Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Faransaay qarqara Paarisitti guddatee deebiyee Faransaayiin kan morkatu leenjisaan Morookoo Waalid Reguraay eenyu?
Qarqara magaalaa Paaristii guddatee kileboota Farnsaayii fi Ispeen keessa taphachuun irra caalaa umurii isaa dabarse, leenjisaan Morookoo Waalid Reguraay.
Amma hiree Paaris murteesuuf falmii cimaa taasisa. Walakkaa xumuraaf darbuun seenaa kubba miilaa Afrikaa jijjireera. Amma seenaa kanatti ulfina gochuuf waancaaf darbuuf morkii jabaa daqiiqaa 90tu isa eeggata.
Baruma kana leenjisaa kilaba Kaasaabilaankaa tahuun Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Afrikaa mo'achuun harka pirezidaantii Fifa irraa waancicha fudhataniiru.
Ammas harka pirezidaantii Fifa, Jiyaanii Infaantiinoodhaa waancaa Adunyaa fudhachuuf abbalu.
Amma erga leenjisaa garee biyyaalessa Morookoo tahee ji’oota sadii qofaadha. Ji’a tokko keessatti biyyoota adunyaa irraa kubba miilaan sadarkaa tokkoo hanga kudhanii gadi jiran sadii mo’ate.
Beeljiyeem, Ispeenii fi Poorchugaal. Isa dura Morookoon biyyoota gurguddoodha jedhaman kan mo’atte si’a lama qofa ture. Poorchugaalii [1986] fi Iskootilaandi [1998] qofaa turan.
Amma haalichi dhaloota haaraa amma jiruun jijjiirameera.
Ispeen keessatti dhalatee kan guddatee fi PSG’f taphatu Asharaaf Hakiimii, Chelsiif kan taphatu Hakiim Ziyeech, taphataa ittisa cinaa Baayern Munik Maazurawii fi Ittisa irra Naayif Aguweerdi, taphataa West Haam, akkasumas Wolvisiif kan taphatu Roomaan Saayis har’a Morookoo, Ardii Afrikaa fi biyyoota Arabaa bakka bu’uun falmii taasisu.
Karra eegaan Morookoo Buunoon ilaalcha gadi aantummaa of keessaa baasnee Afrikaan injifachuu dandeessi jennee amanuu qabna jedheera.
Leenjisaan Morookoo Waalid Reeguraay dachee Kaataar irratti Waancaa Adunyaa mo’atanii harka pirezidaantii Fifa, Jiyaanii Infaantiino irraa badhaasa fudhachuun miira akkamii akka namaaf kennu beeku.
Jiyaanii Infaantiinoo pirezidaantii Fifaa yoo tahan lammii faransaayuidha. Morookoon ammo Faransaay waliin xumuraaf darbuuf morkatti.
Leenjisaan ganna 47 Waalid Reguraay, biyya keessatti gudate Faransaayiin injifatee yeroo jalqabaaf biyyi Afrikaa Morookoon xumura waancaaf akka dhaqabdu gochuuf hojjetaa jira.
Reguraay qarqara magaalaa Paarisitti dhalachuun umurii isaa irra jireessa kileboota Farnsaayiif taphachuun dabarse. Biyya isaa Morookoof yeroo 45 hiriiree taphatee bara 2004 ammoo xumura waancaaf dhaqabeera.
Yeroo sana Morookoon 2 fi 1’n Tuniisiyaadhaan mo’amtee waancaa dhabde.
Har’a ammo biyya keessatti guddate kana mo’achuun waancaaf darbuuf kutannoo akka qabu himeera.
‘’Qarqara magaalaa paarisiin dhufe,’’ jedhee ture kana dura.
"Warra milkaa’ina dheebotanidha, akkasumas falmii jaalanna. Yoo waan baay’ee nutti himte isa hojjechuu hin dandeenyu, isa irra caalaa argachuu barbaannu argachuf yaalla malee,’’ jedhan.
Leenjisichi isa namni baay’een odeessu caalaa isa milkeessuu barbaannu irratti Waalid Reguraay taphatoota isaaniin hedduu kabajamu jedhama. Kanaaf haala taphaa isaan itti himan hojiirra oolchu.
Mootii Mohaammad VI kubba miilaa akkaan jaalatu. Federeeshini kubba miilaa Morookoo waliin tahuun maallaqaan deeggarsa guddaa godhaniiru.Afrikaa irraa hamma Morookoo kubba miilaa irratti biyyi investi goote waggoota sadan darban kana hin jirtu.
Pirezidaantiin Federeeshinii Kubba miilaa Morookoo Faa’ozii Leekjaa, dabalataan Itti Aanaa Konfedereeshinii Kubba Miilaa Afrikaa tahuunis hojjechaa jiru.
Lameen isaanii kubba miilaa dubartootaa deeggaruuf doolaara miliyoona 20 yoo baasii godhan, dirree shaakalaa Mohaammad VI jedhamu qarqara magaalaa Raabatitti doolaara miliyoona 65niin ijaarsisaniiru.