Tapha Morookoon Faransaay waliin galgala kana qabduun maaltu eegama?

Lammileen Morookoo gareen biyyasaanii tapha Waancaa Addunyaa walakkaa xumuraa Faraansaay waliin taphatan ni injifata jedhanii abdiin eegaa jiru. Namoonni hedduun akka isaan har’a seenaa hojjatan rabbii kadhachaafi jiru.

Morookoon biyya Arabaa fi Afrikaa yeroo jalqabaatiif Waancaa fudhachuutti dhiyaataa jirtu yoo taatu, torban darbe Poorchugaal injifachuun walakkaa xumuraaf geesse.

Magaalaa buufata doonii Dhiha Morookootti argamtu Kaasaabilaankaatti warri kaafteriyaa banatan tapha jireenya isaanii keessatti isa guddaa ta'e kanaaf qopha'aa jiru.

Minjaalli qulllaa’era, deeggartoota kaafteeriyaa magaalitti dhaqan simachuuf iskiriinii taphni kubbaa miila itti ilaalamu duratti teessoon toora galeera.

Karaa gubbaatti alaabaa fi hidhannoon tapha kubbaa miilaa mandara seena qabeetti Madinaa jedhamtu dhuunfateera.

Deeggartoonni kubbaa miilaa ammoo guyyaan akkanaa ni dhufa jedhanii takkaa hin eegne jedhu.

Inijfannoon Morookoo lammilee biyyattiirraa dabree guutummaa Afrikaafi biyyoota Arabaaf injifannoo guddoodha.

Biyyattiin maallaqa miliyoona hedduutti lakkaa’amu garee biyyaaleessatti baafte.

Baasiin biyyattin milkaa’inatti waan dhiyaate fakkaata.

Morookoon walakkaa xumura Waancaa Addunyaaf darbuun biyyattii keessatti gammachuu guddaa uume.

Har’a biyya Waancaa Addunyaa kanaan dura darbe injifatte Faraansaay waliin morkatti.

Leenjisaan Morookoo Waalid Reeguraay maal jedhan?

Leenjisaan Morookoo Waalid Reeguraay Waancaa Addunyaarratti seenaa hojjechuuf deeggarsa guutuu Afrikaa fi biyyoota Arabaa qabna jedhan.

"Uummata Afrikaa fi Arabaa of duubaa qabna,'' jedhan leenjisaa Waalid.

''Waan kun gaarii tahee garuu jalqaba uummata Morookoof taphanna'' jedhan.

Waancaa Addunyaa irratti gara nuusa xumuraatti darbuun Morookoof seenaa addaati.

Biyyattiin kana dura al-tokko qofa sadarkaa kana irra kan geesse yoo tahu, kunis bara 1986 yeroo lammaffaaf Waancaa Addunyaa irratti yeroo hirmaatan ture.

''Biyyaa fi gareekoon baay'een boona'' jedhan leenjisichi tapha dursuun ibsa yoo kennan.

"Uummanni nuyiin of waamaa jira. Uummata Morookoo hundaa tokkoomsine. Kun maallaqaa fi waancaa kamirrayyuu caala garuu taphicha mo'achuuf qophiidha'' jedhan.

Morookoon jalqabas garee ishee keessaa qabxii torban tokkoffaa taatee darbite. Booda Ispeen biyya carraa Waancaa Addunyaa Kaataar injifachuu qabdi jedhamtee turte mo'achuun nuusa xumuraatti darban.

Biyyootni jajjaboon akka Biraazil Kiroosheyaan mo'amuun dorgommicha keessaa yoo bahan Arjentiinaan Nezerlaandisiin mo'achuun darbite.