Qondaaltonni waraanaa mootummaa Federaalaa fi WBO marii nagaatti jiraachuun dhagahame

Waranni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi mootummaan Federaalaa Itoophiyaa Taanzaaniyaatti marii nagaa gaggeessaa jiraachuu maddeen dhimmichatti dhiyeenya qaban BBC'f mirkaneessan.

Mariin nagaa kun guyyoota muraasa darberraa kaasee gaggeefamaa kan jiru yoo ta’u, ammattis hooggantoota waraanaa qaamolee lachuu kan irratti argamanidha jedha maddi keessoo BBC'tti himan kun.

Marii marsaa lammaffaa Mootummaa Federaalaafi WBO gidduutti magaalaa guddoo Taanzaaniyaa, Dar es Salaam keessatti gaggeeffamu kanarratti gama WBOtiin Ajajaan Waliigalaa ABO-WBO Kumsaa Dirribaa [Jaal Marroo] argamuu barameera.

Marroon qaamolee alaa marichaaf haala mijeessaniin Oromiyaa Lixaa, Dambi Doolloorraa xiyyaaraan gara bakka mariitti geeffame.

Dirree Lixaa irraa Marroo Dirribaa dabalatee namootni afur argamaniiru. Zoonii Kibbaa irraa ajajaa dirree kanaa Gammachuu Abbooyyee [Gammachuu Raggaasaa] dabalatee namoonni lama argamuu maddeen keenya himaniiru.

Marii nagaa WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti ji’a jaha dura ifatti gaggeeffame ture, IGAD [Gamtoomina Misoomaa Biyyoota Afrikaa Bahaa] adda durummaan bakka Ameerikaa, Noorway fi Keeniyaan jiranitti haala mijeessaa turuun isaa ni yaadama.

BBC'n mirkaneeffachuu baatus, marii miillanaa kanas IGAD gahee isaa kana itti fufee bahachaa jira jedhamee amanama.

Kanaan dura mariin nagaa Ebla 2023 gara dhumaarraa kaasee Taanzaaniyaa, Odola Zaanzibaar, Rozoortii Emiraalditti gaggeeffameen, waldhibdee jiru karaa nagaan furuun akka danda’amuuf qaamoleen lamaan maricha itti fufuun barbaachisaa ta’uurratti waliigalteerra gahanuun xumuruunsaanii ni yaadatama.

Yeroo sanatti qaamolee lamaan mariin dabalataa akka barbaachisu eeranis yoomiifi eessatti gaggeeffama kan jedhu garuu hin ibsine ture.

Marii jalqabaa sanaan 'haala gaariin' gaggeeffamaa kan tureefi walhubannaan jiraachuu kaasanii dhimmoota tokko tokkorratti sadarkaa marii jalqabaa kanarratti waliigalteerra hin gahamiin hafuu ibsi qaamoleen lamaan baasan addeeseera.

Garuu dhimmoota kam irratti wal tahuun, kam irratti ammoo wal dhaban kan jedhu bal’inaan hin ibsamiin tureera.

Maddeen BBC akka himaniitti, Taanzaaniyaatiin boodas mariin al-idlee gareewwan lamaan jidduutti taasifamaa tureera.

Haata'u malee waa'een mari tibbannaa irratti gama Mootummaa Itoophiyaas ta'e WBO irraa hanga ammaatti ifatti kan jedhame hin jiru. BBCnis yaalii odeeffannoo dabalataa argachuu taasise ammatti hin milkoofne.

Waggaa har'aa erga waraanni kaaba Itoophiyaatti ture mariin nagaan dhumatee booda, akkasuma garaa garummaa mootummaafi WBOnis mariidhaan akka furamuuf biyya keessaafi alaarraa dhiibban garaa garaa taasifamaa ture, ammas itti jira.

Qaamni hidhatee loluu WBOn irra deddeebiin bakka qaamni sadaffaan argamuutti mootummaa wajjin mari'achuuf qophii ta’uu ibsaa turunsaa ni yaadatama.

Mootummaanis gamasaatiin dhibdee jiru karaa mariitiin furuudhaaf yeroo hunda qophii ta'uu ibsa.

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi WBO jidduutti Tanzaaniyaatti akka gaggeeffamu MM Itoophiyaa Abiy Ahmad yeroo jalqabaatif ifatti Ebla 23, 2023 beeksisuunsanii ni yaadatama.

Sababa waraana humnota mootummaafi hidhattoota WBO gidduutti deemaa jiruun naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti waggoota shanan darban kessa gaaga’mni lubbuu namaafi qabeenyarra gahaa jira.

Oduun marii nagaa wayita dhaga'amuttis uummanni dheebuu nagaaf qabuun 'Rabbi milkeessinna' jechuun hawwii qabu ibsachaa jira.

Gaaffiin siyaasaa ABO-WBO Maali?

ABO-WBO Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo mirkaneessuuf akka qabsaa’u hima.

