Itoophiyaatti konkolaataa elektiriikiin hojjatu oofuun nama baasaa?

Konkolaataa ibsaan hojjattuu

Itophiyaatti waa’een konkolaataawwan elektirikaawaan baayyeetu dubbatama. Yoo rakkoon mudate ogeessi suphu hin jiru, baatiriinsaa qaaliidha, umuriinsaas gabaabaadha, chaarjii gochuunis rakkoodha, bakka bu’aa hin qaban, meeshaalee (spare parts) qaaliidha kan jedhu yoo ka’u dhagahama.

Kana malees, hanga ni deema jedhames ittiin hindeemamu, Itoophiyaaf kan ta’an miti… fi kan biraas ni jedhama.

Ofii wantonni kunneen yaaddoo sobaammoo dhugummaa qabu?

Gaaffii kanaaf deebii kennuun dura mee dhimma tokko haa kaafnu.

Addunyaan konkoolaataa boba’aan sochoa’an dhiisee kan gara elektirikaatti deemaa jiru fakkaata. Itoophiyaan hoo eessa jirti?

MM Abiy Ahimad tibba tokko konkolaataan elektirikii ‘‘teknolojii Itoophiyaaf kallattii hedduun barbaachisoodha’’ jedhanii ture.

‘‘Biiyyi kun dandeettii anniisaa maddisiisuu qabdi. Ammumaan konkolaataa kana tolchuufi oomishuu yoo eegalle wagga shananiifi kurnan har’aa biyya hawwiinuufi kan badhaate arguun kan danda’amu ta’u agarsiisa’’ jechuun dubbatan.

Karoora wagga 10 damee gaajjiba Itoophiyaa keessatti humni haaroomu dursi kennameefiira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Karoora kanaanis konkoltaawwan tajaajila ummtaafi xixiqoon elektiriikiin hojjattan baayinaan akka gara biyyaa seenan kaa’ameera.

Konkolaattawwan gara biyyaa galchuufis gibira kaffalchiifamu gadi buufameera.

Guyyootaan dura ammoo Ministirri Geejjibaafi Loojistikii biyyattii Obbo Alamuu Simee, ‘‘konkolaataan manaa kamuu yoo kan elektirikii ta’e malee biyya galuu akka hin dandeenye mootummaan murteesseera’’ jechuun paarlaamaarratti dubbatan.

Fedhiin mootummaafi imalli addunyaa akkas yoo ta’e, konkolaattoota Itoophiyaa irratti maaliif shakkiifi gaaffiin baayyate? Dhugaansaa maali?

Ogeessi damee Atomotivii Biruuk Awwaqee gorsaa geejjibaati. Maqaa masoo ‘Miikii Awwaq’ jedhuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti odeeffannoo konkolaataan wal qabatee kennuun beekama.

Biruuk konkolaattonni elektiriikiin hojjatan baasii boba’aa hir’asuun alatti eeguumsa naannoofilleen faayidaa qabaachuu kaasa. Akka biyyatti maallaqa boba’aa bituuf baafamuufi sharafa alaa oolchuuf ni gargaara.

Hikiraam Idiriisis yaada kanaan waliigalti. Ikiraam ogeettii suphaa qaama konkolaataa yoo taatu, ogummaa kanarras waggootaaf hojjatteetti.

Dhimma kanarratti sagantaa TV kan qabdu Ikiraam, Itoophiyaa keessatti dhimma konkolaataa ilaallatu xiyyeeffannaan hordofti.

‘‘Magaalaan nuti qabni kan konkolaattota moofaa kaarbonii gadiisan keessa offamanidha,’’ kan jettu Ikiraam, konkollaattonni elektirikaa kana jijjiruuf faayidaa akka qaban himti.

Korrantii Motars waggoota darban shaniif konkollaatota elektirikaa biyya keessa galchaa ture.

Abbaan qabeenyaafi hojji-gaggeessaan dhaabbata kanaa Obbo Mikaa’el waggoota afurii oliif konkolaataa elektirikaa oofaniiru.

Bu’aa konkolaataan elektirikii qaba jedhan keessaa tokko sagalee qabaachuu dhiisuusaati.

Biruukiifi Ikiraam garuu ammatti Itoophiyaan konkolaattota elektiriikiin hojjataniif mijaa’aa ta’uu ni shakku. Obbo Mikaa’el garuu abdii hedduutu itti mul’ata.

