Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ganda keessaa ijoollee leenjisuurraa hanga xumura Waancaa Adunyaatti-Leenjisaa Arjentiinaa Liyonel Iskaaloonii
Liyoonel Iskaalooniin soorama erga bahee gara wagga tokkoo oliif nama abdii dhabee tahee ture.
Leenjisaa garee biyyaalessaa Arjentiinaa yeroo ammaati. Kanan dura namni 'abbaa kanaa isa jedhu' dhibe ture, amma garuu biyyattii keessatti 'isa malee' jedhmaa jira.
Beekamtii inni horateyyu akka Arjentiinaan Waancaa Addunyaa Qaataar kana fudhattuuf ni gargaara jechaa jiru.
Taphataa sarara ittisa cinaa West Haam kan ture leenjisaan Arjentiinaa, qe’ee jireenya isaa odola Maayookaa irratti kilaba ganda sanaa jirtu tokko ijoollee keessan nama isiniif leenjisu yoo barbaaddaniif ani jira jechuun yeroo gaafataa tures jira.
Akkuma gaafate tole jedhaniifii ijoollee ganda sanaa leenjisaa ture. Bara 2016 ijoollee waliin shaakala hojjetee yeroo deebi’u Liyonel Mesiin Argentiinaaf taphachuu irraa sooarama bahuu isaa akka ibse dhagahe.
Yoo kana dhagahu amanuu hin dandeenye. Tiwiiterii irratti suuraa isaa fi Mesiin xumura waancaa Coppa America irratti waliin taphatan qoode.
Ergaan isaa ammoo akkas jedha. Suuraan kun waan hundaa dubbata….Liyoo hin deemiin,’’ kan jedhu ture.
Yeroo sana maaltu akka tahuuf jedhu beekuu baatus har’a Liyonel Iskaalooniin Waancaa Adunyaa injifachuuf Arjentiinaa waliin morkata.
Liyonel Mesiinis yaada isaa jijjiiree, innis leenjisaa isanii tahee sadarkaa kanarra gahan.
Liyonel Iskaalooniin erga leenjisaa Arjentiinaa tahee hojii jalqabee waggoota 28 waancaa malee kan turte Arjentiinaan, akka waancaa Coppa America 2021 injifattu gargaareera.
Kun jalqabbii ‘’La Iskaaloonetati,’’ maqaa masoo taphattootni isaaf baasaniiranidha.
Leenjisaan ganna 44 amma Arjentiinaa keessatti nama hedduu jaalatamuu fi faarfamu taheera.
Osooma Waancaan Adunyaallee hin jalqabiin kontiraata isaa hanga bara 2026tti haaresseera. Kun abdii akkamii akka irraa qaban agarsisa.
Leenjisaan Arjentiinaa Waancaa Adunyaa booda hojii isaanii irra turan Maarseelloo Beelsaa qofa ture. Kunis bara 2002 keessa.
Kun jaalatamummaa akka qabu agarsiisa. Gareen hundi leenjisaanii irraa abdii guddaa qabu.
Akka kana duraa osoo hin taane Mesii fi waayillan isa waliin taphatan amma ija keessa wal ilaaluun dubbachaa jiru.
Yoo Waancaa Adunyaa erga bara 1986 as mo’achuu dadhaban fudhatanii qe’eetti deebi’an ammoo akkam miira addaa uumuu danda’a seetan.
‘’Gareen leenjiftootaa keenya keessatti taphattoota duraanii hidhannoo Arjentiinaan waan hedduu keessa darbantu hammatameera. Pabloo Ayimaar, Roobertoo Ayaalaa, Walter Saamu’eel fa’aa keessatt argamu,’’ jedhe taphataan duraanii sarara giduu Luuchoo Gonzaalez.
‘’Gareen keenya miira gammachuun yeroo waliin hojjetan amma ni argita. Taphataa jabaa adunyaa kanaa qabna. Garuu gareen keenya isa irratti qofa hirkachaa waan hin jirreef isattis akka tolu godheera,’’ jedhe.
Gareen Arjentiinaa kun tokkummaa adda tahe qaba. Yeroo taphataan Juvantas amma isaan waliin jiru Liindiroo Paredesh guyyaa dhaloota isaa kabajatu, taphattootni 13 gara imalanii isa waliin kabajaniiru.
Leenjisaan isaanii Iskaalooniin seera tokko qaba. Yeroo waliin kaampii turanitti taphattootni hundinuu deeskii tokko irra taa’uun ija keessa wal ilaaluu qabu.
Sa’ud Arabiyaadhaan mo’amanii jalqabanis kun isaan hin dhaabne. Amma morkii jabaa tahus Faransaay waliin har’a isa xumuraaf wal argu.
‘’Waancaa Adunyaa adda tahedha. Yeroo jalqabaaf Waancaa Adunyaa irratti Maraadoonaa of biraa dhabne. Shakkii hin qabu ol gubbaa jannata keessaa nu deeggaraa jira,’’ jedhe Luuchoon.
Leenjisaan Arjentiinaa Iskaalooniin bara 2019 osoo saayikiliin karaara deemuu balaan konkolaataa irra gahees yaalamee fayyeera.