Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Morookoon eenyu: Afrikaamoo Arabadha?
Waancaa Addunyaa Kataaritti qophaa'en biyyoota seenaa haaraa dalaganiifi addunyaan waa'ee isaanii ijoo dubbii godhate keessaa tokkodha - Morookoon.
Deeggarsa bal’aa akka argatan kan taasise garuu milkaa’ina isaanii qofa hin turre. Hundeefi bu’uurri isaaniis gumaacheera.
Leencoti Atilaas - maqaa garee biyyaalessaa Morookoo – biyyoota Awurooppaa gurra qaban yeroo gurra irraa muran deeggartoonni isaanii lammiilee isaanii qofa hin turre.
Lammiileen Afrikaafi Arabaa hanga isaan sadarkaa 3ffaan xumuruuf taphatanii Kirooshiyaan mo’amanitti waliin turaniiru. Imalli isaanii garuu fagoo ture.
Morookoon garuu eenyu? Ummati, seenaafi hawaasni keessa jiraatuwoo?
Biyyoota Afrikaaf kaabarraan, biyyoota Arabaaf immoo lixarraan argamti Morookoon.
Kanaafis naannoo isheen jirtu naannoo Magrib (Afaan Arabaan Mahrib) jedhun. Magrib jechuun karaa ''(aduun) lixxu’' akka jechuuti.
Morookoon biyyoota Kaaba Afrikaa kubbaa miilaan maqaan isaanii ciminaan ka'u keessaa tokkodha.
Atileetiksii irrattis atileetota ciccimoo qabdi. Waldorgommiiwwan atileetiksiillee irra-deddeebbiin biyya keessatti qophaa'udha.
Yeroo jalqabaaf
Gaazexeessitoonni yeroo jalqabaaf waan ta'u jaalatu. Fakkeenyaaf Waancaan Addunyaa baranaa yeroo jalqabaaf dachee Arabaa irratti qophaa'e.
Morookoon biyya Afrikaa yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa irratti sadarkaa walakkaa xumuraa (walakkaa maayii) geesse taateetti. Biyya Arabaa jalqabaatis.
Leenjistoonni biyyoota Afrikaa Waancaa Addunyaa baranaarratti hirmaatan hunduu lammiilee Afrikaadha. Kunis yeroo jalqabaatiifi.
Leenjisaan Morookoo Waalid Reguraay leenjisaa Afrikaa jalqabaa gareen leenjisu sadarkaa xumura walakkaa geessisanidha.
'Mee fuula keenya ilaali'
Redaa Alaal, weellisaa Morokoodha. Dhimmoota hawaasummaa irrattis yaada kennuun beekama.
Morookoon Afrikaamoo Araba gaaffii jedhuuf sagantaa BBC News Day jedhamu irratti dhihaatee kana hime.
''Nuti hundumadha. Beekamaadha Afrikaadha. Biyya [Morookoon] Afaan Arabaa dubbatudha. Nuti Musliimadha. Yihuudiinis jira. Hunda simanna, rakkoon hin jiru,'' jechuun deebise.
Maaliif gaaffiin kun ka’a yaada jedhu qaba. ‘’Faransaay eenyudha jettee gaafattaa?’’ jechuun gaaffiin deebise.
Waancaan Addunyaa Kataaritti qophaa’e gaffiiwwan ijoo kaase keessaa tokko waa’ee eenyummaa Morookoodha.
''Morokoon biyya reefuu hundoofte miti. Erga akka biyyaatti hundoofnee yeroo dheeraadha. Gara seenaa keessa seenuu hin barbaadu. Morookoon biyya duriidha,'' jechuun deebise Redaan.
''Mee ilaali fuula keenya. Fuula addunyaa mara qabna. Biyya makaadha.’’
''Seenaan Morookoo seenaa makamedha. Fiixee Afrikaa irratti argamna. Bakka jirru osoo ilaaltee ummati kibba, bahaafi Awuroppaa irraa gara keenyaa dhufan jiru.
''Walitti makamanii ummata Morookoo ta'an. Morokoon bakka Awurooppaa, Afrikaafi addunyaan bahaa itti walitti dhufudha,'' jechuun deebise.
Dhugaadha Morookoon biyya ummati gosa garagaraa itti walgahuufi waliin jiraatedhas.
