Gurgurtaan meeshaalee waraanaa US bara 2023 biyyoota alaatti taasiste sadarkaa olaanaa qabate

Taankii Abrahaam M1A2, leenjii waraanaa humnoonni US fi Poolaand waliin taasisan irratti

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan bara darbe (2023) keessa meeshaalee waraanaa biyyoota addunyaatti gurguruun kan ishee gitu hin turre. Irra jireessaan waraana Raashiyaa fi Yukireentu gatii olkaaseef.

Walumaagalatti meeshaalee waraanaa gosa garaagaraa doolaara biiliyoona 238n gurgurteetti.

Ministeerri haajaa alaa US akka jedhutti mootummaan US kallattiin gabaatti baasee kan gurgure doolaara biiliyoona 81, kun kan bara 2022 haala walfakkaataan raawwateen yoo walbira qabamu dhibbeentaa 56 dabale.

Kaan kubbaaniyyaa humna ittisaa biyyattiitu biyyoota alaan walarguun gurgure.

Ollaa Yukireen kan taate Poolaand dhiheenya kana humna waraanaa ishee babal'isaa jirti, kanaaf meeshaalee waraanaa US kunneen heddumminaan bitteetti.

Poolaand helikooptaroota waraanaaf filatamoo ta'an doolaara biiliyoona 12n, rookeetii waraanaa akkaan fooyya'aa ta'e- High Mobility Artillery Rocket Systems (Himars) jedhamu doolaara biiliyoona 10n akkasumas, taankii waraanaa- M1A1 Abrams tanks jedhaman ammoo doolaara biiliyoona 3.7n bitatte.

Gabaasa kana ministeera haajaa alaa Ameerikaatu Onkoloolessa darbe wayita gabaasa waggaa dhiheessu ibse.

Poolaand humna waraanaa qilleensarraa fi ittisa haleellaa misaa'elaa irratti tajaajila argattuufis doolaara biiliyoona 4 baasteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Muummee Doonaald Taask hojii damee waraanaa ammayyeessuu fi babal'isuu mootummaan konsarvaatiivii isaan dura ture eegale cimsanii akka itti fufan waadaa seenaniiru.

Karoorri kun galmi isaa Awurrooppaa keessaa ''Poolaand dachee humna qabeettii fi sodaatamtuu'' gochuudha.

Jarmaniin ammoo helikooptaroota Chinook jedhaman doolaara biiliyoona 8.5n bitteetti.

Bulgaariyaan konkolaattota waraanaa meeshaalee waraanaa hidhatan doolaara biiliyoona 1.5n bitatte.

Noorway ammoo helikaptaroota ergama garaagaraa raawwatan doolaara biiliyoona 1n bitte.

Akkasumas Rippaabiliki Cheek jeettiiwwan waraanaa F-35 jedhaman fi meeshaalee waraanaa dhuka'an kaan doolaara biiliyoona 5.6n Ameerikaarraa bitteetti.

Gabaan meeshaalee waraanaa US kun wayita biyyoonni hedduun Raashiyaatti dugda galan akkaan dabaleera.

Raashiyaan meeshaalee waraanaa gurguruudhaan waggoota kurna hedduuf Ameerikaatti aantee sadarkaa lammaffaarra turte.

Bulchiinsi Pirezidant Joo Baayidan deeggarsi Ameerikaan Yukireeniif taasistu diinagdee biyya keessaa deeggareera, kunimmoo karaa gurgurtaa meeshaalee waraanaa dhufe jedha.

Biyyoota Awurooppaan alattis biyyoonni addunyaa hedduun meeshaalee waraanaa Ameerikaarraa bitaniiru.

Kooriyaan Kibbaa doolaara biiliyoona 5n, Awustiraaliyaan doolaara biiliyoona 6.3n, Jappaan doolaara biiliyoona 1n bitaniiru.