Dabalataan dirreen siyaasaa Itoophiyaa keessaa akka bal’atu, waajiraaleen paartilee mormituu cufaman akka banaman [ waajjira ABO], namootni siyaasaa hidhaman akka hiikamanii fi ajjeechaan namoota siyaasaa fi nagaa irratti raawwatu dhaabbachuu akka qabu gaafata.

Dabalataan Itoophiyaa keessatti sirni dimokiraasii, haqaa fi mootummaa heera qabeessaa akka dhufuuf akka qabsaa’u hima.

Akkasumas, daangaan Oromiyaa akka kabajamuufi sarbama mirga namoomaa Oromiyaa keessatti raawwataa tureef murteen haqaa argamuu akka qabu gaafata. Kanaaf ammoo qorannoon qaama walaba taheen gaggeeffamuu akka qabu himuun, haqa malee dimokiraasii dhugaa mirkaneessuun akka hin danda’amnedha.

Haleellaa namoota nagaa irratti kutaalee Oromiyaa gara Lixaa fi Kibbaatti yeroo adda addaatti gaggeeffamee lubbuu namoota hedduu galaafateef mootummaan hidhattoota WBOtti quba yoo qabu, isaan ammoo gochaa kana ni haalu.

Mootummaan Itoophiyaas gama isaan qabsoon hidhannoo akka hin barbaachifneefi filannoo irratti hirmaachuun imaammata siyaasaa uummataaf dhiyeessuun dorgomuu akka danda’an hima.

Garuu qaamolee lamaan gidduu wal amantaan kan jiru hin fakkaatu.

WBO akka fakkeenyaatti kan kaasu ABO’n erga Ertiraa irraa qawwee lafa gochuun karaa nagaa qabsaa’uuf biyyatti galee hoggansi isaanii hedduun hidhamuufi waajjiraaleen isaanii bakka adda addaa cufamuudha.

Haatahu malee, mootummaan qondaalota ABO hidhe ‘qaama hidhate waliin qunnamtii qabu’ jechuun yeroo adda addaa himata.

Bara 2018 yeroo mootummaan Itoophiyaa fi qondaalonni ABO Eertiraatti mari’achuun biyatti akka deebi’an murtaa’u, waliigalteen isaanii maal akka tahe ifatti hin beekamu ture.

ABO’n bara 1970’oota keessa yeroo hundeeffamu uummanni Oromoo sirna siyaasaa Itoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf cunqurfamaa waan tureef bilisa baasna jechuuni.

Dameen waraanaa isaa yeroo sanaa ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo jedhama. Haatahu malee, ABO’n erga qabsoo karaa nagaatti deebi’ee bara 2019, ‘waraana hidhatee qabsaa’u hin qabu’ jechuun labsettidha.

ABO’n mirgi uummata Oromoo akka kabajamu, mirgi abbaa biyyummaa fi hiree ofii ofiin murteeffachuu uummatichaa mirkaneessuf akka qabsaa’u imaammata siyaasaa isaa irratti ibsa.

Gaaffiin siyaasaa ABO-WBO qabatee socho’us kanarraa addummaa hin qabu. Garuu ‘’karaa nagaa deebii waan dhabneef qabsoo hidhannootti gorre’’ jedhu.

Mootummaan Dargii yeroo kufu mootummaa ce’umsaa keessatti hirmaatus wal dhabdee yeroo sana ABO fi TPLF gidduutti mudateen biyyaa bahuuf dirqameera.

Hanga qabsoo biyya keessatti gaggeeffamaa tureen TPLF aangoo irraa kaafamuun bara 2018 Dr Abiy Ahimed aangoo qabatanitti ABO’n Ertiraa maandheffachuun qabsoo gaggeessaa ture.

Waamicha paartilee ala jiraaniif MM Abiy godhaniin ABO’n warana isaa Ertiraa turan qabatee qondaalota isaa waliin biyyatti gale.

Ergasii rakkoo siyaasaa biyyattii keessatti mudateen qondaalonni ABO hedduun mana hidhaa galan. Kaan manni murtii bilisa jedhus amayyuu akka hin gadhiifamne abukaatoon isaanii BBCtti himaa turan.

Wal amanta mootummaa fi hidhattoota WBO gidduutti mudate guddachaa dhufuun hidhattootni WBO bosonati hafan mootummaa Itoophiyaa waliin wal waraanuu itti fufan.

Kutaalee Lixa Oromiyaa fi Kibbaa keessa bal’inaan socho’aa erga turanii dhiyeenya garuu gara kutaalee Oromiyaa gidduugaleessaa fi kaaniittis babal’achuun humna nageenyaa mootummaa wlaiin wal waraanaa turan.

Mootummaan hidhattoota kanneen irratti tarkaanfii akka fudhataa jiru himus kutaalee Lixa Oromiyaa hedduu keessatti nageenyi boora’uun hojiilee misoomaa fi oomishaafis danqaa taheera.