Konkolaataa anniisaa guutataa jiru

‘Ogeessonni baayyeen hin jiran’

Ikiraam konkolaattonni elektiriikiin hojjattan bakki itti ilaalaman (service ta’an) fi rakkoon yoo mudatu itti suphaman jiraa? jechuun gaaffii kaafti. Ogeessonni gahaan hoo? jetti.

‘‘Konkolaattonni alaa galfama baayyachuun alatti hangam gama ogeessootaatiin hojjatameera? Barattoonni awutomotivii kana booda eebbifaman waa’ee konkolaattota elektirikiin hojjattan irratti barataa jiruu?’’ jechuun gaaffii kasate Ikraam.

Yeroo ammaattis namoota ofiin of barsiisaniifi ogeessoota beekumsisaanii hin mirkannoofnetu ‘‘furmaata muraasa kennaa jira’’ jetti.

Konkollaattonni alaa galafamanis kan ogeessoota kanneen irratti hirkatan ta’u.

Biruuk, ‘‘ogeessonni kaka’umsa mataasaaniitiin dubbisuun hojii eegalan jiru. Isaanis taanaan gahaadha amantaa jedhu hin qabu,’’ jedha.

Kana malees, jidduugalli suphaa konkolaataa elektiriikii dhabamuun fayyadamtootatti yaaddoo akka uumuu kaasu ogeessoonni.

Obbo Mikaa’elis jidduugalli suphaafi ogeessoonni gahaan hin jiran kan jedhuun walii galu. Haata’u malee, wanti gaariisaa rakkoo konkolaataa kanneenii adda baasuun salphaa ta’u hima.

Konkollaattonni elektirikii rakkoosaanii salphaatti adda baasuun jijjiruu ykn sirreessuuf tekinolojiin fayyadan jiru jedha.

Tekinolojichi salphaan rakkoo waan adda baasuuf saffiisaan furmaata kennuuf ni gargaara jedhu.

Dabalataanis konkolaattonni elekitirikaa akka konkolaataa naafxaafi beenzilaatti zayitii (filitiroo) akka hin fayyadamne ibsuun, kunis suphaa salphaa taasisa jedhu.

‘Baatiriinsaanii kiisii duwwaa nama taasisa, umuriinsaas gabaabaadha.’

Biruuk akka jedhuutti. konkolaattota elektiriikii biyya keessa galaniif ulaagaan baatirii ifa ta’e hin kaa’amneef.

‘‘Kunis gaaffii konkolaattonni hangam tajaajilu jedhu kaasa’’ jedha. Itoophiyaatti konkolaattonni elektiriikii hundi kan fayyadaman baatirii liitiiyam jedhamudha. Baatiriin kunis adeemsa keessa dandeettiinsaa ni dadhaba.

Wabiin kennamu ammoo hanga waggaa 10tti dandeettiinsaa parsantaa 80 gadi hin bu’u kan jedhudha.

‘‘Haala qabatamaa amma jiruu yoo ilaalamu garuu, waggaafi ji’a jaha fayyadamanii gara parsanataa 50tti kan bu’ee jira. Haala kanaatiin dhimmi amansiisummaasaanii gaaffii keessa kan seenuudha’’ jechuun ibsa.

Ikiraamis baatiriin konkolaattota elektiriikiin hojjatanii qaaliidha yoo jedhamu odeeffannoo qabaachuu kaafti. ‘‘Baatiiriin gatii konkolaataan qixxeedha jedhama’’ jetti.

Asirratti yaadni Obbo Miikaa’el garuu adda. Addunyaarra gatiin konkolaataa elektiriikii gadi bu’aa jira jedhu.

Waggaa 10 booda ammoo kana caalaa akka rakasu amanu. Sababiisaa yoo ibsanis, baatiriiwwan amma oomishamaa jiran baayyinaa fi gosaan baayyee ta’uu kaasu.

Gama biraatiin ammoo erga hojii kana eegalanii booda waggootaaf baatirii tajaajila dhaabe ykn konkoolaataa rakkoon mudate arganii akka hin beekne himu.

Chaarjii taasisuu

‘Chaarjii gochuun rakkoodha’

Yaa’uun eleitiriikii ‘Ampiiriidhaan’ safarama. Chaarjiin konkolaataa elektiriikii ammoo kan omishaman ampiirii 8, 16 fi 32n.

Biruuk ammoo konkolaattonni chaarjii saffiisaan daqiiqaa 30 -40 guutamuu danda’an jiraachuu kaasa. Garuu rakkoonsaa buufataaleen saffiisaan annisaa guutan Finifinnee keessaa dhibuusaati.