Daldallii meeshaaleefi daldalli garbaa ummati Sahaaraa gadii Morookoo keessa akka qubatu taasiseera. Ummati Yihuudiis Morookoo keessa jiraata.
Eenyummaa taphattoota Morookoo
Aadaan Morookoo aadaa Arabaa, ummata Barbar, Awurooppaafi Afrikaa of keessaa qaba.
Milkaa'ina Morookoof gara caalu gahee guddaa kan gumaache leenjisaa isaanii Waalid Reguraayidha. Nama Afrikaa ta’uu isaatti akkaan boonu jedhamuun beekamu.
Faransaayitti guddatanii leenjisaa ta’un Faransaay morkataniis hin milkaa’in malee abdii hin kutanne.
Taphattoonni isaanii afaan garagaraa dubbatu: Faransaay, Daach, akkasumas Afaan Ingilizii.
Afrikaadha, Arabadha, Musliimadha, akkasumas diyaasporaan [kan ala dhalatan ykn jiraatan] illee keessa jiru.
Eenyummaan makamaa kunimmoo Leencoti Atilaas bakkee hedduutii akka deeggarsa argatan taasiseera.
Biyyoonni Afrikaa imala Waancaa Addunyaan hin milkoofne Morookoo deeggaraniiru.
Morookoon Afrikaas, Arabas waan taatef gareen taphatees deeggarsa ummata miiliyoonotaa addunyaa gara garaa keessa jiranirraa qaba.
Waancaan Addunyaa garuu Afrikaa qofa hin turre, biyyoota Arabaa kubbaatiin sadarkaa hammana hin geenye gammachuu keessa galcheera.
Biyyoonni Arabaa walitti bu'iinsa qabanillee tokkummaa Arabaa caalsifatan.
Pirezidantiin Paalastaayin yeroo Morokoon Porchugaal injifatte kuni ''Arabaafi Paalastaayin hundaaf injifannoodha,'' jedhan.
Dargaggoonni Morookoo biyyoota Awurooppaatti argaman yeroo biyyi isaanii biyyoota Awurooppaa ciccimoo kanneen akka Beljiyeem, Ispeeniifi Porchugaal injifatan gammachuun isaanii adda ture.
Gammachuun Morokootti goobane garuu, Beeljiyeemitti walitti bu’iinsa uumee ture.
Waa'ee Morookoo:
- Ummata miiliyoona 35
- Afaan bal'inaan dubbatamu: Afaan Arabaa, Barbar (Afaan hojii), Faransaayiifi Ispeen keeessa jiru
- Amantaa hordoftoota hedduu qabu : Islaama
- Maallaqa: Dirhaama
Waa'ee Morookoo kana beektuu?
Morookoon mootiidhaan bulti. Mootiin biyyattii amma aangoorra jiran Mootii Mohaammad VI jedhamu. Eega bara 1999 aangoorra jiru. Aangoo guddaas qabu.
Biyyattiin qarqara Garba Guddaa Atilaantikiifi Galaana Mediteraaniyaaniitti argamti. Biyya gaarri itti baay'atu, akkasumas seenaa walabummaa biyyoonni ollaa ishee jiran hin qabne qabdi.
Morookoon bara 1912 eegalee to'annoo Faransaay jala erga turtee booda bara 1956'tti walabummaa argatte.
Isa dura garuu jaarraa 10ffaa hanga 17ffaatti sochiiwwan amantiifi bulchiinsota maatii tokkorraa kaanitti daddarban [dynasty] jalatti dabarsite.
Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa 7ffaafi 8ffaa keessa yeroo weerara Arabaa ture Idiriis daayinastii Musliimaa jalqabaa guddaa ta'e Morokootti kan hundeessan.
Ummati Arabaa amantaa Islaamaa babal’isuuf bakkeewwan Kaaba Afrikaa fi Giddugala Bahaatti socho’uu isaanii dura ummati Morookoo jiraataa ture ummata Barbaridha.
Ummati eenyummaa ofii qabuufi Amaazih [yeroo baay’atu Imaazihen jedhee of waamu] yeroo ammaa gara caalu bakkeewwan gaarreen biyyattiirra jiraatu. Biyyoota ollaa biroo keessas jiru.