Somaaliyaatti 'Paayiretoonni' akka haraatti qarqara galaana biyyattii jeequu jalqaban

Garba Idiyaarratti humni galaanaa wayita saamtota galaanarraa to'aetti

Madda suuraa, INDIAN NAVY

'Paayiretoonni' (Saamtonni galaanarraa) Somaaliyaa akka haraatti dooniiwwan irratti xiyyeeffachuun jeequu eegalan.

Taateen kun yaadaannoo waan waggoota 10 dura mudataa turan deebiisaa jira.

Yeroo sanatti saamtoonni galaanarraa hidhatan qarqara galaanaa to’achuun dooniiwwan danquun doolaara miiliyoonaan akka kanfalamuuf gaafataa turan.

Saamichii shiftoota galaanarraa addunyaa dhiphisee ture kun yaalii biyyoonni ijaaramuun nageenya naannichaa tiksuuf taasisaniin hir'atee ture.

Haata’u malee, tibbana ammoo hidhattoonni dooniiwwan danquudhaan kaffaltii gaafachuu eegalun isaanii tarii of ijaaruun akka haar’aatti ka’anii laata yaaddo jedhu kaasaa jira.

Tibbana wanti mudate maali?

Nageenya qarqara galaana Afriikaa Bahaa to’ataa kan jiru Gamtaan Awurooppaan- EUNAVFOR Atilaantaan odeeffannoo walitti qabaa jira.

Dhaabbatichi akka jedhutti, Sadaasa darbeerraa kaasee dooniiwwan 14 saamtoota galaanarraa Somaaliyaatiin danqamaniiru.

Baatiidhuma sana bidiruu qurxummiin ittiin kiyyeeffamu kan alaabaa Iraan qabdurratti miidhaan qaqqabe. Guyyaa lamaan booda ammoo dooniin alabaa Laayibeeriyaa qabdu tokkoo saamtootaan irratti xiyyeeffatame.

Hojjattoonni bidiroota lamaan keessa turan irra miidhaan hin qaqabne.

Dooniin Laayibeeriyaa Sentaraal Paark jedhamu kan oolchan loltoota Ameerikaa yoo ta’an, saamtoonnis hidhattoota galaanaarra Somaaliyaa ta’uu hin oolan jedhu.

Muddee darbe ammoo dooniin EV Ruween alaabaa Maaltaa qabdu tokko danqamteetti.

Doonittiin ammalleen to’annoo hidhattootaa jalatti kan argamtu yoo taatu, hojjattoonni doonichaa 17s akkuma to’atamanitti jiru.

Biiroon Maariintaayim Idil-addunyaa akka jedhutti, dooniin kun waggaa jaha darbes doonii saamtoota galaanarraa Somaaliyaatiin to’atamte kan jalqabaa turte.

Amajjii darbe kanas akkasumas haleellaawwan wal fakkaatu kan qaqqabe yoo ta’u, humni galaanaa Indiyaa torban darbe keessa dooniiwwan sadii baraareera.

Jimaata darbe humni galaana Indiaa doonii lammiileen biyyattii 11 fi Paakistaanoota 8 qabattee turte oolchu dubbatan.

Paayiretoota galaanarratti saamicha gaggeessan

Madda suuraa, Getty Images

Doonii qabatan maaliif akka haaraatti eegale?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Saamtoonni galaanaarra Somaaliyaa akka haar’aatti kan eegalan qaawwa nageenyaa umamee arganii ta’uu danda’a yaada jedhutu jira.

Tirools Barshaal Heeniingsan Kolleejjii Royaal Diifens Daaniishitti pirofesara gargaaraadha.

Bara 2005 fi 2012tti naannichatti saamtoonni galaanaarraa baayyachuu eegallaan biyyoonni addunyaa waliin ta’uun bakka sana tikkisuu eegalan.

Haata’u malee, haleellaa hidhattoonni Huutii dhiheenya Galaanaa Diimaarratti raawwataniif jecha humnootiin kunneen teessoosaanii jijjirataniiru jedhu.

‘‘Yoo afaan waraanaatiin dubbannus, haleellaa misaa’eliifi diroonii Huutii Yaman ittisuun hojii olaanaadha. Kanaaf, lamaanuu yeroo tokkotti hojjachuun cimaadha’’ jedhu hayyuun kun.

Komishiniin Galaana Indiyaa dhaabbata biyyoota akka Siishelsiifi Komoroos jiran keessatti argamaniidha. Komishinichi ibsa torban darbe baaseen, sababii saamtoonni galaanaarraa akka haaraatti itti eegalaniif kan biraa jira jedha.

Saamtoonni galaanaarra Somaaliyaa miidhaa olaanaa qaqqabsiisanii kan ture wagga 10 dura.

Amma warri qurxummii qaban tokko tokko dhaabbileen biyya alaa karaa seeraan alaatiin qurxummii qaban hojiisaanii wayita jalaa fudhatan gara saamicha galaanaarratti seenan jedha Komishinichi.

