Haleellaa US fi UK Yemanirratti raawwatan hordofee haaloon Huutiin bahu hagam yaaddessaadha?

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaafi UKn erga tibbana Yeman irratti haleellaa qilleensaa raawwatanii booda muddamni Jidduugala Bahaa babal'achu danda'aa laata?
Haleellaan UK fi UK buufataalee Huutii Yeman keessaa irratti raawwatan naannichatti mudama cimsuudhaan gatii bob’aa ol harbeessuu akka danda’u xinxaaltonni hakeekkachiisan.
Ameerikaan haleellaan waraanaa karaa qilleensaafi galaanaan, jidduugalawwan ajajaa, bakka meeshaan waraanaa itti kuufameefi sirnoota ittisa qilleensaa dabalatee, eddoowwan Huutii heddurratti raawwachuu himte.
Ministirri Mummee UK Riish Suunaak, haleellichi kan haleellaa Huutiin torbanootaaf dooniiwwan addunyaa Galaana Diimaa irratti raawwatee hordofee kan gaggeeffame ta’uu himuun, kanas akka ‘‘gochaa of ittisuutti’’ ibsan.
Dubbi himaan waraana garichaa Yaahiyaa Saaree, UK fi Ameerikaa gochaa saanii kanaaf osoo ‘‘hin adabamiiniifi deebii hin argatiin hin hafan’’ jechuun dhaadate.
Akkasumas hogganaan Huutii Abeel-Maaleek al-Huutii, ‘‘dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaban irratti xiyyeeffachuu itti fufuudhaaf’’ caalaa kutannoo ta’u hime.

Madda suuraa, Getty Images
Erga dhuma Sadaasaatii as, Huutiin Yeman keessaa dooniiwwan konteenaroota fe’anii karaa Galaana Diimaa darban irratti haleellaa raawwataa turan.
Kanas deeggarsa Hamaasif jecha akka raawwatan himu.
Yeroo ammaa dooniiwwan mi’a fe’an addunyaa harka 20 ta’an karaa Galaana Diimaa kan karaa Siiwiiz Kaanaaliifi Meeditiriyaanitiin gara Awuurooppaa geessuu baqataa jiru. Bakka isaas karaa naannoo qarqara kibba Afriikaarra imalaa jiru.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gulaalaan Idil-addunyaa BBC Jeermii Boowan, haleellaa marsaa tokkichaan Huutii haleellaa raawwachurraa dhaabuu akka hin dandeenye dubbata.
‘‘Huutiiwwan bara 2015 irraa kaasee hanga waggaan duran Yeman keessatti dhukaasa dhaabuun taasifameetti Saawudi Arabiyaadhaan boombiidhaan haleellaa turan. Kanaafu, isaanis kan boombiidhaan sodaatan miti’’ jedha.
Har'as itti fufuun US buufataalee Huutirratti haleellaa gaggeessiteetti.
Waraanni Gaazaa keessatti gaggeeffamu naannichatti babal'achuu kan himu Boowan, Huutiiwwan dhaabsiifamanis, milishoonni Iraan deeggaran Iraani keessaa fi Siriiyaa humnoota Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuuf kaka’u danda’u jedha.
Akkasumas Adaam Kilements, qondaalli waraanaa Ameerikaa Yemaniitti ergaman duraanii, haleellaan amma Yeman keessatti raawwatame Huutiin kana booda haleellaa akka hin raawwanne dhaaburratti ‘‘shakkii’’ qabachu dubbatu.
‘‘Huutiiwwan gamtaa waraanaa Saawudi Arabiyaan durfamu waliin barootaaf wal waraanaa turan. Kanaanis haala meeshaalee waraanaa itti dhokfatuufi balaa irra qaqabu malu hir'isuurratti muuxannoo waggootaa kuufateera,’’ jedha.
Inistiitiyuutii Tajaajilawwan Yunaayitid Royaal (RUSI)tti Itaanaan Daarektara Olaanaa, Maalkoolam Chaalmeers, Huutiin yoo haleellaa kanaaf deebii hin kenniine ta’e ajaa’iba ta’e jechuun, kunis naannicha keessatti gara ‘‘deebii-waliif-kennuutti’’ akka hin geessineef akeekkachiisan.
Tarkaanfiin UK fi US fudhatan kunis akka walitti bu’insa Israa’eliifi Gaazaa keessa Iraan kallattiin itti hin seennee yaaddoo dabaleera.
Torban darbe wayita UKn Huutii irratti tarkaanfii fudhachuuf yaaduushee ibsiteetti, miidiyaaleen isa battalatti waraannii Iraan doonii waraanaa gara Galaana Diimaatti bobbaaseen walitti hidhanii gabaasuusaanii BBC Parshiyaan hime.
Garuu ammo, innis dorsiisa waraanaa qabatamaa ta’urra akka sochii agarsiisuutti hiikamee ture, jedhe itti dabaluun.
‘‘Mudamni cimaan Iraaniifi UK-US jidduutti Galaana Diimaa irratti mudachuunsaa gadaanaadha,’’ jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Haata’u malees, muddamni naannichatti mudatee gatiin boba’aa akka dabalu taasiseera. Gatiin dikita boba’aa barmeela tokkoo bara kana yeroo jalqabaatiif doolaara 80 gahe.
Haleellaan Huutii hanga ammaatti kan Galaana Diimaa qofa irratti xiyyeeffate yoo ta’u, garuu ammoo xinxaltoonni jeequmsichi yoo gara Suluula Hoormuuzitti babala’te, gatii fi dhiyeessitii boba’aa irratti dhiibbaa olaanaa qabaachu mala jechuun akeekkachiisu.
Boba’aan barmeela gara miiliyoona 20 ta’u guyyaadhaan karaa kanaan kan dabarfamu yoo ta’u, kunis hanga fayyadama addunyaa keessa parsantaa 20 kan haguugu ta’uu xinxaltoonni baankiin ING himan.
Akkasumas dhaabbileen dooniiwwanii akka naanawan dirqisiifaman jechuun, dooniiwwan fageenya km 6,000 karaa Afriikaa Kibbaa Keep of Guud Hooppiin naannawu jechuudha. Kunis imalatti gara guyyaa 10-14 itti dabalu danda’a.
Dooniiwwan karaa biraatiin akka imalan gochuunis imala Eshiyaa fi Awurooppaa jidduutti taasifamu tokko irratti baasii dabalataa doolaara miiliyoona 1 akka qabaatu tilmaameera.












