Badhaafamtuun Noobelii hijaaba uffachuu diduusheetiif wal’aansa dhorkamte

Teherani Iviin

Madda suuraa, REUTERS

Dubartiin Iraan badhaasa Noobelii nagaa injifatte hijaaba uffachuu diduusheetiin mana hidhaatii baatee wal’aansa akka hin arganne dhorkamte. Dubartiin kun Narges Mohaammad jedhamti. Narges dubartii ganna 51 yoo taatu dhibee onneefi Sombaa dhukkubsataa jirti.

Qondaltoonni mana hidhaa Iraan, Teherani Iviin jedhamu hijaaba uffachuu erga diddee booda hospitaala akka hin dhaqne mana hidhaatti ugguruu firoottan ishee himan.

"Ittigaafatamaan mana hidhaa sanaa haguuggii mataa malee erguun dhorkaadha," jechuun ibsan jedhan.

Narges Mohaammad badhaasa noobelii nagaa Onkoloolessa keessa ''cunqursaa dubartoota Iraan gahurratti qabsaa'uu isheetiin'' badhaafamte.

Maatiin ishee balaa lubbuu dhabuuf saaxilamtu ta’uu ishee akeekkachiisan. Amma yoonaattii qondaaltoonni mootummaa Iraan dhimma kanarratti garuu yaada hin kennine.

Wixata darbe gareen ogeeyyii yaalaa Evin, Aadde Narges Mohaammad qorachuuf dhaqanii turan.

''Manni hidhaa Aadde Narges gara mana yaalaa dhaqu dhorkinaan, ogeeyyiin meeshaa ittin fayyaa onnee ilaalan ishee ikkokaardiyoogiraam iskanaar jedhamu qabatanii gara Evin deeman.''

Warri mana hidhaa haguuggii mataa malee hospitaala hin dhaqxu jedhanii didani'' jedhu maatiin ishee toora inistaagiraamii isheerratti wayita barreessan.

Ogeeyyiin ujummoolee dhiigaa veenii ishee lama cufamuu fi dhiibbaa sombaashee olka'aa ta'e himan.

Meeshaalee wal’aansaa sombaa fi onneetiin ammas dabalataan sakkatta’amuu qabdi jedhu gartuun ogeeyyii fayyaa kun.

''Dirqiin hijaaba uffachuu diduun lubbuu ishee hanga balaaf saaxiluutti gahuu fedha qabdi,'' jedhu maatiin.

"Guyyaa lamaaf fi halkan lama, gareen dubartootaa Ivinitti hiriira bahan. Aadde Narges hospitaala wal’aansa onnee dhaquu akka qabdu gaafatanii turan" jedhan.

"Eegdoonni mana hidhaa kun haguuggii mataa malee gara hospitaala onneetti erguun dhorkaa akka ta'e, hospitaala dhaquun ishee akka hafe beeksise" jedhan.

Akkaa dhaabbannii mirgaaf falmu Front Line Defenders jedhutti, Narges Mohaammad mana hidhaa Tehraan Evin keessa waggaa 12’f mana hidhaa turti.

Narges badhaasni Noobeelii kan argatte tibba Mahsaa Aminii shamarree gannaa 22 dambii uffanaa Iraan cabsite jedhamte erga to'amte duute boodan

Mormii cimaan ji’ootaaf Iraan keessaatti yeroo dhohee turettidha.

Ergasii Aadde Narges haala kamiyyuu keessatti hijaaba akka hin uffannee beeksifte. Bara 1979 yeroo warraaqsa Islaamaa Iraan

Keessatti gaggeeffama turerraa kaase dubartoonni Iraan bakka namoonni walitti qabamuutti hijaaba uffachuuf dirqamu.