Xalayaan summii of keessatti qabu Doonaald Tiraampif Waayit Haawusitti ergame

Madda suuraa, Getty Images
Ergaan summii of keessatti qabu Pirezidaantii US Doonaald Tiraampiif ergamee ture osoo Waayit Haawus hin geenye dhorkamuusaa qondaaltonni ibsan.
Xalayaan kunis jalqaba torbee kanaatti ture sakkata’iinsa Waayit Haawusitti taasifameen argame kan jedhan qondaaltonni.
Isaanis wanti xalayaa san keessatti argame summii biqiltuu qobboorraa tolfamedha jedhaniiru.
Bulchiinsi Doonaald Tiraamp hamma ammaatti gabaasa kanarratti ibsa kenne hin qabu.
Biiroon Qorannoo Federaalaa (FBI) fi 'Secret Service' kan jedhamu eessaa dhuftee xalayaa kanaa fi xalayaan akkanaa biroo manneen poostaatti ergamanii jiraachuu qorachaa jiru.
“Yeroo kanatti wanti nageenya ummataaf balaa ta’u hin jiru,” jedhe ibsi FBI miidiyaa CNN’f guyyaa kaleessaa erge.
Qorataan tokko ergaan kun Kaanaadaarraa ergame jedhee amana jechuun gaazexaa New York Times’tti himaniiru.
Guuloon kunis erga FBI qorannoo taasise booda kan argamedha jedhameera.
Poolisiin Kaanaadaa “xalayaa maalummaansaa hin beekamnee fi gara Waayit Haawus ergame” kana FBI waliin qorataa jira jedheera.
Firiin qobboo yoo liqimsan, fuunfatan yookiin lilmoodhaan waraannatan nama ajjeesuu danda’a.
Innis nama hoqqisiisuu, qaama keessatti dhiigni akka dhiiguu akkasuma qaamonni hojiisaanii akka dhaaban gochuu danda’a.
Hamma ammaatti summiin kuni miidhaa akka geessifneef qorichi kennamu hin argamne.
Namni tokko zayita qobboo kana yoo fudhate hamma fudhate irratti hundaa’uun sa’aatii 36-72 keessatti du’uu danda’a jedha Wirtuun To’annaa fi Ittisa Dhibee US.

Madda suuraa, Getty Images
Asiin duras Waayit Haawusii fi wajjiraalee federaalaatiif summiin kun ergameera.
Bara 2014’tti namni zayita qobboo Pirezidaant Baaraak Obaamaa fi qondaaltota biroof erge hidhaan waggoota 25 irratti murtaa’eera.
Waggoota afur booda bara 2018 loltuun duraanii tokko xalayaa summii qabu Peentaagoonii fi Waayit Haawusiif erguusaatiifis himatameera.