Gareen hidhattoota Islaamaa Al-Shabaab, kan maallaqa saamtoonni galaanaarraa saaman irraa komishinii kan argatu yoo ta’u, saamtootaaf meeshaa waranaa akka kennan gabaasaaleen agarsiisan bahu eegalan.

Hidhattoonni dooniiwwan qabatan maal barbaadu?

Baroota 2005 fi 2012tti saamtoonni galaanaarraa Ganfa Afrikaatti argaman dolaara miiliyoona 339-413 ta’u saamusaanii Bankiin Addunyaa gabaaseera.

Kanas kan raawwatan dooniiwwan to‘annoo jala oolchuufi hojjattoota qabachuun kaffaltii gaaffachuun.

Barsiisaan Yunivarstii Biyyaaleessaa Naayijeeriyaa, Saamu’el Oyaweelee danquun dhiheenya kana keessa mul’ataa jiru kaayyoonsaa maallaqa jedhu.

Hayyuun qarqara galaana Afrikaa Bahaa qoratan kun, sababiin gara biraas jiraachuu akka malu tilamamanilleen hubachuun salphaa hin ta’u jedhu.

‘‘Buutiin doonii kanaan dura naannichatti ture eegdoota qarqara galaanaa idil-addunyaan dhorkuun danda’amee ture. Amma garuu sababiinsaanii maal akka ta’e hubachuun cimaadha,’’ jedhan.

Komishiin Galaana Indiyaa butiin dooniiwwan dhiheenya mul’atan ‘‘yaaddeessaadha’’ jechuun, Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Farra-saamtoota Galaanarraa ariitiidhaan walgahii taa’uu qaba jechuun gorse.

Dhaabbileen walfakkaatan kan biraas butii qarqara galaana Somaaliyaarratti mul’ataa jiran ‘‘baayyee yaaddeessoodha’’ jechuun ibsa baasaniiru.

Ta’us haleellaan karaa daldalli addunyaa ittiin dabru kanarratti raawwatamaa jiru ‘‘taatee gara biraatiin dhokateera’’ jedhan gargaaraan pirofessaraa kun.

‘‘Taateen Galaana Diimaa irratti ta’aa jiru dhugaatti xiyyeeffannaan kana caalu kennamuuf kan qabaatudha, balaafamaadhas,’’ jechuun haleellaan hidhattoota Yaman kan saamtoota Somaaliyaa akka hagugee dubbatu.

Muddama naannichaa

Komishiiniin Galaana Indiyaa akka jedhutti, taatee dhiheenya kana doonii mudatan keessaa kan jaha ta’an kan saamtoota galaanarraatiin raawwatamanidha.

Biiroon Maariitaayims Intarnaashinaal gamasaatiin, ‘‘danqaawwan doonii kan saamtoota galaanaarraatiin raawwatamanidha’’ jechuun BBCtti hime.

Miidiyaalenis saamtoonni erga dooniiwwaniifi hojjattootasanii to’atanii booda gadi lakkisiisuuf maallaqa gaafataa jiru jechuun gabaasan.

Yunvarsitii Cheestaritti hayyuu Gaanfa Afriikaa kan ta’an Dr Jees Siimoondis, taatee danquu tibbana mudatan tasgabbiin qorachuu barbaachisa jechuun yaada kennan.

Xinxalli kun Biyyoota Gamtoamanii eeruun akka ibseetti, saamichi galaanarraa naannoo bishaan biyya tokkoon alattis mudachuu danda’a.

Dr Heeniingisan fi Dr Oyeweeleen humni galaanaa idil-addunyaa naannicha to’ataa ture haleellaa qarqara galaanaa dhiheenya Yamanitti mudatu ittisuuf gara sanatti imalurreen, ammalleen dandeettii saamtoota Somaaliyaa ittisuuf dandeettii qabu jedhu.

EUNAVFOR Atilaantaa fi humnoonni galaanaa kan akka Indiyaa fi US jiran tibbana haleellawwan hedduu fashaleessuu danda’aniiru.

Haata’u amlee, Komishiiniin Galaana Indiyaa akka jedhuutti, humna galaana Indiyaa malee kaan humna gadaanaan naannicha keessa socho’aa jiru.

Dr Oyeweeleen akka jedhanitti, rakkoon siyaasaa naannicha jiru saamicha galaanarraa amma mudateef gummaacha taasiseera.

Hidhattoonni Huutii tarkaanfii waraanaa amma Israa’el Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu kan dhaabdu yoo ta’e tarkaanfii amma dooniiwwan irratti fudhataa jiran akka dhaabban waadaa galan.

Somaaliyaan ammoo walabummaashee kan labsite Somaalilaand waliin wal dhabdee keessa jirti.

Somaaliiland dhiheenya kana waliigaltee wal hubannoo Itoophiyaa waliin mallatteessite hordofuun, akkasumas walitti dhufeenyi Somaaliyaan Itoophiyaa waliin qabdus muddama keessa galeera.