Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyonel Mesiin yeroo jalqabaaf, Arjentiinaan waggaa 36 booda Waancaa Adunyaa injifatan
Arjentiinaan shaampiyoonaa Waancaa Adunyaa bara 2018 Faransaayiin rukuttaa peenaaliitiidhaan mo'achuun waggoota 36 booda shaampiyoonaa taate.
Liyonel Mesiin taphataa cimaa Waancaa Adunyaa 2022 tahuun badhaafame.
Kiliyaan Imbaappeen kan PSGtti waliin taphatan ammo galchii saddet Waancaa Adunyaa kana irratti lakkoofsisuun badhaasa Kophee Warqii [Golden Boot] fudhateera.
Taphataan sarara gidduu kilaba Poorchugaal Enzoo Fernaandeez taphataa ol adeemaa cimaa Waancaa Adunyaa 2022 tahuun badhaafame.
Karra eegaan Arjentiinaa kubba tokko oolchuun Arjentiinaa Shaampiyoonaa taasise Emiliyaanoo Maarzineez karra eegaa cimaa Waancaa Adunyaa 2022 tahuun badhaafame.
Waancaan Adunyaa Qaataar qopheesite Liyonel Mesiif milkaa’ina jireenya isaa keessatti dhabe kan harka isaa galchite.
Arjentiinaan hanga daqiiqaa 80tti 2 fi'0'n dursaa turuun galchii Kiliyaan Imbaappeen daqiiqaa lama keessatti lakkoofsise lamaaniin qixa tahuun gara daqiiqaa dabalataa 30tti darban.
Mesiin galchii sadaffaa lakkoofsisus Imbaappeen rukuttaa peenaaliitii argatan galchiitti jijjiiruun wal qixxaachuun rukuttaa peenaaliitii xumuraaf darban.
Arjentiinaan galchii 4 fi 2'n rukuttaa peenaalitichaa yoo mo'attu Maartineez kubba Koomaan jalaa deebiseera.
Arileen Takumeeniin ammoo gara alaatti rukutuun Faransaay mo'amte.
Injifannoon kun erga bara 1986 yeroo Diyeegoo Maraadoonaan dursaa taphattootaa tahuun waancaa mo’atanii as isa jalqabaati.
Liyonel Mesiin Waancaa Adunyaa irratti rukuttaa peenaaliitii xumuraa dabalatee galchiiwwan 14 biyya isaaf lakkoofsisuun rikardii harkatti galfateera.
Waancaan Adunyaa bara 2026 magaalota 16 Ameerikaa, Kanaadaa fi Meksiikoo keessatti gageeffama.
Leenjisaan Arjentiinaa Liyonel Iskaaloonii seenaa Arjentiinaa keessatti leenjisaa jabaafi jaallatamaa akkamii akka tahu tilmaamuun nama hin rakkisu.
Leenjisummaa isaa jalatti Arjentiinaan waggaa tokko keessatti waancaa ‘Coppa America‘ fi Waancaa Adunyaa Kaataar mo’atte.
Karra eegaan Arjentiinaa Emiliyaanoo Maartineez kubba lama Faransaay jalaa deebisuun biyya isaa shaampiyoonaa taasise.
Waancaa Addunyaa 2022 kana irratti tapha mo'atanii darbuu Arjentiinaan Nezerlaand waliin taasisan irrattis irratti Maartinez rukuttaa peenaaliitii lama oolchuun biyyi isaa akka walakkaa xumuraaf darbitu gargaareera.
Leenjisaan Arjentiinaa Liyonel Iskaalooniin eenyu?
iyoonel Iskaalooniin soorama erga bahee gara wagga tokkoo oliif nama abdii dhabee tahee ture.
Leenjisaa garee biyyaalessaa Arjentiinaa yeroo ammaati. Kanan dura namni 'abbaa kanaa isa jedhu' dhibe ture, amma garuu biyyattii keessatti 'isa malee' jedhmaa jira.
Beekamtii inni horateyyu akka Arjentiinaan Waancaa Addunyaa Qaataar kana fudhattuuf ni gargaara jechaa jiru.
Taphataa sarara ittisa cinaa West Haam kan ture leenjisaan Arjentiinaa, qe’ee jireenya isaa odola Maayookaa irratti kilaba ganda sanaa jirtu tokko ijoollee keessan nama isiniif leenjisu yoo barbaaddaniif ani jira jechuun yeroo gaafataa tures jira.
Akkuma gaafate tole jedhaniifii ijoollee ganda sanaa leenjisaa ture. Bara 2016 ijoollee waliin shaakala hojjetee yeroo deebi’u Liyonel Mesiin Argentiinaaf taphachuu irraa sooarama bahuu isaa akka ibse dhagahe.
Yoo kana dhagahu amanuu hin dandeenye. Tiwiiterii irratti suuraa isaa fi Mesiin xumura waancaa Coppa America irratti waliin taphatan qoode.
Ergaan isaa ammoo akkas jedha. Suuraan kun waan hundaa dubbata….Liyoo hin deemiin,’’ kan jedhu ture.Yeroo sana maaltu akka tahuuf jedhu beekuu baatus har’a Liyonel Iskaalooniin Waancaa Adunyaa injifachuuf Arjentiinaa waliin morkata.
Liyonel Mesiinis yaada isaa jijjiiree, innis leenjisaa isanii tahee sadarkaa kanarra gahan.
Liyonel Iskaalooniin erga leenjisaa Arjentiinaa tahee hojii jalqabee waggoota 28 waancaa malee kan turte Arjentiinaan, akka waancaa Coppa America 2021 injifattu gargaareera.
Kun jalqabbii ‘’La Iskaaloonetati,’’ maqaa masoo taphattootni isaaf baasaniiranidha.
Leenjisaan ganna 44 amma Arjentiinaa keessatti nama hedduu jaalatamuu fi faarfamu taheera.
Osooma Waancaan Adunyaallee hin jalqabiin kontiraata isaa hanga bara 2026tti haaresseera. Kun abdii akkamii akka irraa qaban agarsisa.
Leenjisaan Arjentiinaa Waancaa Adunyaa booda hojii isaanii irra turan Maarseelloo Beelsaa qofa ture. Kunis bara 2002 keessa.
Kun jaalatamummaa akka qabu agarsiisa. Gareen hundi leenjisaanii irraa abdii guddaa qabu.