US fi michoonnishee waraana Baha Giddu-galeessaatti akka hin babal’anne barbaadan keessatti of argaa jiruu?

Madda suuraa, US Department of Defence
Ameerikaan jalqaba ji'a Guraandhalaa 2024, buufatawwan garee Iraaniin deeggaraman jettu Sooriyaafi Iraaq keessa jiranirratti tarkaanfii fudhachuuf karoorsite raggaasifte. Haleellaa kanas guyyoota lakka’aman keessatti kan raaawwatamudha jette.
Murteen US kun ammoo Amajji 28, 2024 haleellaa diroonii Joordaan, daangaa Sooriyaaatti raawwatameen loltooni Ameerikaa sadii erga ajjeeffamanii booda karoora bahe hordofeeti.
Ameerikaan haleellaa diroonii loltootashee sadii ajjeesee 40 ol madeesse kanaaf, hidhattoota Iraaniin deeggaraman himatte.
Gareen 'Islamic Resistance' jedhamu Iraaq keessa maadheffate deeggarsa Iraanirraa argatuun haleellaa sana raawwachuu amane.
Iraan garuu haleellaa buufata waraanatti loltoota US sadii kaan 41 madeesse kana duuba jiraachuu haalte.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideniifi qondaalonni biroo Iraan faana waraana bal’aatti seenuu akka hin barbaanne irra deddeebiin ibsaa turaniiru.
Kana malees, Ameerikaan Baha Giddu-galeessaatti waraanni akka hin babal'anne of eeggannoo akka barbaachisus yoo dubbattu ni dhaga'ama.
Pirezidantonni US sadii darban buufata Baha Giddu-galeessaa keessaatti qaban xiqqeessuuf yaalu jedhu xiinxaltoonni dhimma nageenyaa.
Keessumaa ammoo erga Israa’el Hamaasirratti waraana bantee kaasee, US waraanni bal’aan akka qaxanaa sana keessatti hin babal’anne barbaaddi.
Wanti amma argamaa jiru garuu faallaa kanaa fakkaachaa jira. Onkoloolessa 7 erga Hamaas Israa'elirratti haleellaa banee namoota 1,200 ol ajjeesee 200 ol kan ta'an butee fudhatee deemee nageenyi Baha Giddu-galeessaa boora'eera.
Israa'el tarkaanfii haaloo bahuu fudhachaa jirtuun ji'a afur darban keessatti Gaazaatti Filisxeemonni kuma 26 ajjeefamaniiru.
Dubbiin Israa'eliifi Hamaas gidduutti dhalate kun gara Galaana Diimaatti babal'atee Yaman gahuun Huutii hirmaachiseera.
Kana qofa miti, biyya ollaa Israa'el taate keessa hidhattoota buufatanii jiran Hezboollaah hirmaachiseera.
Huutiifi Hezboollaah'n ammoo Iraanirraa deeggarsa argatu jedhama. Kun ammoo US fi michoonnishee akka UK fi kaan dhimma callisanii ilaalan hin taane.
Huutiifi rakkoo Galaana Diimaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
US fi UKn hidhattoota Huutii Iraaniin deeggaraman Galaana Diimaarratti toora dooniiwwan daldalaa addunyaa guddaan irra darbu danqaa jiran irratti trakaanfii fudhachaa jiru. Ameerikaa fi UK’n maaliif Huutii haleelu?
Huutiin warra Yaman obbolaan keenya Hamaas bira dhaabbanna jechuun dooniiwwan Galaana Diimaarra darban irratti haleellaa fudhachaa jiru.
Huutiin haleellaa kana dooniiwwan Israa’eliifi kan michootashee ta’anirratti fudhanna jedhus, dooniiwwan daldalaa hedduun garuu sababa kanaan sodaatanii toora sana baqatanii karaa fagoo filachaa jiru.
Hidhattoonni Huutii Iraanirraa deeggarsa argatan kun Yaman gara caalu to'atanii jiru.
Kun ammoo karaa biraatiin daldalaafi dinagdee addunyaarratti dhiibbaa uumaa jira.
Deebii kanaa ammoo US fi UKn Huutiirratti tarkaanfii fudhachaa wayita jirtutti buufata waraanaa Ameerikaa naannicha keessa bakka garagaraa jirurratti xiyyeeffatameera.
Tarkaanfii US fi UKn Huutii irratti fudhachaa jiran kun garuu haleellaa gareen kun dooniiwwan US fi UK irratti fudhatu dhaabsisaa waan jiru hin fakkaatu.
Haleellaan Huutii irratti gaggeeffamu waraanni Gaazaa babal’achuu agarsiisa
“Amma waraanni Gazaa keessatti deemaa jiru babal’achuu mala soda jedhu odeessuu yeroo itti dhaabanidha. Kun amma ta’aa jira,” jedha gulaalaan idil-addunyaa BBC Jermii Boowin.
Akka gulaalaan kun jedhutti, haleellaawwan US fi Biriitish Huutiirratti Yaman kessatti gaggeessan rakkoo toora daldala addunyaa Galaana Diimaarratti uumameef jedhamee yaadame sana miti.
Waan Gaazaa keessatti ta’aa jiru waliin kallattiin kan walqabatu yoo ta’u, rakkoon bakka sanatti dhalate sun babal’atee qaxanaa sana raasaa jiraachuuf agarsiiftuudha jedha Jermii Boowin.

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa diroonii Amajji 28, 2024 buufata waraanaa US Jordaan keessa jirurratti raawwatameen loltaanni sadii jalaa ajjeefamanii, 40 ol kan ta’an madaa’aniiru.
US ammoo kanaafis deebii kennuuf karoorfatteen hidhattoota Iraan deeggaraman Sooriyaafi Iraaq keessa maandhefataniiru jedhamanirratti haleellaa gaggeessuu murteessiteetti, itti jirti.
Waraanni Israa’el Hamaasirratti Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtus itti fufeera.
Libaanos keessa kan buufateefi deeggarsa Iraan kan qabu Hezboollaah fi Israa’el guyyuun daangaa qaxxaamursanii ‘ibidda’ walitti daddarbachuun itti fufeera.
Rookkeettii Hezboollaah irraa itti dhukaafamuu malu sodaachuun lammileen Israa’el kuma hedduutti lakkaa’aman mana gadhiisanii baqachuu hordofee, Israa’el garee kana waliin gara waraana bal’aatti akka seentuufis sagaleen dhaga’aman jiru.
Loltoota US irratti haleellawwan dirooniifi misaa’elii 150 ol Iraaqiifi Sooriyaa keessatti milishoota Iraaniin deeggaramu jedhamaniin raawwatamaniiru. Kanaafis, US haaloo ba’uuf qilleensaan milishoota kana haleelaa jirti.
Kana malees, Israa’el garee Iraan waliin hidhata qabu jettu Sooriyaa keessa buufatan irratti xiyyeeffachuun haleellaa hedduu gaggeessaa jirti.
Karaa biraan ammoo ISIS Iraan keessatti haleellaa shororkeessummaa gaggeesseera.
Paakistaan ammoo bakka garagaraa irratti xiyyeeffachuun Iraan irratti haleellaa gaggeessiteetti, Iraanis akkuma kana bakka garagaraa irratti xiyyeeffachuun Paakistaan haleelteetti.
Walumagalatti, Baha Giddu-galeessaa keessatti taateen guyyaa guyyaan babal’achaa malee hir’achaa waan deemu hin fakkaatu.
**Odeessa kana jijjiramni gulaallii lakoofsaa taasifameera.












