Ibidda bosonaa Chiliitti mudateen namoonni du’an 112 ol tahe

Chilii naannoo Valpariyaaso keessatti balaa ibidda bosonaa uumameen yoo xiqqaatee namonni du’an 112 gahuu anga’oonni naannicha ibsan.
Pirezdaantiin biyyatti Gaabriyeel Boorik labsii yeroo muddamaa labsuun, haalicha to’achuuf “waan barbaachisu hunda” akka hojjetan ibsaniiru.
Balaan kun ibidda bosona isa hamaa akka ta’e amanama. Namootni balaa kanaan miidhaman hedduun isaanii yeroo bashannanaaf nannoo qarqara galaanaa daawwachuuf deemanidha.
Ministeerri fayyaa Valpariyaaso keessatti akeekkachisa fayyaa labsaniiru.
Ministeerichi yeroof wal’aansi baqaqsanii hodhu filannoo ta’e akka addaan kutamu ajajuun, hospitaalotni yerooo akka hundeeffamaniif raggaasiseera.
Tajaajila fayyaa salphisuuf barattoonni medikaalaa barnoota eebbatti dhiyaatan akka hojiitti qacaraman ministerrichi ibseera.
Tajaajilli lubbuu baraaruu bakkeewwan balaa kanaan calaatti miidhaman bira ga’uuf akka rakkatan kan ibsan Ministeerri biyya keessa Karoolinaa Tohaa, saa’aatiiwwan dhufan keessatti lakkoofsi namoota du’anii “caalaatti dabaluu” mala jedhaniiru.
Mootummaan Chilee namootni bakkeewwan ibidda kanaan midhamanitti akka hin imalleef goorsaniiru.

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/SHUTTERSTOCK
Jiraataan El Olivaar umurii ganna 61, haalli ture “si’ool” fakkaata jechuun ibsaniiru.
Rodriigoo Pulgaar oollaa isaa gargaaruuf yaalus, manni ofiisaa gubachaa akka jiru argu AFP’tti himeera.
“Daaraan nuratti roobaa ture,” jedheera.
Jiraattonni El Olivaar harka caalaan maanguddoota akka ta’an himuun, ollaasaa mana keessa gadi baasuu waan dadhabeef lubbuunshee darbuus himeera.
Ministeerri manneenii ibidda kanaan manneen 3000 hanga 6,000 ta’an miidhamuu ibseera.
Sanbata, labsiin dhorkii yeroo sochii jirattoota Vinaa del Maar, Limaache, Kuuppefi Viillaa Alemanaarra ka’ameera.
Dilbata qondaaltonni ittisa ibiddaa 1,400 ta’an Dilbata bobbaafamuu ministeerri biyya keessa ibsaniiru.
Tajaajila lubbuu baraaruu dabalata qondaaltonni humna waraanaas kan bobbaafaman yoo ta’u, maddi ibidda kanaa qoratamaa jira.
Valparaayiso magaala gudditti Santiyaago irra km 116 faggattee kan argamtu yoo tatu waqxii bonaa keessa turiistota heddu hawwatti.
Akka gabaasalee miidiyaa biyyattiitti, koomiteen to’annoo balaa naannichaa, namoota du’an keessa 45 du’aniii kan argaman yoo ta’u, 6 ammoo sababa madaa isaaniin wal’aansarra utuu jiranii lubbuun isaanii darbeera jedheera.
Bara darbe, naannoolee Biyaablo fi Nuuble keessatti balaan ibidda saafaa hamaa kan uumamee yoo ta’u, balaan akkanaa baayyachaafi hammachaa kan dhufe fakkaata.












