Ambaasaadarri Itoophiyaa mootummaa fi ummata Somaaliyaa dhiifama gaafatan

Ambaasaadar Muktaarii fi pirezidaanti Somaaliyaa

Madda suuraa, THEVILLASOMALIA

Somaaliyaatti Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Muktaar Mahaammad Somaaliyaa ilaalchisee yaada miidiyaa biyya keessaa tokkoof kennan ''dogogora'' tahuu amanuun dhiifama gaafatan.

Ambaasaadarichi dubbii isaanii keessatti Somaaliyaan ''bu'aa koloneeffattootaati'' jechuun yaada dubbatanii fi haala nageenya biyyattii keessaa irratti yaada kennaniif uummataa fi mootummaa biyyattii dhiifama kan gaafatan.

Ambaasadarichi dubbii isaanii ummata Somaaliyaan komatame kanaaf fuula X isaanii irratti jechi fayyadaman ''dogogoradha'' tahuu ibsan.

Gaaffiif deebiin ambaasaadarichaa kan tamsa'e Dilbata kaleessaa Amajji 28, 2024 miiidyaa mootummaatti dhiyeenya qabu FBC irratti ture.

Gaaffiif deebiin torban darbe kana darbe eenyummaa dhuunfaa ambaasaadarichaa, muuxannoo hojii duraan qaban, akkasumas wal hubannaa Itoophiyaa fi Somaaliilaandi irratti kan xiyyeefate ture.

Bara darbe ji'a Muddee keessa Somaaliyaatti ambaasadara tahuun kan muudaman Muktaar, ambaasadarummaan biyyoota hojjetaa turan waliin yoo ilaalamu ''nageenyi Somaaliyaa baay'ee ulfaataa'' tahuu gaaffiif deebicha irratti himanii ture.

Ambaasadar Muktaar ''akka garaakee socho'uu hin dandeessu, yoo sochootes eegumsaani. Konkolaataa rasaasni hin seenne fayyadamteeti kan deemtu. Yeroo kamittiyyuu haleellaa fanjiif saaxilamuu dandeessa,'' jechuun gaazexeesituu gaaffii fi deebii gooteef waliin dubbatan.

Ambaasadarichi ''haala nageenyaa yaaddessaa keessa tahuun itti gaafatamummaa isaanii bahachaa jiraachuu'' himuun hanga ammaatti balaan isaanirra dhaqabe akka hin jirre himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataan Ambaasadar Muktaar waa'ee hundeeffama Somaaliyaa fi Somaaliilandi gaaffii fi deebicha irratti kaasaniiru.

Somaaliyaan ''biyya gita bittaan ijaaramte'' tahuu kan dubbatan Ambaasadarichi, Somaaliyaa fi Somaaliilaandi bara 1960 keessa bilisummaa isaanii argatanii guyyoota muraasa booda ''akka tokko tahan'' dubbatan.

''Somaaliyaa fi Somaaliilaandi afaan, aadaa fi amantaan wal fakkaanna jedhanii tokko tahan malee seenaa lamaan isaanii qaban adda adda ture'' jedhan.

Rakkoon kan uumame wal ta'insaan boodadha, Somaaliilaandi miidhaan nurra gaheera komii jedhu kaasu'' jedhan.

Dubbiin ambaasadar Muktaar kun afaan Somaaleetti hiikamee miidyaa hawwaasaa irra kan tamsa'e yoo tahu, uummata biyyattii biratti dheekkamsa guddaa kaaseera.

Televizhiniin Faanaa viidiyoo gaaffii fi deebii ambasadaricha waliin godhee You Tube irratti maxxansee fi marsariitii isaanii irratti baase kaaseera.

Ambaasadar Muktaaris dubbiin isaanii kun dheekkamsa kaasuu caqasuun fuula X isaanii irratti dhiifama gaafataniiru.

Mootummaa Somaaliyaa fi uummata biyyichaa onnekorraan dhiifama gaafadha. Jechootni koo dogogora qbau ture, hariiroo keenya miidhuuf yaadee miti,'' jedhan.

Itoophiyaa fi Somaaliyaan hariiroo gadi fagoo qabaachuu kan kaasan ambaasadarichi, walitti dhufeenyaa fi hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf kutannoon akka hojjetan ibsaniiru.

Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf wal hubannoon Somaaliilaandi waliin mallatteesite hariiroo Somaaliyaa waliin qabdu muddama keessa galcheera.

Akka waliigaltichaatti Itoophiyaa Somaaliilaandi irraa hulaa galanaa fi buufata waraanaa bakkatti ijaartu argatti.

Bakka isaamoo ofiin of bulchuu erga jalqabde umurii waggaa 30 qabdu Somaaliilandiif beekamtii biyyummaa kenniti kan jedhudha.

Gaggeesotootni biyyoota lameenii [ Abiy Ahimedii fi Hasan Sheek Mahaammad] wal gahii biyyoota Afrikaa fi Xaaliyaanii Roomitti gaggeefamaa jiru cinatti waliin mari'atu jedhamee eegama.