Kanaaf, namoonni bitan sarara manasaanitti diriirfamu sarara baaqqee ykn qeenxeen chaarjii gochuuf dirqamu.

Kanaaf, namni mala anniisaa amprii 8 ittiin guutan qabu tokkos humna idilee manatti argamu ( Kiillowaattii 7n) 0-100tti chaarjii gochuuf sa’aatii 12-40 itti fudhachuu akka danda’u himu.

Annisaa guddichi ampiiriin 32 yoo yaadame ammoo hanga sa’aatii 8 barbaachisuu danda’a.

Haata’u malee, mana keessatti yoo hojiin annisaa cimaa barbaadu kan akka eelee biddeenaa yoo hojjatamu lakkooftuun ibsaa deebiisuu danda’a.

Obbo Mikaa’elis rakkoon jiraachuu ni amanu. Eddoon chaarjii itti taasifamu gahaan dhabamuu kaasuun, dhaabbannisaanii kanarratti hojjachuuf fedhii qabaachuu himan.

Konkolaataan elektiriikii tokkicha parsantaa 100 annisaa yoo guuttate haaluma fageenya guyyaatti deemuutiin torbaniif gahaa ta’uu kaasu.

Baatiriichi parsantii 20-80 guutuuf baayyee kan hin fudhanne yoo ta’u, 80-100 guutuuf yeroo barbaada jedhu.

Kana jechuunis, baatiirii 0-100tti guutuun hanga sa’aatii 12 kan fudhatu yoo ta’u, parsantii 20-80 gahuuf sa’aatii 7-8 barbaada jechuun ibsan.

‘Bakka bu’ee kan rabsu dhabamuufi meeshaan jijjirraa qaalii ta'uu’

Ikiraam kana duran ‘‘konkolaataan Marsadiisii elektiriikiin hojjatu tokko gara Orbis (bakka bu’aa Marsadiisii Itoophiyaa) sarviisiif geeffamee, konkolaatichi waan sadarkaa Itoophiyaatiin hin omishamneef kana suphuuf hayyama hin qabnu’ ittiin jedhuu yaadatti.

Sababii kanaatiin haala amma jiruutiin konkolaattonni elektiriikii ‘‘yoo rakkoon mudate akka konkolaataa boba’aa haala barameen saffiisaan tolfamanii kan deebifaman miti,’’ jetti.

Bakka buutoonni osoo jiraatanii konkolaattonni wabii akka qabaataniifi rakkoon yoo mudatutti baasii dhaabbata omisheetiin akka suphaman akka taasifaman dubbata Biruuk.

Ikiraam ammoo ‘‘dhimmi bakka butootaa kan salphaan ilaalamu miti’’ jetti. Mudannoo dhiheenya kana mudate kaasuudhaan, furtuun konkolaataa Vols Waagan Ayidii-6 badee rakkoo hedduuf saaxilamuu kaafti.

‘‘Furtuu argachuuf rakkannee booda dhaabbata konkolaaticha omishe akka furtuu nuuf hojjatuuf yoo gaafatamu, namni jalqaba bite dhufu malee akka hin kennamne’’ beeksiisuu dubbatti.

“Konkolaaticha daldalaan daldalaarraa fudhuun as Itoophiyaa abbaa qabeenya harka kan galu konkolaataan,’’ jechuun, dalaaloonilleen hanga kuma dhibbaatiin furtuu argachuuf akka gaafatamte ibsiti.

Meeshaalee qaama konkolaataa kan akka sipookiyii birria kuma dhibaan akka gaafatamu kaafti.

Itoophiyaatti kan fedhiin meeshaa jijjirraa akka dabauuf saaxilu hanna ta’u Obbo Miikaa’el kaasuun, gatiinsaanis baayyee harbeeffamaa ta’u himu.

Firmaannisaa ammo dhiyeessitii dabaluudhaan akka gatiinsaanii meeshaalee jijjirraa konkolaattoota kaaniin walitti dhiyaatu taasisuudha jedhu.

Haata’u malee oduu ‘‘dalaalonni’’ daldala konkolaataa keessa jiran umaniin gabaan akka miidhamu kaasu.

Konkolaataawwan elekitirikii gummaa konkolaataa kaaniin adda ta’e hin fayyadamne ‘‘hanga birria kuma 80tti’’ akka gargurame yaadatu.

