Itoophiyaan Somaalilaand wajjin waliigaluusheen seerri idil-addunyaa cabe jiraa?

MM Abiy Ahmad fi Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud

Madda suuraa, PMO & Getty Images

Itoophiyaafi Somaaliland Amajjii 1, 2024 irratti waliigaltee wal-hubannoo waliif mallatteessuusaanii hordofee siyaasni Gaanfa Afrikaa hoo'aa jira.

Somaaliyaanis Itoophiyaan birmadummaakoo keessa seente jechuun baay'ee dheekkamte.

Waliigalteen wal-hubannoo Itoophiyaafi Somalilaand dhimmoota wal-ta'iinsa diinagdee, investimentiifi nageenyaa kan of keessatti hammatuu ta'ee Itoophiyaan Galaana Diimarraa karaa ittiin ulaa galaanatti baatu akka argattu kan taasisuudha.

Karra galaanaa buufata daldalaaf oolu qofa osoo hin taane Itoophiyaan buufata waraana galaanaa akka ijaartu kan hayyamus qaama waliigaltee kanaati.

Somaalilaand bakka Itoopihyaaf ulaa galaanaa kennituuf Itoophiyaarraa beekamtii biyya ta'u akka argattu beeksifte.

Somaalilaand biyya kamiinuu akka biyya walabaatti beekamtii hin qabdu, akka qaama Somaaliyaatti ilaalamti.

Itoophiyaafi Somaalilaand waliigaluusaanii hordofee iyyata Somaaliyaan dhiyeeffataa jirtu keessaa tokko, 'Itoophiyaan seera idil-addunyaa cabsuun dhimma biyyakoo keessa galteetti' kan jedhudha.

Tarkaanfiwwan dippilomaasiifi seeraa garaa garaa akka fudhattus beeksifteetti.

Ofii Somaaliyaan tarkaanfiwwan seeraa akkamii Itoophiyaarratti fudhachuu dandeessi?

Itoophiyaan Somaalilaand, kan Somaaliyaan qaaama kooti jettuun, waliin waliigaltee mallatteessuuf seerrishee deeggaru ykn dhorku jiraa? Gaaffilee kannirratti ogeessa seeraa idil-addunyaa kan ta'an Dr. Heenok Gabbisaa gaafanneera.

'Seerri idil-addunyaa qaawwa qaba'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ogeessi seeraa Dr. Heenok Gabbisaa akka jedhanitti Itoophiyaan Somaalilaand, kan beekamtii addunyaa hin qabne, wajjin walii galtee gochuu seerri dhorku akka hin jirreefi gama biroon ammoo akka jirus tumaalee seeraa idiladdunyaa garaa garaa akka fakeenyatti fudhachuun ibsu.

"Itoophiyaan seera cabsiteetti jedhanii falmuun ni danda'ama. Lakki, Itoophiyaan seera addunyaa hin cabsine jedhanii falmuun ni danda'ama," jechuun falmii gama lachuunuu jiru kaasu.

Itoophiyaan Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kooti jettu wajjin walii-galtee mallatteessuusheen seera addunyaa hin cabsine jedhanii falmuuf ragaan dhiyaatu biyyi ykn qaamni kamiyyuu waliigaluuf ykn wal-ta'iinsa uumuf hayyama qaama biraa gaafachuun hin barbaachisu kan jedhuudha.

"Keessumatti waliigaltee daldalaa, kan michummaa ykn walgargaarsaa walii mallatteessuf akka biyyaattis ta'ee akka dhaabbataatti ykn akka nama dhuunfatti hayyama nama biraa hin barbaachisu," jechuun Itoophiyaan Somaaliyaarraa hayyama gaafachuun akka ishee hin barbaachifne kaasu.

Walii galtee biyyooleessaa waliif mallatteessuu kan danda'u biyyoota beekamtii qaban qofaadhamoo biyyoonni beekamtii idiladdunyaa hin qabnes mallatteessuu danda'u? kan jedhu falmii jiruufi seerri addunyaa bakka qaawwa itti agarsiisu akka ta'e kaasu ogeessi seeraa kun.

