Tapha sammuufi Shubbisa Maartinez taphattoota Faransaay raatesse

Tapha ajaa’ibsiisaa Waancaa Adunyaa Dilbataa dursee namootni hedduun waa’ee Liyonel Mesii fi Kiiliyaan Imbaappee akka haasa’aa turan ni hubatama. Dhuma taphichaa irratti maqaan taphataa biraa afaan nama hundaa irra ture-Emiliyaanoo Maartinez.

Tapha ajaa’ibsiisaa, obsa fixachiisaa, diraamaa guutame daqiiqaa 120 fudhate galchii 3 fi 3’n xumurame. Badhaasa kubba miilaa isa guddaa adunyaa kanaa fudhachuuf gara rukuttaa peenaalitiitti galan.

Taphattootni Arjentiinaa tasgabbaa’anii yoo rukutan, karra eegaan isaanii Maartinez ammoo onnee warra Faransaay cabse. Maartinez tooftaa ittiin taphattoota naasisu qaba. Tapha sammuu adda addaa fayyadamuun isaan raatessa jechuun ni danda'ama.

Impaabbeen tapha keessatti rukuttaa peenaaliitii lama lakkoofsiseera.

Kanaaf jalqaba irratti rukutuuf itti gaafatamummaa fudhate. Impaabbeen peenaaliticha lakkoofsisus harki Maartinez xiqqumaaf malee irra gahee ture.

Sana booda karra eegaan Aston Viilaa wal tajjicha dhuunfate. Ammas gara mirgaatti furguggifamuun kubba Kingislii Koomaan galchii irraa oolche.

Taphi sammuu Maartineez akka taphattootni Faransaay hin tasgabboofne godheera.

As irratti dubbachuuf safuudhaa malee, sochiin Maartinez akkatti ibsamu qaba.

Oorileen Takumeenii dabaree isaa kubba fudhatee qajeele. Haa tahu malee. Taakumeeniin amma ganna 22 tahe, kubba gara alaatti dhiite. Sochiin Maartinez karra Arjentiinaa waan itti dhiphese fakkaata.

Maartineez akka leenjisaan duraanii Kiristaal Paalaas Alan Paardiwuun bara 2016 tapha FA Cup Maanchister waliin taphatan irratti shuubbisan shuubbise.

Dubbii keenya irratti Alan Paardiwuun lammii Faransaay yoo tahan kileboota Ingiliz dabalatee kileboota hedduu leenjisaniiru.

Maartinez Kaataaritti kubba cicimoo tahan galchii irraa oolcheera.

Akka isaaf malee Faransaay osoo rukuttaa peenaaliitii hin gahiiniyyuu mo'achuu dandeessi ture.

Maartinez karra eegaa cimaa Waancaa Adunyaa 2022 tahuun badhaafameera. Kunis taphoota hedduu irratti galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin xumuramuu isaafidha.

Arjentiinaaf kan taphachuu jalqabe bara darbe ture. Ergasii garee isaa wlaiin Waancaa 'Coppa America' fi Amma Waancaa Adunyaa mo'ate. Waggaa tokko keessatti jechuudha.

Maartinez Arsenaal keessa waggoota saddet ture. Hanga carraa kana argatutti obsee eegaa ture. Waggoota saddet Arsenaal keessa ture keessatti yeroo jaha ergisaan kilaba biraaf kenname.

Arsenaaliif taphoota Piriimer Liigii 11 irratti qofa hiriiree taphate. Waggaa lama dura ture Aston Viilaa galuun gahumsa guddaa agarsiisaa kan jiru.

" Jecha hin qabu. Rukuttaa peenaaliitii irratti nan tasgabbaa'e. Waan hundumtuu akkuma eegnetti nuuf deeme,'' jedhe Maartineez.

''Waan abjachaa ture hundaan argadhe'' jedhe.

Waa'ee Maartinez ija xiinxaltoota kubba miilaan

Kun Arjentiinaan erga bara 1986 yeroo jalqabaaf waancaa Adunyaa harkaan qabachuuf akka aggaammatu taasise.

Haa tahu malee, Randal Koloo Mu’aanii Faransaayiif galchuun isaa Arjentiinaan miira gammachuu fi yaaddoo keessa akka turtu taasise.

Booda Gonzaaloo Monteel rukuttaa peenaaliitii xumuraa Arjentiinaaf yoo galchu Liyonel Mesiin miira gammachuun lafarra jilbeenfate.

Dhiyeenya sababa dhukkuba onneen kubba taphachuu kan dhaabe Kun Aguweeroo dabalatee taphattootni, gareen leenjiftootaa Arjentiinaa dirree dhuunfatan.

Waggoota 36 eegaa kan turan, Mesiin ammo akka Peelee fa’aa, Maraadoonaa fa’a taphataa guutuu waan hunda mo’ate jedhamuuf kan eegaa ture abjuun Waancaan Adunyaa Kaataaritti dhuguumeef.

Emi Maartineez nama amala gaarii qabudha. Rukuttaa haga tahe nan oolcha jedhee taphattoota kaanitti himee ture,’’ jedhan leenjisaan Arjentiinaa Liyonel Iskaaloonii.

Xiinxaltootni kubba miilaa BBC yaada Maartinez taphattoota gowwoomsu irratti waliigalu.

‘’Shakkii hin qabu rukuttaa peenaaliitii irratti xiinsammuu taphattoota irra dhiibbaa guddaa geesisa,’’ taphataa sarara gidduu duraanii Ingilaandi Jerman Jiinaas.

Alan Shiirer ammoo,’’ isaan jeequuf yaalaa ture, kubba gara alaatti dhiitaa ture, hamma danda’ame dhiibbaa keessa isaan galchuuf yaalaa ture,’’ jedhe.

Taphataan duraanii maanchister Yuunaayitid Riyoo Ferdinaandi, inumaa sochiin isaa sarara duubatti taasisu adda ture, asiif achi socho’aa ture, ija taphataa kubba dhiituu keessa ilaaluun kallattii isaa argataa ture,’’ jedhe.

Maartinez kubbawwan Faransaay galachanillee kallattii isaanii argataa ture. Yoo milkaa’uu baatellee.