Gama biraatiin ammo meeshaalee qaama konkolaataa kan akka furtuu dhabuun konkolaattoota kaanis akka mudatu himu Obbo Mikaa’el.

Kanaafu bakka buutoonni jiraachuun, wabii mirkanneessuu bu’aa qabaachurratti waliigalu.

Ta’us Itoophiyaatti rakkoon irra caalaa mudatu kan chaarjii waliin qabtee haala hin taaneen fayyadamu yoo ta’u, bakka bu’aan jiraachu rakkoo akkasiitiif furmaanni kennu akka hin jirre kaasu.

‘‘Kanaafuu bakka bu’aa malee konkolaattoonni biyya akka hin seenee jechuurra gahuu hin qaaannu’’ jedhu.

Karaa bakka bu’aatiin yoo galfaman ammo to’annoon cimuun hir’inni oomishaa uumamee gatiin baayyee qaala’u akka danda’u himu.

‘Hanga km jedhamee hin deeman'

Gaaffiin konkolaattota elektirikiin wal qabatee ka’u kann biraa, ‘erga parsantaa 100 chaarjii guuttatanii booda‘ fageenya km meeqaa deemuu? Kann jedhudha.

Oomishaa ykn kann gurguri hangas jedha. Biruuk ammoo ‚‚kana amannee yeroo tokkotti km dhiibba imalla osoo jedhamee rakkoon ni mudata‘‘ jedha.

‘‘Konkollaattoonno chaarjii guutuudhaan hanga km 500 ykn 600 deemuu haa jedhamu malee, osoo adda hin kunnee imala tokkootti km 300 ol imaluuf ni rakkatu’‘ jedha.

Konkollaattoonni elektirikii peedaalii annisaan kennamuuf yoo gadi osoo hin qabne turame sirni ofiin itti guutamu qabaachu hima.

‘‘Akka garaatti’’ yoo oofaman ammoo anniisaan qaban gutummaan fixatu. Dabalataanis, saffiisa sa’aatiin km 80 gadi gochuufi qilleensa to’achuu (AC) balleessuun dirqama jedhu.

Kan yoo hin taane, yeroo jedhamuun dura annisaa saanii fixatu. Faallaa kanaa, konkolaattoonni boba‘aan deeman magaalaan ala yoo saffiisaan deeman boba’aa qusatu.

‘Itoophiyaaf hin ta’an’

Konkollaattoonni biyya keessa galan kann Itoophiyaaf hin taane kan jedhu Biruuk, konkollaattoonni irra caalaan kan gabaa Chaayinaa hubannoo keessa galchuun oomishaman ta’u kaasa.

Fakkeenyaaf, daashiboordiisaanii yoo ilaallee kan afaan Chaayinaatiin irratti barraa’eedha.

Ikiraamis akkasuma konkolaattoonni kunneen Itoophiyaaf mijachuusaanii irratti gaaffii qabdi.

Obbo Mikaa’el garuu konkollaattoonni elektiriikii akkuma kan boba’aan hojjataniitti, ‘‘afriikaaf, Jidduugala Bahaa ykn Awurooppaaf jedhamanii haalli itti hojjatan hin jiru’’ jedhu.

Haata’u malee biyyoota ho’a ykn qorra cimaa qabaniif baatiiriin addaa galfamuufi akka danda’u himu. ‘‘Kanaafu konkolaataan Chaayinaaf jedhame hojjatame jiraachu addatti hin beeku’’ jedhan.

Konkolaataa ‘Wumaa’ jedhamuun alattis konkolaattaan afaan Chaayinaa qofaan irratti barraa’e akka hin beekne dubbattu.

Konkollaattawwan akka Voolsi Waagan, Toyoottaa fi Voolvoo gara Itoophiyaa bal’inaan galan dabalatee Ingilliffaa fi afaanoota gara biraa qabu jedhu.

Oggeessoonni hundinu xiyyeeffannaan konkolaataa elektiriikiif kenname barbaachisaa ta’urratti waliigalan illeen, dhiyeessitiiwwan meeshaa konkolaattoota kanneeniif barbaachisan guutuun akka barbaachisu kaasu.

Buufataalee ibsaa itti guutamu dabalatee bu’uraalee misoomaa gahaa diriirsuu, haala itti biyya keessa galanirratti adeemsa salphaa gochuu, murteewwan qoratamaa, kan sodaafi shakkii hin uumnee dabarsuun murteessaa ta’u kaasu.