Gama kanaan qaawwa seerri idiladdunyaa qabu dhimma Morookofi Western Saharaa gidduu jiru akka fakkeenyatti kaasun biyyoonni beekamtii idiladdunyaa hin argannes waliigaltee mallatteessuu akka danda'an ibsu.

"Biyya Morookoo keessa keezii [dhimma] Western Sahara jedhamutu ture. Isaanis Morookon wal-dhabanii akka biyyatti of danda'anii falmiitu gaggeeffamaa ture," jechuun dhimmichi gara Mana Murtii Haqaa Idiladduntaatti geeffamee murtee falmisiisaa ta'e akka argate himu.

"Manni Murtii Haqaa Idiladdunyaa waliigaltee idiladduntaa mallatteessuu kan danda'u biyyoota beekamtii qaban [state actors] qofa osoo hin taane kanneen beekamtii hin qabnellee [non-state actors] ykn gareeen tokko osoo mootummaa ykn biyya hin ta'in mallatteessuu danda'a kan jedhu murtii kanaan dura murtaa'etu jira," jedhu.

Akka ogeessi seeraa kun jedhanitti qaamoleen beekamtii idiladdunyaa hin qabne kanneen akka Somaalilaand, Taayiwaan, Tibeet, Western Saharaa fa'aa biyyoota beekamtii qaqabis ta'ee qaamolee biroo waliin walii galtee mallatteessuu ni danda'u.

Itoopiyaadhaan ulaa galaanaa kan daldaalafi waraanaa akka irratti misoomsituuf waliigaluu kan beeksifte Somaalilaand ani biyya jettee erga labsattee waggaa 30 guutera.

Humna waraana waraanaa, pirezidaantii, maallaqa mataashewe qabdi. Somaaliyaa caala lafa tasgabbiifi nageenyi jiruudha. Akkasumas filannoo dimokiraatawaadha jedhame si'a heddu gaggeessiteetti. Akka qaama Somaaliyaa hin taanefi biyya of dandeesse taatee ollaa Somaaliyaa jirtutti of ilaalti.

Haa ta'u garuu Somaaliyaan akka qaamasheettu malee akka biyya walabaatti Somaaliyaa hin ilaaltu. Waliigaltee wal-hubannoo Itoophiyaafi Somaalilaand taasisanis fudhatama dhabsiisun yaaddoo birmadummaa kiyyarratti labsame jettee jirti.

Kanumarraa ka'uun dhaabbileen akka Gamtaa Afrikaa, IGAD, Liigii Arabaafi Gamtaa Awurooppaafi biyyoonni akka US, Chaayinaa fa'aa walabummaan birmadummaa daangaa Somaaliyaa akka kabajamuufi Itoophiyaafi Somaaliyaan karaa nagaan garaa garummaasaanii akka furataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Dhiyeenyuma kana Manni Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa dhimma Somaaliyaafi Itoophiyaarratti kora taa'en biyyoonni lamaan garaa garummaasaanii bifa birmadummaa walii kabajeen akka furataniif akka mariyatan yaada dhiyeessus Somaaliyaan waliigateen Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan haqamu malee 'Itoophiyaa wajjin mariin gaggeessu hin jiru' jetteetti.

Ministiirri Odeeffannoo Somaaliyaa Daawud Awees Jaamaa kanaan dura BBC NewsHour waliigalteen wal-hubannoo Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan birmadummaa Somaaliyaa kan sarbu ta'uu himuun biyyisaanii bifa kamiinuu birmadummaafi daangaashee akka tiksitu himanii ture.

"Bulchiinsi naannoo tokko waliigaltee idil-addunyaa silaa mootummaan Somaaliyaa mallatteessuu qabu mallatteessuun birmadummaa Somaaliyaa sarbuudha. Kanaafidha daangaa Somaaliyaarraa taakkuun tokko biyya ykn qaama kamiifuu hin kennamu kan jennuuf," jedhan.

Haa ta'u garuu Somaaliyaan tarkaanfiwwan seeraafi kanneen biroo fudhachuun ala Itoophiyaa wajjin lola keessa seenuf fedhii akka hin qabne himan qondaalli mootummaa Somaaliyaa kun.

