barreeffatee waan qabuuf kubba Raashfoordi jedhamtee akka waamamtu odeeffannooleen ni himu.
Isheen michuu isaati, booda abjuu isaa kan ittiin milkeesse, seenaa maatii isaas ittiin jijjiire.
Booda yeroo jabaachaa dhufu ammoo gadi bahe kubba isaa kana ol baaxii mana isaaniitti dhiituun yeroo isheen gadi deebitee dhuftu harkaan qabuun taphata ture.
Yeroo kana haati isaa ilaaluun ilma isaanii kana gara gidduugala shaakala kubba miilaa bara 1986 hundeeffame tokkootti fudhatan. Umuriin isaa waggaa shan ture.
Raashfoordi kubb aman irratti dhiitee harkaan qaaa ture sanaan dandeettii karra eegaa tahuu akk aqabu argamuun karra eegaa tahee jalqabe.
Karra eegaa Maanchister Yuunaayitid yeroo Sanaa Tiim Howaardiin hedduu dinqisiifata ture. Waan gaariin gidduugala kana keessatti isa mudate abbaa isa dhalche wlaiin achiti wal arguu isaaniiti. Abbaan isaa achi keessaa waan leenjisaniif achitti qofa wal argu. Harmee isaa wlaiin adda bahaniiru waan taheef.
Haala Kanaan kan eegale imalli kbba miilaa Raashfoordi dandeettiin isaa fi jaallalii kubba miilaaf qab ija ogeessota guddattoota filanii kileboota akka Liiverpuul, Maan Yuunaayitidii fi Maan Siitii gale.
Gidduugala kana keessaa taphattootni akka Jeesee Liingaardi, Daanii Weelbeek, Wes Biraawon bahaniiru. Hundinuu Maan Yuunaayitidiif taphataa turan. Jalqaba turban muraasaf Maanchister Siitii keessatti shaakala hojjeteera.
Obbolaan isaa kilaba guddaa galuu qabda jedhanii osoo Liiverpuulii fi Everteen barbaadanii Maanchister Yuunaayitid akka gale himama.
Maarkes gatii geejibaa waan hin qaneef guyyaa tokko tokko waan ittiin deemu dhabees shaakala irraa hafaa tureera. Harmeen isaafi obboleesi isaa hangaafaa jabaatanii hojjechuun waan argataniin isaaf kaffalu ture.
Kunoo innis isaan hin qaanessine. Jireenya maatii guutuu jijjiiruun biyyaaf irraa hafaa tahe.
Manni barumsaa itti barate barattoota harka qalleeyyiif nyaata dhiyeessu ture. Kun maatii isaaf gargaarsa xiqqoo taheera. Innis gaafa galii guddaa argatu kunoo dabaree isaa ijoolleen mana barumsaatti akka hin beelofneef kuma dhibbaan akka sooraman gargaaraa jira.
Kilabni Maanchisteris akka inni barumsa baratuuf carraa kennaniifi kunuunsaa turan. Raashfoordi barnoota ispoortiinis dippiloomaa biyyaalessaa qaba.
Raashoordi yeroo umuriin isaa wagga 14 tahu qaamni isaa akka malee guddate. To’annoo isaan ol dheerataa deeme. Kun qormaata itti tahus jabaatee jabina qaamaa hojjechuun kubbaaf akka isaaf mijatu godhe.
Akkuma Sir Aleeksi Fergusan soorama bahaniin Deevid Mooyes Raashfoordi akka garee olaanoo [senior] waliin shaakala hojjetuuf carraa kennaniif. Kontiraata haaraa Maanchister waliin mallatteesuun amma of danda’ee maatiis gargaaruu jalqabe.
Luwis Vaan Haal yeroo leenjisaa Maan Yuunaayitid tahan ija isaanii Raashfoorditti deebisan. Yeroo tokko taphattootni jalqaba hiriiran 13 wal faana miidhaman. Yeroo kana Raashfoordiin taa’uma jijjiirraa irratti qabatan.
Tapha jalqabaa Caamsaa 13, bara 2016 tapha FA Cup West Haam waliin taphatan irratti hiriiree taphate. Torban isaatti tapha darbii Maanchister Siitii wlaiin gaggeessan irratti galchii injifannoo lakkoofsise. Raashoordi Arsenaal fi Everteen irrattis lakkoofsisuun bara 2016 galchii saddetii fi kubba mijeesse kenne lamaan xumure.
Garee biyyaalessaa Ingilaandiifis filamuun biyya isaaf taphachaa ture.
Imalli haala Kanaan jalqabe osoo hin dhaabatiin kubba miilaa keessatti maqaa guddaa horataa, hawwaasa isaa gargaaruun hojii tola ooltummaan shaampiyoonaa taha as gahe. Amma waggaatti miindaa hanga paawondii miliyoona 10 akka argatu ragaaleen ni agarsiisu.
Maarkes Raashfoordi maatii isaaf mucaa quxisuu yoo tahu, jireenyaa fi seenaan maatii isaa garuu karaa isaa jijjiirame.
Taphataan kubba miilaa Maanchister Yuunaayitid ganna 24 tahe Raashfoordi, abbaa isaa Obbo Rooberti Raashfoordi fi harmee isaa Aadde Meelaanii Maynaadi irraa bara 1997 Kibba magaalaa Maanchisteritti dhalatee guddate.