Dubartiin summii xalayaa keessa galchuun Tiraampitti erguun shakkamte hidhamte

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin xalayaa summii firii qobboorraa qopha’u raayisiin jedhamu gara pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraampitti erguun shakkamte to'atamuu qondaaltonni dhimma godaansaa Ameerikaa himan.
Dubartiin maqaan ishii ammatti hin ibsamne kun biyya ollaa Kanaadaarraa qawwee qabattee gara US Ameerikaatti qaxxaamuraa turte.
Xalayaan summii qaba jedhame amanamu kana dura Kanaadaarra erguuu ishii qorattoonni himaniiru. Ta’us otoo masaraa Waayit Haawus hin qaqqabiin torban darbe argame.
Raayisin summii umamaan biqiltuu qobboo keessatti argamudha. Summiin ergame akka aggaammii Waayit Haawusirratti xiyyeeffatetti fudhatame.
Dhimma kana ilaalchise gabaasicharratti Waayit Haawus waan dubbate hin qabu.
Biiroon qorannoo Federaalaa (FBI) fi tika biyyattii summii waraqaan haguugame ergame qorachaa akka jiran ibsaniiru.
‘’Ammatti nageenya hawaasaa waanti balaarra buusuu/yaaddoo uumu hin jiru ‘’jechuun FBI Sambata CNN tti himeera.
Summiin biqiltuu qobboo ta'uu isaa qorannoo irra deddeebiin taasifameen mirkana’e jedhu qondaaltonni biyyatti.
Dubartiin xalayaa kana erguun shakkamte iddoowwan shan Teksaas keessatti argaman dabalatee, waajira qaamolee seera raawwachisaan biroottis erguu poolisiin mirkaneesseera.
Dhimma kana qorachuurratti poolisiin Kanaadaas FBI wajjin akka hojjatu Sambata ibse.
Kana malees, poolisoonni Qubeek mana jireenyaa shakkamtuu kanaa Montiriili, Seent –Hubertitti argamu barbaadaa jiru.
Dippaartimantiin poolisii Teksaas AP'tti akka himanitti namni sababa kanaan miidhame akka hin jirre ibsuun, xalayaan sun qondaaltota naannichaa bira akka jiru ibse.
Dubartiin xalayicha erguun shakkamte mana murtii Bufaloo, Niwuyorkitti boru dhiyaachuuf jirti.

Madda suuraa, Getty Images
Summiin kuni hangam miidha?
Raayisin qabiyyee yoo liqimsan ykn qilleensa wajjin qaama nama seene ykn lilmoon waraannatan nama hoqqisiisuu, qaama keessatti dhiigni akka dhangala’uu taasisuu amma qaama namaa hojii dhaabsisee du’aaf nama saaxiluu danda’a.
Keemikaalli farra summii raayisin garuu hin jiru.
Namni raayisiniif saaxilame hamma qabiyyee qaamasaa seeneerratti hundaa’uun sa’aatii 36 amma 72 du’a akka giddugalessi ittisaa fi to’annoo dhibee Ameerikaa(CDC) ibsutti.
Jaarmiyaan kun akka jedhutti, summiin kun haleellaa shororkeessummaa qaqqabsiisuuf akka daakuu ykn hurka xiqqaaatti qophaa’uu akka danda’ullee ibseera.
Masaraa Waayit Haawus fi biiroon federaalaa biyyatti summii haleeluuf kanaan durallee yaalama tureera.
Bara 2014 Misiisippiirraa namtichi summii raayisin gara pirezidantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaatti bifa daakuu/ dhukkee qabuun erge waggaa 25 hidhaa akka turuu itti murameera.
Bara 2018 loltoonni humna galaanaarraa Ameerikaa xalayaa summiin haguugamte Peentaagoon fi masaraa Waayit Haawusitti erguun himatamaniiru.