Somaaliyaan Itoophiyaarratti tarkaanfiwwan seeraa akkamii fudhachuu dandeessi? Seerri Idiladdunyaa ishee deeggaru kami? Ogeessi seeraa Dr. Heenok Gabbisaa Somaaliyaan Itoophiyaarratti dhiibbaa gaggeessuf carraa qabdu kaasu. Innis Itoophiyaan akkuma qaama beekamtii idiladdunyaa wajjin waliigaltee gochuu dandeessu seerri hayyamu jiru, kan dhorkus jiraachudha.

Yaadi lammaffaan isaan kaasan ammoo akkaataa waliigaltee addunyaatti biyyi tokko waliigaltee mallatteessuu kan dandeessu biyya beekamtii idiladdunyaa qabdu waliin akka ta'e kaasu.

"Itoophiyaan Somaalilaand, biyya beekamtii addunyaa hin qabne, wajjin walii galtee addunyaa (treaty) mallatteessuu hin daneessu jedhanii ragaan dhiyaatu birmadummaafi tokkummaa daangaa biyyooleessaa (sovereignty and territorial integrity) tumsuurraa kan ka'uudha," jechuun addunyaan Somaalilaand akka qaama Somaaliyaatti waan fudhatuuf walii galteen kun gama biraan kufaa akka ta'u himu.

Qaraqara galaanaa

Madda suuraa, Getty Images

"Somaaliyaan, nuti rakkoo haa qabaannu malee biyya tokkoodha; Somaalilaand biyyi jedhamtu hin jirtu jedhanii fudhatu. Kanaaf, yoo waliigaltee uumte Somaaliyaa wajjin malee adda baastee kophaatte Somaalilaand wajjin walii galtee uumuu hin dandeessu kan jedhu falmiin jira," jechuun Somaaliyaan kana qabattee wal-tajjii idiladdunyaarratti dhiyaachuu akka dandeessu kaasu.

Bifuma wal-fakkaatun Itoophiyaan qaama beekamtii addunyaa hin qabne, Somaalilaand, wajjin waliigaltee mallatteessunshee Seera Walitti Dhufeenya Dippilomaasii Veenaa (Veinna Diplomatic Convention) kan bara 1963 biyyoonni waliif mallattessan kan cabsu ta'uusaatin Somaaliyaan kanas qabattee akka falmitu kaasu.

Akkaataa seera kanaatti waliigaltee idil-addunyaa mallatteessuu kan danda'u biyyoota beekamtii addunyaa qaban (state actors)dha.

"Qabxiin guddaan waliigaltee dippilomaasii Veenaa sana keessa jiru, biyyi kamuu hariiroo dippilomaasii gaafa uumtu biyya beekamtii qabdu waliin osoo birmadummaa lafaafi uummata biyya sanaa hin jeeqin walii galtee uumuu qabdi malee sana cabsuu hin qabdu kan jedhu achi keessa jira," jechuun Somaaliyaan falmii kana akka kaastu himu.

Biyyoonni gurguddoonis birmadummaafi tokkummaan daangaa Somaaliyaa eegamuu akka qabu ibsaa kan jiraniif waliigaltee Veenaa dippilomaasin biyyoota addunyaa ittiin gaggeeffamu bu'uura godhachuun akka ta'es kaasu.

Heera Itoophiyaa Keeyyata 51 muraa 8 jalatti mootummaan federaalaa itoophiyaa waliigalteewwan idiladdunyaa mallatteessuf aagoo akka qabu ifa godha.

"[Mootummaan federaalaa] tarsiimoo alaa baasun hojiirra oolcha, waliigalteewwan idiladdunyaa mariyachuun ni murteessa," jedha.

Akkaataa Kora Konveenshinii Veenaa bara 1969 irratti murtaa'etti waliigaltee (treaty) jechuun seera idil-addunyaatiin kan gaggeeffamu ta'ee waliigaltee biyyoota lama gidduutti bifa barreeffaman taasifamuudha.

