'Qaataar 2022 Waancaa Addunyaa Liyoneel Mesii jedhamuuf xiqqoodhumati hafe'

Liyoonel Mesiin kaayyoo guddaa ofiifi biyya isaatiif ija irra godhate Waancaa Addunyaa harkaan gahachuuf daqiiqaa 90 qofatu isa hafe.

Tapha xumura-walakkaa Kibxata, Mudde 13, 2022 Kirooshiyaa waliin taphatan irratti Arjentiinaan 3-0 mo'attee xumura Waancaa Addunyaa 2022 qaqqabdeetti.

Tapha kana irratti gaheen Mesiin bahachaa ture addunyaa ajaa'ibuurra darbee Waancaan Addunyaa 2022 kun kan Mesii yoo jedhameyyu itti xiqqaata jechaa jiru.

Mesiinis gahumsa isaatiin nama raajuu itti fufeera. Biyyi isaa Arjentiinaan taphawwan ramaddiirraa kaasee nuusaafi walakkaa xumuraa irratti akka mo'atanii darban gochuun gahee isaa addatti bahee mullachaa tureera.

Akkuma goota kubbaa miilaa biyya isaa addunyaan ragaa baatuuf Diyaagoo Maraadoonaan bara 1986 Meksiikootti Waancaa Addunyaa mo'ate Mesiin Waancaa maqaa isaa waliin ka'u kana harka galfachuun seenaa hojjeta jedhamee eeegamaa jira.

Kanaaf, har'a galgala Morookoo fi Faransaay keessaa abbaa mo'ate waliin xumura Waancaa irratti dhiyaatee 'Qaataar 2022 Waancaa Addunyaa Mesii' jedhame kana dhugoomsinnaa?

Ammumaaniyyu Liyooneel Mesiin taphataa addunyaa irratti kan ittiin qixxaatu hin jirre jedhamaa jira.

Waancaa Addunyaa 2022 kana harka galfannaan garuu hunduu qarqaraa hanga qarqaraatti waliigalee kubbaa miilaatiin 'addunyaa kanarratti tokkicha qixxee hin argamnee' jedhamuun isaa waan hin oolle ta'a.

Mesiin tapha biyyi isaa kaleessa Kirooshiyaa warra Moodiriich mo'ate irratti goolii tokko adabbii peenaalitiidhaan lakkoofsisuun alatti, gooliiwwan lamaan Juuliyaan Alvaarez lakkoofsiseef gumaacha kallattii godheera.

Badhaasa kubbaa miilaa guddicha Ballon d'Or si'a torba kan mo'ate Mesiin amma umuriin isaa waggaa 35 guuteera.

Mesiin tapha gurguddaa keessatti yeroo taphatu kun 1,002ffaa isaa yoo ta'u, gooliiwwan 791 lakkoofsisee kubbaa 340 ammoo mijeessee kenneera.

Baarseloonaa waliin waancaa 35 argateera. Kilaba Faransaay amma keessa taphachaa jiru Paris St-Germain waliinis bara darbe waancaa mo'ateera.

Biyya isaa Arjetiinaa waliin ammoo 2021 Copa America mo'ateera.

Liyooneel Mesiin ofiidhuma isaayyu Waancaan Addunyaa 2022 Dilbata xumuramu kun biyya isaa Arjentiinaaf Waancaa Addunyaa irratti dhiyaatee taphatu isa dhumaa akka ta'e amana.

Mesiin akkas jedhe: "Jiruu kubbaa miilaa Waancaa Addunyaa tapha xumura waancaa irra gahee taphadhee xumuruu kootiif baayyeen gammada. Kun dhugaa dubbachuuf baayyee nama gammachiisa.

"Turtiin koo Waancaa Addunyaa keessatti dabarse yeroo Arjentiinaa keessatti akkas gammadan argitu miira addaa kan qabudha. "Bara kanarraa kaasee hanga tapha isa itti aanutti [Waancaa Addunyaa 2026] gahutti waggaan baayyeetu jira. Kanaaf, sana nan taphadha jedhee hin yaadu. Akka kanatti xumuriin isaa akka malee gaariidha."