Dubartiin Donaald Tiraampiif summii poostaan ergite hidhaa waggaa 22'n adabamte

Paaskal Feeriyer bara 2020 hidhamte

Madda suuraa, HIDALGO COUNTY SHERIFF'S OFFICE

Dubartiin lammii Kaanaadaa tokko wayita Donaald Tiraamp pirezidantii turan xalayaa summii raayisiin ('ricin') jedhamuun martee ergite hidhaa waggaa 22’n adabamte.

Paaskal Feeriyer, dubartiin ganna 56 himannaa meeshaa waraanaa baayoloojikaalaa ergite baatii Amajjii keessa erga amantee booda murtiin kun itti murame.

Poostaan balaa qabdu Tiraampiif ergame sun Fulbaana 2020 osoo masaraa Waayit Haawus hin geeffamiin dura to'atame.

Feeriyer karoorri ishee fashalaa'uu fi ''Tiraampiin miidhuu dhabuutti'' akka gaabbite mana murtiitti himteetti.

Haasaa yeroo dheeraa mana murtii kanaaf dhageessifteen akka shororkeessaatti osoo hin taane, akka rogeettiittin of ilaala jette.

Itti dabaluudhaanis Feeriyer ''kaayyoon koo karaa nagaa galma akka ga'uun barbaade,'' jette.

Biroon Qorannoo Yakkaa Federeraalaa Ameerikaa (FBI) xalayaa Feeriyer Tiraampiif ergiteerratti ashaaraa quba ishee argan.

Xalayaan kun Tiraamp dorgommii pirezidantummaa akka dhiisan gaafata ture.

"Maqaa haaraa siif argadheera: 'The Ugly Tyrant Clown'," jechuun xalayaa sana keessatti barreessiteetti jedha sanadoonni himannaa FBI.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaan murtii bulchiinsa naannichaa Dabniy Firidiriik dubartii Feeriyer jedhamtu hidhaa ji'a 262 - waggaa 22 akka turtu itti murteesse.

Murtii ishee erga xumurtee booda Ameerikaa keessaa akka baafamtu kan murtaa’e yoo ta’u, yoo Ameerikaatti deebite ammoo umurii ishee guutuu hordofamti.

Abbaan murtii Firidiriik gochi ishee ‘’lubbuu namaa dabarsuu kan danda'u'' fi wanta si miidhu, hawaasaaf miidhu, namoota kaanillee miidhu'' jechuun Feeriyeritti himan.

Feeriyer xalayaa walfakkaatuun summii qabu akkasii qondaaltota Teeksaas seera kabachiisan saddeetitti erguu amante.

Feeriyer bara 2019'tti, seeraan ala meeshaa waraanaa qabachuu fi eeyyama konkolaachisummaa otoo hin qabatiin seeraan ala konkolaachisuun gara torban 10’f kutaa biyyattii keessatti hidhamtee turte.

Hidhamuu isheef ammoo qondaaltota seera kabachiisan komachuu ishee Dippaartimeentiin Haqaa Ameerikaa ibseera.

Lammummaa Faransaayii fi Kanaadaa kan qabdu Feeriyer, baatii Fulbaanaa bara 2020 daangaa qaxxaamurtee gara Baafaloo, Niiw Yoorkitti to'atamte.

Yeroo sanatti qawwee, haaduu fi rasaasa kaartaadhaan qabattee turte.

Boodarra raayisiin jedhamu - summii balfa sanyii biqilaa kaastariirraa haferraa hojjetame - mana ishee Kuubeek keessatti akka hojjettee fi xalayaa kana waliin poostaa keessa kaa'uu amantee jirti.

Qorichi farra raayisiin (ricin) beekamaan hin jiru. Hamma qorichaarratti hundaa'uun sa'aatii 36 hanga 72 keessatti nama ajjeesuu akka danda'u Giddu-galli To'annoo fi Ittisa Dhukkuboota Ameerikaa ibseera.

Bara 2014'tti namtichi Misisippii tokko xalayaa raayisiin qabu Pirezidantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa fi qondaaltota biroof erguun hidhaa waggaa 25 itti murtaa'ee ture.