Ilhaan Omaar dhimma Itoophiyaarratti yaada kenniteen Ameerikaadhaa akka ari'amtuuf gaaffiin dhihaate

Ilhaan Omaar

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsa Filooriidaa kan bulchan gameessi siyaasa Ameerikaa keessatti dhiibbaa uumuun beekaman Roon Diisaantis, dhalattuun Somaaliyaa Ilhaan Omaar lammummaan Ameerikaa isheen qabdu irraa mulqamee akka hari'amtu gaafatan.

Roon Diisaantis miseensi kongiresii Ameerikaa Ilhaan Omaar Ameerikaa keessaa akka baafamtu kan gaafataniif, namni siyaasaa kun bakka walga'ii dhalattoota Somaaliyaa tokkotti haasaa isheen taasifte hordofuuni.

Miseensa paartii dimokiraat kan taate bakka buutuun bulchiinsa Menisootaa Ilhaan Omaar haasaa falmisiisaa kan taasifte Sambata darbe hawaasa Somaalee Ameerikaa jiran waliin hoteela tokkotti walga'ii gaggeessite irratti.

Haasaa ishee miidiyaa hawaasaa irratti baayyinaan qoodamuun namoota hedduu gidduutti falmii kaasise kanaan, waliigaltee Somaalilaand fi Itoophiyaan waliif mallatteessan mormuun yaadashee kennite.

Somaaliyaarraa adda baatee akka bulchiinsa walabaatti kan of bulchaa jirtu Somaalilaand ji'a tokko dura waliigaltee walhubannoo Itoophiyaaf carraa ulaa galaanaa banu mallatteessitee turte.

Ilhaan dantaa Somaaliyaa kabachiisuuf bakka mana maree Ameerikaa keessatti qabduutti fayyadamuun waan barbaachisu hunda akka raawwattu dubbattee jirti. ‘‘Ijoolleen keessan keeessaa tokko dantaa keessan bakka bu’uun kongirasii keessatti argamti. Hangan mana maree Ameeriikaa keessa jiruutti Somaaliyaa yaaddoon hin mudatu. Ulaan galaanashees Itoophiyaanis ta’e biyya biraatiin hin fudhatamu…’’ yoo jettu dhagahamti.

Ilihaan itti dabaluudhaanis, ‘‘Jalqaba ani Somaaleedha. Ittaanse ammo Islaamaa’’ jechuun dubbachuun ishee namoota siyaasa Ameerikaa caalaa kana arse ta’eera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Dhiheenya kana paartii Riippablikaanii bakka bu’uudhaan pirezidantummaadhaaf Doonaald Tiraamp waliin dorgomaa kan turan Dii Saantiis, haasaa Ilhaan Omaar kana hordofuun barreeffama toora X isaaniirratti barreessaniin, ‘‘Kongrasii keessaa ari’atamtee, lamummaanshee mulqamuun biyyaa haa ari’atamtu!’’ jechuun gaafatan.

Isaaniin alattis miseensi Kongirasii kan biraa Maarjoriil Giriil ‘‘kan shororkeessitootaaf gara laafummaa qabduudha,’’ jechuun Ilhaamii Omaariin kan qeeqxxe yoo ta’u, ilmi Tiraamp Donaaldi Tiraamp Jiiniiyar ammo, Ilhaam ‘‘Somaaliyaafi Islaamaaf dursa kennuusheetti Ameerikaan ajandaa ishee miti,’’ jedhan.

Ilhaam dursitoota paartii riippablikaanii fi deeggartoota waliin kanaan duras irra dedebiin falmii keessa seenaa turte.

Ilhaam keessattuu pirezidantii Ameerkaa duraanii Doonaald Tiraamp waliin irra dedebiin morkii keessa kan galaa turte yoo ta’u, Tiraampis, ‘‘biyyattii akka daa’ima wagga saddeetiitti dursaa jiru’’ jechuun dubbiin tuqxee turte.

Diisaantiis

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ilhaan yaada kana kan kennite Tiraamp duula filannoorratti baqattuu ta’usheefi biyya irraa dhufe yaadachiisuuf, ‘‘biyya keenya attamiin gaggessuu akka qabnu nutti himuu barbaaddi. Biyya irraa dhufteef maal goote? Biyyi kee attamitti jirti?’’ erga jedhaniin booda ture.

Deeggartoonni Tiraamp, warri Islaamaafi baqattoota jibban, hiriira siyaasaa irratti dhaadannoowwan "Ilhaan gara irraa dhuftetti deebisaa’’ jedhan dhageessisaa turan.

Ilhaan obbooleessasheetti eerumte jirti jedhamuunis FBIn qorannoo irratti gaggeessaa ture.

Baatiiwwan muraasaan dura ammoo, miseensa warra Dimokiraatotaa kan taate Ilhaan, Israa’el ilaalchisuun ‘‘yaada hin taanee’’ kenniteetti jedhamuun mana-maree Ameerikaatti furtuu kan ta’e koree dhaabbataa dhimma alaa keessaa Riippablikaanotaan ari’amtee turte.

Ilhaan erga bara 2019tti Israa’el humna maallaqaan siyaasa Ameerikaa micciiraa akka jirtu ilaalichisuun yaada kenniteen booda, Naansii Peeloosii fi Dimookraatonni kaan osoo hin hafiin baayyee qeeqaa turan.

Ilhaan Omaar gamasheetiin, waan dubartii Islaamaa ta’eefi baqannaadhaan gara Ameerikaa waanan dhufeef kun irratti raawwatamuu himti.

Bakki dhalootashee Somaaliyaa Moqaadishoo kan ta’e Ilhaam Omaar, baqannaadhaan Ameerikaa kan seente jalqaba bara 1990tti ture.

Ilhaan bara 2016tti erga miseensa mana-maree Ameerikaa taate filatamtee booda, Islaamaa miseensa mana-marichaa jalqbaa keessaa ta’uu dandeesseetti.