Dubartiin Iraan mirgaaf falmuun mana hidhaa keessa jirtu badhaasa Noobelii Nagaa bara 2023 mo’atte

Madda suuraa, Getty Images
Badhaasni Noobelii Nagaa bara 2023 dubartii Iraan mirga namaatiif falmaa turteefi ammatti mana hidhaa keessatti argamtu Naarges Mohaammadiif kenname.
Koreen Badhaasa Noobelii dubartiin kun Iraan keessatti mirga dubartootaa kabachiisuuf qabsoo jabaa aarsaa lubbuu gaafate taasisuu isheef badhaasicha kana mo’atte jedhan.
Naarges mootummaa Iraaniin yeroo 13 qabamtee hidhamte. Yeroo shan murtiin hidhaa irratti darbe. Amma hidhaan waggaa 31 itti muramuun mana hidhaa keessa jirti.
Cunqursaan dubartootaa akka dhaabbatu, mirgi namoomaa akka kabajamuu fi birmadummaa dhala namaa lallabaa turuuf kennameef jedhan.
Naarges Mohammadi Itti aantuu itti gaafatamaa Gidduugala Falmitoota Mirga Namoomaa namni kana dura badhaasa Noobelii mo'atan Shiirin Ebaadii hundeessan ‘Defenders of Human Rights Center’ fi falmituu mirga namoomaati.
Dubartiin kun erga bara 2011 as yeroo hedduu himatamuun kan hidhamaa turte yoo tahu, piropaagaandaa tamsaasti’’ jedhamuun mana hidhaa baay’ee hamaa tahe magaalaa Teehraan keessatti argamu Evin jedhamu keessatti hidhamtee jirti.
Bara kanas dubartoota adunyaa dhiibbaa guddaa uuman BBC 100 keessatti hammatamteetti.
Namni badhaasa Noobelii Nagaa mo’atu maal argata?
Badhaasni Noobelii damee saayinsii fi ogbarruu dabalatee namoota gumaacha olaanaa bahataniif waggaa waggaan kennama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Har'a dubartiin lammii Iraan taate Naarges Mohaammadi badhaasa Noobelii Nagaa bara kana mo'achuu ibsame.
Badhaasa kana injifachuu isheef maallaqa Iswiidin, Kiroonerii miliyoonni 11, yoo shallagamu gara Doolaara miliyoona tokkoo tahutu kennamaaf.
Kun isa kan bara darbee irra dhibbentaa kudhaniin caalmaa qaba. Namni badhaasicha mo’atu dabalataan warqee akkaan beekamaa kaaraatii 18 fudhata.
Fuuldurri medaaliyaa sanaa suuraa hundeessaa badhaasa Noobelii Alfired Noobel ofirraa qaba.
Duubaan ammoo suuraan namoota sadii wal qabatanii mul’atan jira. Barreeffama "Pro pace et fraternitate gentium," jechuun nagaa fi obbolummaa dhala namaaf hiika jedhu qaba.
Badhaasicha eenyu akka mo’ate hanga ibsamutti icciitiin qabamee tura. Garuu Koreen Badhaasa Noobelii bara kana kaadhimamtoota 351 keessaa filatan.
Hundeessaan Badhaasa Noobelii Nagaa Alfired Noobel, badhaasichi ‘’ nama biyyoota gidduutti hariiroo gaariin akka jiraatuuf cimsee hojjete, wal dhabdee humna waraanaa gidduu kan xiqqeeseefi dhabamsiise, akkasumas nama nagaa lallabeefi dhaabbata nagaa irratti hojjete hundeesseef haa kennamu’’ jedhan.
Alfired Noobel meeshaa daayinaamitii jedhamu hojjechuun beekama. Meeshaan kun jalqaba lafa ykn dhagaa gaarreen keessa jirufaa cabsuuf oola jedhamee ture.
Booda namoonni meeshicha waraanaafis oolchuun abbaa kalaqaa kana gaddisiisuu himama.
Kanaaf bakka kalaqni isaanii miidhaa geesise nagaa labsuu fi jajjabeesuuf jecha badhaasni kun akka jalqabu taasisan.
Badhaasa kana Afrikaa irraa namoonni akka Desmoondi Tuutuu, Eelen Joonsan Serliifi fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimed fa'itu mo’ate.