Kanaaf akka hiika seera kanaatti Itoophiyaan Somaalilaand, kan beekamtii idiladdunyaa hin qabne, wajjin waliigaltee idiladdunyaa gaggeessuu hin dandeessu jechuudha.

Qaama seeraa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ta'e Manni Murtii Haqaa Idiladdunyaa ammoo biyyoonnis ta'ee gareen beekamtii idiladdunyaa hin qabne waliigaltee idiladdunyaa raawwachuu akka danda'an murteessee akka beeku dhimma Western Sahara fakkenya fudhachuun seerri idiladdunyaa Itoophiyaas Somaaliyaas deeggaru akka jiru kaasu ogeessi seeraa Dr. Heenok Gabbisaa.

'Seerri addunyaa seera dadhabaadha'

Waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand hordofee Somaaliyaa heddu kan dheekkamsiise dhimma ulaa galaanaa daldalaaf oolu Itoophiyaan argachuu caala Itoophiyaa buufata humna galaanaa Galaana Diimarratti ijaaruf Somaalilaand wajjin walii galuufi bakkasaammoo gara fuulduraatti Somaalilaandif beekamtii kennuudha.

Itoophiyaan ammatti Somaalilaandif beekamtii kenneera jechuu baattus adeemsa keessa akka kennituuf ifa gootetti. Kuni Somaaliyaa baay'ee dheekkamsiise.

Kanarraa ka'uun tarkaanfiwwan tarkaanfiwwan dippilomaasii garaa garaa fudhachuu eegalteetti.

Somaaliyaan gama seeran caala gama dippilomaasin hawaasa idiladdunyaa heddu of duuba hiriirsuu akka dandeessu kaasu Dr. Heenook.

Gama biroon ammoo Somaaliyaan gama seeran kana isheen gochuu dandeessu Mana Murtii Haqa Idiladdunyaatti Itoophiyaa himachuu akka ta'e kaasu.

"Tarii dhimmi Somaaliyaafi Itoophiyaa kun gara Mana Murtii Haqaa Idiladdunyaatti deemuu danda'a. Warri Somaaliyaa abukaatoo akka addunyaatti yoo bitachuu danda'an, Itoophiyaa himachuudhaf waan isaan dandeessisu gahaa qabu jedheen yaada," jedhan.

Manni Murtii Haqaa Idiladdunyaa wal-dhabdee biyyoota gidduu jiru dhaggeeffachuun gorsa seeraa akkasumas murtee dabarsuudha.

Dr. Heenok akka jedhanitti garuu seerri addunyaa yeroo heddu falmisiisaa, kan qaawwaa qabuufi hojiirra oolchurrattis baay'ee dadhabaa akka ta'e kaasu.

"Rakkoon akka addunyaatti ka'u yeroo baay'ee murtii seeraa gahaa hin qabu. Yeroo hunda, dhimma hundumaarratti qaawwaa seeratu argama. Dhuguma dubbachuuf seerri addunyaa seera baay'ee dadhabaadha. Hojiirra kan hin oolle, ilkaan kan hin qabne, hojiirra oolmansaa zeerodha jechuu dandeenya," jedhu.

Gama biroon ammoo murtee seerota idiladdunyaatif yeroo heddu biyyoonni kabaja akka hin laannefi hojiirra akka hin oolchine himu sababni isaa biyyoonni fedhiisaanitiin yoo hojiirra oolchan malee poolisiin qabee biyya tokko seeratti dhiyeessu akka hin jirre kaasu.

Dhimmoota walitti dhufeenya biyyoota gidduu jiruufi biyyootafi kanneen beekamtii idil addunyaa gidduu jirurratti akka qaawwan ykn hir'inni seeraa dippilomaasii fayyadamuun inni tokko kaan irratti dhiibbaa uumuu akka malus kaasu.

Gama kanaan Somaaliyaan maqaa birmadummaafi tokkummaa daangaa biyyoolessaa (sovereignty and territorial integirty) jedhuun hawaasa addunyaa of duuka hiriirsun dhiibbaa geessisuu malti.